Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaapoosaan maallaqa duula na filadhaa deebisuuf

Obbo Raamaapoosaan malaammaltummaarratti haalaan qabsaa'aa turan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Raamaapoosaan malaammaltummaarratti haalaan qabsaa'aa turan

Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaapoosaan maallaqa duula filannootiif kennameef doolaara Ameerkaa 35,000 deebisuuf.

Maallaqa kana kubbaaniyyaa malaammaltummaadhaan himatame ,Bosaasaa, jedhamutu kenneef.

Obbo Raamaapoosaan garuu maallaqni kun kan kenname isaaniif otoo hin taane akka waan ilmasaaniif sababi inni tajaajila gorsaa kubbaaniyyaa kanaaf kenneef kennameefitti paarlaama biyyattiitti dubbachaa turan.

Boodarra garuu akka isaaniif kenname amanan. Duula farra malaammaltummaa ofumaa labsanii turan faallessan.

Amma pirezidaantichi maallaqni duula filannoof kaffalame aanga'oota Kongireesii Biyyaalessaa Afriikaa Kibbaa(ANC) tiin keessa deebi'amee akka sakatta'amu eeyyamaniiru.

Gaafa sadaasa 6 bara 2018 ture Pirezidaanti Raamaapoosaan wayita miseensota paarlamaarraa gaaffii dhiyaateef deebii kennan kan dhimma kana ibsan.

Wayita sana kan jedhan ''kubbaaniyyaa Bosaasaa jedhamuu fi ilma kiyya gidduu walii galtee seera qabeessatu jira. Kanaaf hojii ilmi kiyya hojjeteef maallaqi kun kennameef malee anaafi maallaqa kana gidduu hariiroon hin jiru,'' jedhan.

Oolee bulee wayita gaaffii fi sakatta'iinsa heddummaachaa deemu garuu maallaqi sun akka isaaniif kenname amanan.

''Kennaan sun beekamtii kiyyaan ala naaf kenname. Wayitan gaaffii dhimma kanaan walqabatu deebisetti waa'ee kennaa kanaa quba hin qabun ture'' jedhan.

Dubbi himaan ANC akka miidiyaa biyyaalessaatti himanitt pirezidaantichi maallaqa jedhame deebisuuf irratti walii galaniiru.