Obbolaa lamaan Liibiyaatti ugguramanii birriin miliyoona 3.6 itti gaafatame

Godaantoota biyya biraatti qaxxaamuruuf eeggataa jiran Jibuutiitti

Obbolaa lamaan Boorana Bahaarraa dallaalaan Xaaliyaanii isin geessina jedhee biyyaa baafamuun Liibiyaatti gurguraman, hanga dhiigni irraa cophutti dhaanamaa fi asiidiin itti naqamuutti gahe.

Maqaan dargaggoota kanneenis Hullee fi Galgaloo Xayyib jedhamu, barattoota kutaa sadeettiifi sagaliiti.

Liibiyaatti wanbadoonni isaan ugguran warri dargaggoota kanaa tokko tokkosaaniif birrii miliyoona 1.8 akka kaffalan gaafataa jiraachu dubbatu maatiin.

Yoo maallaqa hin kaffallee ''kalee keessaa baafne gurgurannaa'' jedhanii akka doorsisaa jiran miseensi maatiisaanii BBC'n dubbise himan.

Haala dargaggonni kunneen keessa jiran wasilli ykn abbeeraan isaanii Obbo Nageessaa Miidhagduu Boorana Bahaa magaalaa Nageelleerraa bilbilaan BBCtti himan.

Akkeekkachisa: Qabiyyeen oduu kanaa qalbii keessan jeequu mala!

'Haadha naasuudhaan ulfi garaadhaa bahe'

Hullee fi Galgaloon warrisaaniin osoo hin mariisisiin karaa galaanaaatiin Xaaliyaan, Ameerikaa fi Jarmaniitti isinii geessina jedhamuun dallaallaan manaa bafaaman. Haatii fi abbaan isaanii addaan bahanii, gargar fagaachun waan jiraataniif ijoolleen isaanii biyyaa bahuu kan hubatanis erga bubbulee booda ture.

Obboolaan kunneen nama barnootaa garaa garaatti barataa kan turan yoo ta'u, Hulleen Waadara bakka haatisaanii jiraataniitti kutaa saddeeffaa barataa ture. Galgaaloon ammoo Nageelleetti kutaa sagal barataa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haalli itti Liibiyaa dhaqan maatiin kan hin beekne yoo ta'u, baatii sadii dura Liibiyaa qaqqabuun isaani bilbilaan itti himamu miseensi maatiisaanii kun kan himan. ''Jalqaba maatiin hin amanne. Liibiyaatti erga butamanii ammoo ji'a shan guutaniiru.''

Torban lamaan kanammoo wayita uleedhaan dhaananii dhiigni irraa coobu, mormarra ejjatan viidiyoo agarsiisu waraabanii maatiif karaa Telegiraamii ergamu dubbatu wasilli dargaggoo kanneennii Obbo Nageessaan.

''Tumaa, asiidii itti naqaa viidiyoo waraabanii nutti ergan'' jedhan Obbo Nageessaan imimaamiifu dubbachuu rakkataa.

Hanga Liibiyaa qaqqabanii viidiyoon isaanii ergamutti maatiin dargaggoonni kunneen biyya bahusaanii quba hin qaban jedhan.

Viidiyoon isaaniif qoodames yeroo asiidii qaama dargaggoo isa tokkotti naqamu agarsiisa jedha miseensi maatii kun.

Viidiyoon BBC'f ergame wayita dargaggoon tokko reebamaa dhiigni qaamaasaarra dhanga'ufii lubbuudhaaf watwaatu mul'isa. BBC garuu addatti viidiyoon sun yoom akka waraabame hin mirkaneeffane.

Haatii dargaggootaa kanneenis dararaa ijoollee isaaniirraa qaqqabe kana viidiyoon erga arganii booda rifaatuudhaan kufanii ulfi irraa bahuu dubbatu miseensi maatii kun.

Naasuudhaan erga kufanii booda hospitaala geeffamanii booda wal'aansaa baqaqsanii yaaluutiin ulfi baatii torbaa irraa bahe.

Hanga yeroo afi-gaaffii kana taasifneetti hospitaala akka jiran miseensi himan Obbo Nageessaan.

Abbaan ijoollee kanneen nama sammuu dhukkubsu ta'u kan himan Obbo Nageessaan, maallaqa ijoollee kanneen gadi dhiisiisuuf itti gaafatame birrii miiliyoona 3.6 gonkumaa argachu akka hin dandeenye himan.

Haata'u malee callisanii hanga ajjeeffamaniitti ilaaluu waan hindandeenyeef waan qaban gurguruudhaan birrii 870,00 kaffaluu fi kan hafe guutuu sababii hin dandeenyeef ummanni akka birmatuuf gaafatan.

Maallaqa kana maatiin rakkatanii walitti qabanii akka itti ergan miiseensi maatii kun dubbate. Obbo Nageessaa ofiisaanitiin doqdoqqee tokkicha qaban gurguruun, kanaan dura maallaqa walitti buufametti ''hirmaadhee gargaareera'' jedheen boohaa.

Liibiyaatti godaantoonni akka meeshaatti dadabarsa gurguramuun waan haaraa miti, irra deddeebiin dhagahamaa jira. Osoo gadhiifamiinis dabarfamanii wanbadee biraatti gurguramuu akka danda'an dubbatu.

Maallaqa jedhame kan akkaataa ittiin qaamoolee kanneeniif ittiin ergan irratti kan gaafataman Obbo Nageessaan, Baankii Daldalaa Itoophiyaatti akkaawuntii kennameefirratti akka galchan hime.

Qaamooleen dargaggoota kana butan ni ajjeesu sodaa jedhuun dhimma kana poolisii Itoophiyaatti akka hin himanne dubbata miseensi maatii kun.

Namoonni dargaggoota kana dararan afaan Arabaa haasa'u, nama afaan Arabaa beeku turjumaanaan waliin haasa'aa turre jedha miseensi maatii kun.

Turjumaanaan wayita haasfosiisan ''ani nan bitadhe, kalee keessaa baasee abbaan fedhetti gurgurachuun danda'a jedhu'' jechuun namoonni dargaggiita kanneen qabatan attamiin akka isaan dorsiisan himu.

Dargaggoonni butaman lamaan Liibiyaa keessa bakka adda addaa jiraachu miseensi maatii dargaggoota butamanii himeera. Haata'u malee bakka dargaggoonni kunneen Liibiyaa keessaatti itti danqaman sirnaan adda baasanii hin beekan.

Dallaalonni namoota daddabarsan neetiwoorkiin isaanii balbala keenyaa hanga Liibiyaatti jira jedhe Obbo Nageessaan.

Kanaan dura dargaggoonni Liibiyaatti danqamanii waggoota muraasa booda kan gadhiifaman naannoo isaanii akka jiran himan. Isaan sanarra garuu miidhaan qaamaa akkasi akka hin geenye ibsu.

Libiyaa biyya godaantonni akka shaqaxaatti gurguraman

Xaaliyaan magaalaa Miilanoo kan jiraatu dhalataa Oromoo Abdurraamaan Abdulqaadir waggoota muraasa dura Liibiyaa keessatti ofii isaatiif dararaa argee boodarra gara Xaaliyaanitti ce'uuf carraa argate.

Amma Dhaabbata dhimma baqattoota Liibiyaarratti hidhata qabu waliin hojjataa akka jiru dubbata.

Gujii Wadaaraatti akka dhalate kan dubbatu Abdurraamaan haala dargaggoonni kun keessa jiran hordofaa akka jiru hime.

Akka inni jedhutti, dargaggoonni kun Liibyaa magaalaa Bani Walid jedhamtu keessatti danqaman.

Bakka kanatti lammilee Itoophiyaafi biyyoota Baha Afrikaa biroo 700 ta'an rakkina keessa jiraachuu akka quba qabu dabalee BBCtti hime.

Baqattoota kana keessaa namoonni bilbilaan dubbise jiraachuu fi rakkoo keessa jiraachuu ibsa.

Magaalaa Kufraa jedhamti keessatti baqattoonni dhibbaan lakkaa'aman ugguramanii akka jiran eere.

Namoota bakka sana jiran keessatti ijoolleen shamarrranii ganna 18 gadii jiraachuu hima.

Libiyaatti lammileen Itoophiyaa biyyoota Afrikaa biroo galaanarraan gara Awurooppatti ce'uuf yaalaniif erga taatee bubbulteetti.

Godaantoonni kunneen wanbadoota nama gurguranii, miidhaa qaamaa fi sammuu irraan gahanii seenuun dararaa hamtuuf saaxilamaa jiru.

Dhiyeenya kana shamarree Nahiimaa Jamaal viidiyoorratti afaan ishee carqiin cuqqaalameefi miilli hidhamee yeroo dararaan irratti raawwatu miidiyaa hawaasaarratti qoodame ijoo dubbii ta'ee ture.

Kanneen ishee ugguran dolaara 6,000 (birrii 750,000) kaffaltan malee kanaan achi ''suuraa reeffa ishee isiniif ergina'' jechuun viidiyoo ergaa, maatii dorsisaa turan.

Boodarra maallaqni kaffalameefii akka ishee gadhiisan Nahiimaan erga baatee booda BBC Afaan Oromootti himte.

Dargaggoota Sahaaraa qaxxaamuruun gara Liibiyaatti imalanii dararaaf saaxilaman keessaa Abdii Fufaa, yeroo lamaa oliif Libiyaa keessatti gurguramuu Tirippooliirraa waggaa muraasa dura BBCtti himee ture.

Abdiin haala amma keessa jiru hin beekamu. Isaa qofaa miti, godaantoonni biyyoota baha Afrikaarra Libiyaa seenan dararaa hamtuu argaa turuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Jaarmiyaan mirga namoomaa sarbamiinsi mirgaa hamaan godaantota Liibiyaa seenanirra akka qaqqabu gabaasaa turan.

Liibiyaan erga hoogganaan biyyattii Mohaammad Gaadaafiin aangoorraa fonqolchamee biyya tasgabbii dhabinsii fi seera dhabduummaan itti roorrise taatetti.

Sarara

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.