Jaakob Zuumaa: Pirezidantiin Afriikaa Kibbaa duraanii 'hidhamuuf qophaa'o' ta'u himan

Pirezidaantii duraanii Afriikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa

Madda suuraa, AFP

Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaan yoo manni murtii murteesse hidhaa bu'uuf qophaa'oo ta'u beeksisan.

Ibsa dheeraa Kamisa baasaniin Zuumaan maaliif akka komishiinii himannaa malaamaltummaa isa irratti banamee qoratu fuldura akka hindhiyaatiin ibsaniiru. Yakka kamuu hin hojjenne jedhaniiru.

Zuumaan sirna haqaa biyya isaanii irratti amantaa dhabuulleen dabaluun himan.

''Sirna appaartaayid jala waanan hintaaneefuu, mana hidhaa bu'uu hinsodaadhu jechuun barbaada. Haata'u malees, mataa kiyya sirna mana murtii haqa qabeessa hintaaneefi hacuuccaadhaaf dabarsee of hinkennu.''

Manni murtii Heeraa Afriikaa Kibbaa Kamisa kaleessaa dhimma isaanii irratti murtee dabarse hin qabu.

Mr Zuumaan garuu waamicha akka komishinii himannaa malaamaltummaa irratti banamee qoratu fulduratti dhiyaatuuf kennameef ni didan.

Sababii wayita eeraniis dura taa'aan komishinichaa abbaan alangaa Raay Zoondo anarratti ilaalcha gaarii hinqaban jedhan.

Manni murtii olaanaan biyyatti baatii Ammajjii keessa akka Komishinicha fuuladuratti dhiyaatan ajajee kan ture ta'ulleen, Zuumaan garuu ajaja kana didan.

Abbaan Alangee kimishinichaa Tembeekaa Ngacukaatobiin guyyaa Kamisaa akka jedhaniitti, Zuumaan ajaja mana murtee kan didan ''beekaadha.''

''Mala itti gaafatamummaa jalaa bahuuf raawwatamu irratti qobsaa'aa jirra,'' jedhan.

Abbootin Alamgee hidhaan waggaa lamaa Zuumaa irratti isaan gaafatan kan sadarkaa cimina gochawwan isaanii kan agarsiisuudha jedhan.

Manni murtees dhihootti murtee akka kennuu eegama. Garuu, guyyaansaa hin ibsamne.