Hookkara Afriikaa Kibbaa: Yoo xiqqaate namoonni 72 ta'an du'an

Qaamoleen nageenya eegsisan saamicha dhaabsisuu hin dandeenye

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Qaamoleen nageenya eegsisan saamicha dhaabsisuu hin dandeenye

Erga pirezidaantiin duraanii Jaakoob Zuumaan torbee darbe hidhamanii booda mormii uummataa Afriikaa Kibbaatti mudateen hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 72 ta'an du'aniiru.

Kibxata darbe, torban har'aa, Jaakoob Zuumaan qabamanii mana hidhaatti darbamuu hordofee hookkara dhalate keessatti namoota hirmaatan keessaa 800 kan caalan hidhamaniiru.

Hiriirri bifa mormii uummataan eegalame kun sanbattan lamaan darban irra gara hookkaraatti geeddaramuun, hiriirtonni daandiirratti abidda qabsiisuu, daandii guddaa cufuu fi qabneenya saamuutti ce'an.

Hookkarri kun humna poolisoota ramadamanii ol ta'uusaarraan kan ka'e raayyaan ittisaa biyyattii ramadamee poolisii gargaaraa jira.

Qondaalli poolisii biyyattii Bheki Cele, hanni akka hammaatee fi bu'uuraaleen misoomaa guutummaatti manca'aa akka jiran, akkasumas dhiyeessiiwwan bu'uuraa dhabamuuf akka jiran gaazexeessitootatti himan.

Ministirri Ittisaa biyyattii Nosiviwe Mapisa-Nqakula garuu kutaalee biyyaa KwaZulu-Natal fi Gauteng keessatti labsii yeroo hatattamaa labsuuf haalli nama dirqamsiisu ammatti hin jiru jedhan.

Bulchaan bulchiinsa KwaZulu-Natal Sihle Zikalala hanga yoonaa namoonni 26 ajjeefamuu himan. Namoonni ja'a ammoo bulchiinsa Gauteng keessatti ajjeefaman.

Qondaaltonni biyyattii akka jedhanitti gareen hidhamuu Jaakoob Zuumaa akka carraatti fayyadamuun yakka raawwachaa jiru jira.

Kaan ammoo mufannaan uummataa kun hoji-dhabdummaa fi hiyyummaarraa madda jedhu. ''Mufiin hagamiiyyuu yoo jiraate, qabeenya namaa saamuu fi barbadeessuun seeraan ala,'' jedhan Aab Cele.

Qondaalli waraanaa biyyattii kun akka jedhanitti namoonni hookkara kana kaasaniiru jedhamanii shakkaman 12 irratti qorannoon gaggeeffamaa jira.

Hookkara kanaaf sababi oduu sobaa miidiyaa hawaasummaarratti tamsa'eedha jedhama, paartiin biyya bulchu ANC'n ammoo ergaa tiwiitaraa intala Zuumaan barreeffame qorataa jiraachuu hime.

"Ergaan ishee maal jechuu akka ta'ee fi garamitti deemuu akka fedhan akka ibsitu barbaanna,'' jedhan qondaalli paartichaa Jesse Duarte.

Zuumaan bara pirezidaantummaasaanii malaammaltummaan kan himataman yoo ta'u, ajaja mana murtii tuffachuun ji'a darbe himataman.

Himata malaammaltummaan irratti baname kan haalan maanguddoon ganna 79 kun, ji'oota 15 akka hidhaman irratti murtaa'ee ture.

Jaakoob Zuumaan Roobii darbe gara galgalaa poolisiitti harka kennan.