Hokkorri Afrikaa Kibbaatti dhalate daldaltoota Itoophiyaa achi jran yaaddesse

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa hidhamuu hordofee hokkora biyyattii keessatti dhalateen daldaltootni lammiilee Itoophiyaa achi jiraatan yaaddahuu BBC'tti himan.
Hojii daldalaarratti kan bobba'e Daawwit Tawaldamadihiin magaalaa Johaanisbarg daandiiwwan GP fi Biiroo jedhaman irratti daldaltootni Itoophiyaa hedduun haleellaan akka irra hin geenye sodaachuun Wiixata manneen daldalaa isaanii cufanii ooluuf dirqamuu hima.
Daawwit akka jedhutti Dilbata darbe naannoodhuma walfakkaatutti haleellaan yoo raawwatu manneen daldalaa baqattoota Itoophiyaa fi biyyoota biroof poolisiin eegumsa godheera.
Afrikaa Kibbaatti koree hooggansa Waldaa walta'iinsa lammiilee Itoophiyaa kan ta'e Niguus Tamasgeen naannoon daldalaa lammiilee Itoophiyaa, Eertiraa, Paakistaanii fi lammiilee biroo Wiixata cufaa ooluu hima.
''Naannoo Niiwkaastil lammiilee Itoophiyaa lamarratti haleellaan raawwateera. Miidhamni isaanii garuu jabaa miti.
"Har'a naannoo Soweetoo hokkorri waan jiruuf hawaasni daldalaa mana daldalaa isaa cufeera. Kaleessa halkan Darbaanitti manneen daldalaa saamamaa bulan, konkolaataanis gubachaa ture'' jedhe Niguus Wiixata bilbilaan yoo dubbifnu.
Miidhamni guddaa jedhamu hawaasa daldalaa Itoophiyaarra akka hin qaqqabnes dubbateera.
''Kaleessa habashoonni of irraa ittisuuf jecha gara dhaabbata isaaniitti bahaniiru. Kana duras akka isaan saaman muuxannoo isaa qabu waan taheef.
"Saamichaaf akka dhufan waan beekaniif. Wal ajjeesuun waan dhufuuf poolisiinis uummata keenya gargaaruun saamicha irraa ooluu danda'eera.''
Mootummaa waliin yeroo wal dhabdee keessa galan sababa godhachuun baqattootni nuuf haa bahan jechuun itti fayyadamuun saamu jedha Niguus.
Gara kominiitii, imbaasii fi pooliisi deemnee yeroo gabaasnu deebiin kennan gaariidha. Garuu hojiitti yeroo jijjiiran rakkoo hedduutu jiras jedha.
Ka'uumsi isaa maali?
Pireezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa hidhamuu hordofee hokkora dhalateen manneen daldalaa saamamanii gamoowwan ibiddaan gubachaa jiru.
Mootummaan Afrikaa Kibbaa hokkora kana tasgabbeessuuf humni waraanaa akka bobba'u ajajeera.
Hokkora torbee darbe eegalee itti fufe kanaan yoo xiqqaate namootni jaha ajjeefamanii, 200 kan ta'an to'annoo jala oolaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin duraanii biyyattii Jaakoob Zuumaa bara pireezidantummaa isaanii malaammaltummaa raawwatan shakkii jedhuun qorannoo irratti eegalame irratti seera mana murtii eeguu dhabuun balleessaadha jedhamaniiru.
Beellama mana murtii dhimma isaanii qoraturraa hafuu isaaniif adabbiin ji'oota 15 kan itti murame maanguddoon ganna 79 Zuumaan, isa maalaammaltummaan himataman, yakkicha hin raawwanne jedhanii ofirraa ittisuun torbee darbe poolisiitti harka kennatan.

Magaala Johaanisbargi keessatti hojii daldalaan kan jiraatan aadde Ma'aazaa Tasfaayee hokkora dhalateen walqabatee haalli sodaachisaa fi yaachisaan uumameera jedhan.
Jeequmsa, saamichaa fi qabeenya gubuun bakka hedduutti akka dhalatee fi daandileen mormitoota gommaa gubaniin cufamee akka tures dubbatu.

Madda suuraa, Reuters
Sabaa himaaleen biyyattii qabeenya hokkora kanaan manca'e walitti aansanii gabaasaa akka jiranii fi lammiileen Itoophiyaa mana daldalaa isaanii guyyaa lamaaf cufanii oolus himaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa achi jiranii fi miidiyaaleen Johaanisbarg caala Darbaanitti miidhamni cimaan gaheera jedhu jedhan.
''Hokkorri yeroo dhalatu kan miidhamu baqattootadha''
Hokkorri kamuu yeroo dhalatu sana sababeeffatee miidhamni kan gahu hawaasa isa baqataa irrattii jedha Nigus.
Hokkorri akka kanaa akka dhalachuu danda'u guyyoota muraasa darban dubbatamaa waan tureef daldaltootni Itoophiyaa meeshaalee isaanii mana daldalaa keessaa kan baafatan akka turanis ni hima.
''Har'a haleellaan akka raawwatu miidiyaa hawaasaa gubbaatti waan ibsameef haawasni Itoophiyaa hedduun manaa hin baanes" jedha.
To'annoo Koronaaf jecha tarnkaanfiin fudhatame hokkora ammaa kanaan walqabatee diinagdee hawaasaa Itoophiyaa akkaan akka miidhus Niguus dabalee himeera.
Guyyaa kaleessaa manneen daldala konkolaataa lammiilee Naayijeeriyaa fi manneen daldalaa biroon haleelamaniiru jedha Daawit.
''Kaleessaa lammiileen Itoophiyaa ori'anii mana daldalaa isaanii eeguuf bahan. Poolisiinis isaan gargaare. Amma dura garuu Poolisiinis rakkoo uuma ture.''
Johaanisbargi keessatti rakkoon akkasii waan baratameef yeroo mara of eeggannoon sochoonas jedha.
Amma dura lammiilee Itoophiyaa dabalee lammiilee ormaa irratti haleellaan irra deddeebiin raawwatamaa ture.
Baqattootni yoo miidhaman hawaasni idil-addunyaa mootummaa Afrikaa waan gaafataniif mormitootni baqattoota haleelus jedha.














