Baqattoonni Liibiyaa jiran 'Kaampii GDF gadi dhiisaa jedhamuun gidirfamaa jirra' jedhan

Madda suuraa, MAHMUD TURKIA
Lammileen Itoophiyaa baqatanii Liibiyaa jiran Jimaata darberraa eegalee kaampii baqattootaa guddicha GDF gadi dhiisaa ba'aa jedhamuun gidirfamaa jiraachuu dubbatan.
Liibiyaan hoogganaan biyyattii waggoota dheeraaf bulchaa turan Mohammar Gadaafiin bara 2011tti erga aangoorraa fonqolchamanii as hookkara hamaa keessa jirti.
Biyyi nageenya dheebottee turte kun baqattoota gara biyyoota Awurooppaa imalaniif iddoo itti dahatan taateetti.
Ejensiin Dhimma Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNHCR yaaddoo nageenyaa akka sababaatti eeruun buufati baqattootaa guddichi magaalaa guddoo Liibiyaa Tiripoolii keessatti argamu GDF hojii dhaabuusaa beeksiseera.
Erga kaampiin kun cufamee baqattoonni achi jiran haala akkamii keessa jiru jennee iyyaafanneerra.
Maatiisaa waliin kaampii GDF keessa akka jiru kan nutti hime Zakariyyaa Mohaammad, erga UNHCR murtii kana dabarsee as bakkee keessatti qofaa keenya yaaddoo keessa jirra jedha.
''Ammallee namni nu dubbise hin jiru. Furmaata dhabnee taa'aa jirra. Warri qondaaltota UNHCR kaleessa dhufanii turan. Garuu dhimma keenya osoo nu hin gaafatiin deeman.'
Jimaata darbe akka mooraa kana gadi dhiisanii ba'aniif guyyaa lama qofa akka qaban kan itti himame ta'uu kan dubbatu Zakariyyaan, amma halli deemaa jiru homaa nuuf hin galu jedha.
''Biyyi waraana hamtuu keessa jirti. Baqattoonni magaalaa keessa jiran qabamanii waraana akka ta'an dirqamsiifamaa jiru. Nutis yoo as keessaa baane hireen keenya kanuma. Achittis du'umatu nu eeggata waan ta'eef asuma mooraa kana keessatti duuna jennee taa'aa jirra.''
Qondaaltonni UNHCR battaluma dhufanii as rakkoo nageenyaatu jira waan ta'eef ba'aa nuun jedhan kan jedhu Zakariyyaan, mooraan baqattootaa sun gara wiirtuu leenjii waraanaatti jijjiiramaa jiraachuu arguusaa nutti himeera.
Kanaan duras wiirtuun da'annoo baqattootaa kun haleelamee baqattoonni akka as keessaa ba'an murtaa'ee ture jedha Zakariyyaan.
Baqataan biraan wiirtuu da'annoo GDF irrraa dubbisne Nuuraddiin Huseen battala kanatti lubbuun keenya wabii jireenyaa dhabdee jirti jedha.
''Baay'ee nutti ulfaateera. Nuti gara deemnu hin qabnu. Biyyillee kan nagaan keessa deemtu miti. Warri ammoo ba'aa jedhanii nu sardu. Osoo bakka tokkoyyuu nuuf hin qopheessin bahaatii ala taa'aa nuun jedhan. Kun nuuf waan danda'amu miti. Nu dhiisii warri biyaatuu biyyaa baqataa jiru,'' jechuun dhiphina guddaa keessa jiraachuu hima.
Baqattoonni biyyoota Somaaliyaa, Eertiraa, Sudaan, Itoophiyaa hedduunsaanii Liibiyaa keessa jiraachuu kan dubbatu Zakariyyaan, lammiilee Itoophiyaa irraan kan hafe baqattoonni biroon gara biyyoota biroo nagaa qabaniitti geeffamaa jiru jedha.
Akka Zakariyyaan jedhutti baqattoonni biyya Itoophiyaa karaa seeraan alaa gara biyyoota Awurooppaatti galaanarraan ce'uuf kan galaanatti lubbuunsaanii baduuf hojii UNHCR hifataniiti.
''Baqattoonni wayita haala jiru nuffan asii ba'anii galaanatti dhumaa jiru. Nutis yoo fala dhabne murteen keenya dhumaa kanuma ta'a.''
Gameeyyiin nama keenyaa, kanneen dhaabbilee idil-addunyaa keessa jiran akkasumas rogeeyyiin miidiyaa fi quuqamtoonni mirga namoomaa hundi akka birmataniif dhaama Zakariyyaan.
Adoolessa bara 2012 wiirtuu baqattootaa kanarratti haleellaa raawwatameen baqattoonni 40 du'anii 80 kan ta'an madaa'anii ture.
Yaaddoon nageenya daranuu dabalaa waan dhufeef lubbuun baqattootaa baay'inaan bakka kanatti baduurra kaampii kana cufuuf akka dirqame UNHCR ibseera.
Hoogganaan Waajjira UNHCR kan damee Liibiyaa Jiin Pooll Kavaliyeerii, ''eegumsa baqattootaaf jennee murtee fudhanneedha. Dhala namaa abidda keessa kaa'uu hin barbaannu. Nageenyai yoo bakkatti deebi'e garuu kaampichiyyuu hojiisaa itti fufuu danda'a'' jedhan.
Muddee bara 2018 irraa eegalee 1,700 caalan tumsa kaampii kanaatiin Liibiyaa qaxxaamuranii gara biyyoota Awurooppaatti dabarfamuus himan.
Adoolessa darbe erga baqattoonni 900 caalan kaampii kanatti dabalamanii garuu kaampichi hojiisaa haalaan raawwachuu hin dandeenye.
Qabiinsa mirga namoomaas haalaan gadi bu'uu eegale.
Qaamoleen mirga namoomaaf quuqamanis qabiinsa mirga namoomaa kaampii GDF keessa jiru haalaan qeeqaa turan.
Akka gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti erga Liibiyaan hookkara keessa seentee lammiileen biyyattii 200,000 ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru, kanneen miiliyoona 1.3 caalan ammoo deggersa namoomaa barbaadu.
Waraana Liibiyaa keessa waggoota kurna tokkoof deemaa tureef fala kaa'uuf jecha Humni Waraanaa Biyyaalessaa kan Janaraal Kaliifaa Haftaariin hoogganamuu fi kan mootummaa biyya bulchuun hoogganamu marii waliinii magaalota akka Istaanbul, Moskoo fi Barliinitti gaggeessanii turanis wal hin taane.
Inumaa biyyattiin amma waraana caalutti seentee jirti.
















