Daangaa Keeniyaa-Itoophiyaarra bakka albuuda baasanitti lubbuun darbuu hordofee, mootummaan Keeniyaa labsii baase

Madda suuraa, Facebook/Kithure Kindiki
Kaaba Keeniyaa bulchiinsa Marsabiit keessa waldhabdee boolla albuuda baasuu keessatti dhalateen lubbuun namootaa darbuu hordofee, mootummaan Keeniyaa labsii baase.
Labsii guyyaa Kamisaa bahe kanaan, "Iddoowwan Albuuda Baasuu Dabeel" keessaa "balaafamoo fi kan jeeqaman" akka tahan eeruun, namuu achii akka bahu murteen dabreera.
Ministirri Bulchiinsa Biyya Keessaafi Biyyaalessaa Kituuree Kindikii barreeffama marsaalee hawaasaa isaanirratti maxxansaniin, mootummaan isaanii hokkoraa fi gochaalee yakkaa iddichatti mul'atu dhaabsisuuf murtee kana murteessuu himan.
BBC'n taatee kana hordofee gabaasa hojjeteen lubbuun namoota jahaa dabruu kan odeeffatee ture ogguu tahu, Aabba Kindiikii ammoo namoonni torba lubbuu dhabuu himan.
Kanneen lubbuu dhaban keessaa "lammiileen biyya alaa lama" argamuu himanis, kan biyya kamii akka tahe garuu hin himne.
Waldhabdeen qarqara daangaa Itoophiyaa bakka Dabeel jedhamtutti guyyoota dhuma-torbeerra mudate kanaan, hedduunis miidhamanii hospitaala jiraachuu odeeffanneerra.
Dabeel kutaa bulchiinsaa Moyyalee jalatti kan argamtu ennaa tahu, warqee ykn dahaaba baasuuf namoonni hedduu bakka itti walgahanidha.
Namoonni ajjeefaman waan qara qabun ennaa ta'u lakkoofsi isaanii jaha darbuu mala kan jedhan jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchaan Bulchiinsa Marsabit Mohaammud Alii Abshiroo, guyyaa Kibxataa hanga furmaati argamutti bakkeen albuuda baasan kun cufamuu beeksisanii turan.
Namoonni miidhaman Hospitaala Rifaraalaa Moyyaalee geeffamaniiru. Hoogganaan hospitaalichaa Aabba Abshiroo Haphichaa, namoonni lubbuu dhaban jaha gara hospitaala isaanii dhufuu mirkaneessan.
"Nami miidhame nama 29, nami lubbuu dhabe jaha. Nami cufti dhiira," jedhan.
Dabaluunis, kanneen miidhamanii hospitaala jiran keessaa, namoonni lama mataarra miidhaan gahe cimaa akka taheefi yaala dabalataaf gara hospitaala biraatti erguuf qophiirra akka jiranis BBCtti himan.
Labsiin ifatti Bitootessa 14 irraa jalqabee hojiirra oolu kanaan, "namni kamuu iddoowwan labsaman kanatti, heeyyama Komaandara Poolisii Bulchiinsa Marsabiitiin alatti achitti argamuun hin eyyamamu," jedha.
Labsii kanaan iddoowwan maqaan eeraman 13 ogguu tahan isaan keessaa: Hiilloo Gorgoraa, Hiilloo Orofaa, Hiilloo Walqixxee, Hiilloo Teessum Qaallichaa, Hiilloo Goddee Harooressaa fi kaanis keessatti argamu.

Madda suuraa, Facebook/Kithure Kindiki
Taateen kun Dilbata akka jalqabe kan himame ogguu tahu, hanga Wiixata galgalaa namni lubbuu dhabe gara hospitaalaa dhufaa akka ture Abshiroon nutti himan.
Miidiyaan Keeniyaa keessaa Citizen TV, namoonni sadii lubbuu dhaban jechuun kan gabaase ennaa tahu, kanneen lubbuu dhaban lamaan lammiilee Itoophiyaa daangaa cehanii dhufanidha jedha.
Gabaasichi dabaluun, dhimmichi qorannoorra akka jiru kaasuun, kanneen lubbuu dhaban gosa Booranaarraa akka tahan ni eera.
BBC'n anga'oota mootummaas tahe maddeen hospitaalaa haasofsiiseen, kana hin mirkaneessine.
Haa ta'u malee, walitti bu'iinsi gosa Booranaafi Gabraa waggoota muraasa darbaniif mudataa ture lubbuu hedduu galaafateera.
Maaltu dhalate?
"Achi uummati dahaab barbaadachuu dhufe guddaa beektaa," jechuun haala achi jiru kan nutti himan, Kutaa bulchiinsaa Moyyalee jalatti, bakka bu'aan uummataa (MCA) naannoo Golboo Ediin Adii Diidaati.
"Qara nagumaan jira, waan jidduu namaa dhufee [keessa gale] hin beennu," jechuunis taatee uumameen guddoo gadduusaanii himan.
Akka bakka bu'aan kun jedhan naannoo Dabeelitti warqee mala aadaan baasuun guddoo kan barame ogguu tahu, waggoota 15 dabraniif adeemaa akka jiru quba qabaachuu himu.
Nami kaabaa-kibbaa, bahaa-dhihaa walitti qabamuun waan "liqimsaaf tahu barbaaddatu". Akkasuma Booranaafi Gabra dabalatee gosti akka akkaa garana gadhufee carraasaa yaala.
Kana duwwaa miti dhagaa gati-jabeessa kana barbaacha, lammiileen Itoophiyaa daangaa qaxxaamuranii garana dhufuunis waanum baratamedha.

Madda suuraa, Getty Images
Ennaan, maaltu dhiyeenya dhalateree?
Bakka taateen kun itti dhalate, mandara Hilloo jedhamtutti. Boolla lama walcinaa qotametu sababa walitti bu'insaa tahe.
"Boolla lama waldhaattutti qotani... Jalaan kaalleen achiin gad qotee, kaalleen garan qotee jalaan walitti urani," jedhu Aabba Ediin Adii.
Namoonni boolla qotuun walitti bahan kunniin "biyyee jidduu warraa jirtu taanirratti waldhabani," jechuun dhibdeen akkanaan eegaluu himu.
Dhibdeen akkanaan namoota lama jidduutti eegale, harkaan waltumuu fi dhakaa walitti darbachuutti cehuun, babal'atee hanga lubbuu namaa obbaasuu gahe.
Itti gaafatamaan Hospitaala Moyyaalee Aabba Abshiroo Haphichaa kanneen lubbuu dhabaniifi miidhaman, meeshaalee qara qabaniin kan miidhamanidha jedhu.
"Nami kuni guddinni kan [dhawamanidha]. Dhakaacha, yookaan billaa yookaan baangaan [gajaraa] rukutamani, malee rasaasni hinjirtu."

Bakka bu'aan ummataa Obboo Ediin Adii dabaluun, dubbiin namoota lamaan jidduu uumame kun, boodarra babal'atee waldhabdee gosaa qabaatuus, tasumaa waan gosaan jalqabe miti jedhu.
"Dhakaan nami lama walitti darbate, dukkaa (suuqii) biyyaa saamichaan buufattee... lubbuun amma galte tan himan tuni akkasiin baate."
Haala hojii amma dura baratameen, kanneen warqee baasan gosa gosaan odoo wal hinqoodiin, garee gareen ijaaramanii walirraa fayyadamaa akka turan himu.
"Artiin duratti kaambuuni (gareen) cufti, gos cufa qabdi. Keessumaa gareen [kopha kophaan] Gabraafi Booranaan ijaaramuyyuu hinjiru. Walkeessa jirti.
"Boolla takka Gabraa - Boorana, Gabra keessaa nam 10, Boorana keessaa nam 10... akkanaan ijaaramee jira... akkanaan liqimsaa tana barbaadaa turan."
"[Nami] hamaa waa yakkuu fedhu, akkamiin waa yakkuu danda'a yoo jedhe... maqaa gosittii kaan ofdur kaa'ee, waa balleessee waa saame."
Obboo Ediin Adii dabalatee, bulchituun naannoo Dabeel Addee Mariyaan Abdii Boruu, qaamoleen nageenyaa bakkichatti argamuu himuun, Kibxata ganama keessa lafti tasgabbii qabaachuu BBCtti himan.












