'Liibiyaa keessatti qofa yeroo lamaafan gurgurame' - Baqataa Oromoo mana hidhaa Tiripoolii jiru

Maqaan isaa Abdii Fufaa jedhama. Dhalatee kan guddatte Godina Wallaga Lixaa Aanaa Beegiitti. Ammaan tanatti ammoo biyya Liibiyaa -Tiripoolii keessatti argama.
Abdiin BBCtti akka himetti, sababii yaaddoo nageenyaatiin walqabatee bara 2016 keessa biyyaa baqachuun bahulleen ammaan tana Liibiyaatti mana hidhaa keessa jira.
Sababii dararamni cimaa baqattoota Liibiyaa Tiriipooliitti argaman irra gahaa jiruuf jecha, baatii sadiif mormiisaanii dhageessisanis qaama dhimmisaa ilaallatu irraa deebii dhabuu hima.
Karaan Awurooppaatti ce'an to'annoon cimuu kan himu Abdiin, faddaalaan maallaqa fudhatee erga galaanarra daqiiqaa muraasaaf imalanii booda qabamanii ni deebifamuu jedhe.
Darbee darbee garuu warreen bidiruu oofan muraasni saffisaan eegdota harkaa akka miliqanii darban dubbata.
Torban muraasa dura Abdiin yeroo gaaffiifi deebii BBC waliin taasisetti, baqattoota galaana Mediteraaniyaan qaxxaamuruun gara Awurooppaatti ce'uuf turan 113, bakka Zawiyaa jedhamutti bidiruun dhidhimtee lubbuu dhaban keessaa lammiilee Itoophiyaa sagal akka turan hime.
Abdiin akka jedhutti, jalqaba baqattoota Oromoo 140 waliin magaalaa Tiripoolii keessa turan, adeemsa keessa lakkoofsi isaanii gara 47tti gadi hir'ate jedhe.
Baqattoonni eessa akka jiran wayita ibsu akkas jedhe: ''kaan isaanii naannicha gadhiisanii badan, kan hafan galaanatti dhuman,'' jedhe.
Abdiin baqattoonni lammii Itoophiyaa, Somaalee, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Sooriyaa fi Ertiraa isa waliin baay'inaan akka Liibiyaa keessa jiran hima. Walumaagalattis nammoonni gara 500 ta'an Tiripoolii bakka Ain Zaraa jedhamuutti waliin akka argaman hima.
Isaan keessaayis, lammiileen Itoophiyaa dhiiraafi dubartoonni, daa'ima baatii jahaatii kaasee hanga gaheessaa ni argamu.
Lammiileen Itoophiyaa gara 140 ta'an achi akka turaniifi amma garuu kan hafan gara 41 qofa ta'u jedha. Baay'een isaanii karaa galaanaatiin gara Awurooppaatti qaxxaamuruuf osoo deemanuu du'usaanii, kaan gara biraatti isa biraa imaluu hima.
Amma maal keessatti argamu?
Jalqabuma rakkoo siyaasaatiin lubbuusaaf yaadda'uun biyyaa bahuu kan himu Abdiin, yeroo garaa garaatti hidhaafi kanfaltii maallaqaatiif saaxilamaa jiraachuu dubbata.
''Yoo gadi baate ni hidhamta, isaaf ammoo maallaqa kanfaltee baata. Akkasumas karaan cufameera garuu faddaalaan nama gowwoomsee erga maallaqa si kanfalchiiseen booda, gara Awurooppaatti ce'uufan jettee bishaanirra daqiiqaa muraasa erga deemteen booda qabanii si deebisu,'' jechuun bu'aa bahii mudataa jiru hima.
Kanaafuu baqattoonni Itoophiyaa erga bara 2018 kaasee galmaa'elleen karaa seeraatiin Liibiyaa keessaa bahuu akka hin dandeenye dubbata. Lammiileen biyya biraa isaan booda galmaa'an tokko tokko garuu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin deeggarsa argachaafi gara biyya biraatti dabarfamaa jiraachuu hima.
Abdiin erga bu'aa bahii hedduu keessa darbuun bara 2017tti Liibiyaa qaqqabeen booda gara Awuroppaatti qaxxaamuruuf yaalii taasisulleen ergasii achumatti danqamee jiraachuu BBCtti hime.
Rakkoon kun Abdiin qofaa miti kan mudate, baqattoota Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa shan irraa dhaqan biroo wajjiin maraammartoo kana keessatti kufuu dubbate.
''Gurguramne, maallaqa kaffallee baane, karaa galaanarra miliquuf yaallee deebinee qabamne, ammas mana hidhaa tokkorraa gara biraatti darbaa jirra, Liibiyaa keessaa bahu hin dandeenye,'' jedhe.
Liibiyaa keessatti baqataan akka meeshaatti haala hin baratamneen gurguramuu fi hidhamuun baratamaa ta'uu dubbata.
Liibiyaa biyya 'baqattoonni itti gurguraman'
''Rakkoo guddaan baqattoota mudatus daldaltootaan qabamanii gurguramuudha. Kan jalqaba si qabe osoo maallaqa sirraa hin buufannee gadi si hin dhiisu,'' jedha.
Abdiin ergan biyya Liibiyaa seenee waggoota shan kan guute yoo ta'u, achuma Liibiyaa keessa ''yeroo lamaafan gurgurame,'' jedhe.
Waliigalattis, dararaan Liibiyaatti baqattootarra gahu cimaadha jedha Abdii kan ijaan argeera jedhurraa kaasun.
Faddaaltoonni biyyattii daa'imaa hanga nama guddaatti akka hidhaniifi gurgurtaaf dhiyeessan dubbate.
Nama hiree toletu galaana keessatti dhidhimuurra hafee jalaa miliqa jedha.
''Keessattuu dubartoonni baqattoonni bakka mana hidhaatti gudeedamun ijoollee dhalanii waliin rakkataa jiraniifi kanneen sababiidhuma miidhaa irra gahuutiin hanga sammuun darbuu irra qaqqaban jiru,'' jedha.
Sababii kanaatiin ''dubartoonni 'maraatanii' daa'imman baatanii magaalaa Tiriippoolii keessa deeman jiru,'' jedhe.
Mana hidhaa inni keessa jirutti dubartoonni sadii daa'imman isaanii waliin hidhaman dhibee sammuutiin rakkataa akka jiran himeera.
Osoo mana hidhaa sana hinseeniin dura ji'oota sadiif karaa Tiripoolii irra akka jiraataa turanillee kaaseera.
Abdiin ammas gara Itoophiyaatti deebi'uu hin barbaadu. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Dhimma Baqattootaa UNHCR gara biyya birootti akka isa qubsiisu barbaada.
Haata'u malee, dhaabbatichi garuu biyyattii keessaa isaan baasurratti harkifachuu dubbata.

















