Baqattoonni Itoophiyaa Jibuutii jiran hiraarsaan guddaa nurra gahe jedhan

Qarqara Galaanaa Jabuutii

Madda suuraa, Getty Images

Lammiilee Itoophiyaa baqannaan biyya Jibuutii jiraatan hiraarsaan nurra gahe jechuun himatan BBC'tti himaniiru.

Baqattonni kunneen akka BBC'n himanitti, lafa isaan ciisanitti gaafa Dilbataa galgala eegale reebichi irra gaheera.

''Lammiilee keenyaa Itoophiyaa keessatti fixxan jechuun nu reebuu eegalan. Nammoota bakka rafanitti reebamuun dubbachuu hin dandeenyetu jira,'' jechuun lammiin Itoophiyaa Jibuutii jiraatu Hamzaa Tolaan BBC'tti himeera.

Bakka baqatanii jiranitti kan dubbisne haati ijoollee shanii Aadde Faaxe Huseen rakkoo keessa jiraachusaanii himu.

''Karaan Itoophiyaa cufameera. Ijoollee finnee karaa baanuufi karaa seennu hin jiru,'' Jedhu.

Hedduun isaanii bakka rafanitti reebamuu isaanii, tajaajila fayyaa fi imbaasii Itoophiyaa achi jirurraa deeggarsa dhabuu isaanii dubbatu.

Sibiila garaa garaatiin nu reeban kan jedhu Hamzaan, hojii daldalaa hojjachaa ture dhiisuu isaa hima.

''Daldala dhaabe! Dhaabe! Waan takka hin jiru. Achumaan cufe. Lubbuu kiyyyaaf jecha eegan biraa baqadhe itti hin deebine.''

Baqattonni kunneen bakka tokko hin jiran. Kaan Balbalaa, Ariibaa kaan immoo bakkewwaan biyyattii biraa jiru.

Rakkoon akkanaa Dilbata qofa osoo hin taane Wiixata ganamallee mudachuu isaa baqataa miidhaan irra gahe, Callaa Ahimad BBC'tti himeera.

Namni ajjeefameeraa?

Baqattonni hedduun namoonni miidhamu isaaniin alatti kan du'e jiraachu isaanii quba hin qaban. Shakkii garuu ni qabu.

Baqataan maqaan isaa akka dhahamu hin feene immoo hedduun du'uu fi miidhamu dubbata. Haa ta'u malee, Imbaasiin Itoophiyaa Jibuutiitti argamu ammoo jechu kun dhugaa akka hin taane hima.

''Inni ajjeefamera jedhamu soba. Namni ajjeefameera jedhamu tokko illee hin jiru. Kan madaa'an garuu jiru,'' jechuun Ambaasaaddar Shaamebo Fitaamo BBC'tti himaniiru.

Madaan isaaniis hamaa akka hin taane kan himan Ambaasaadarichi, kan miidhaan irra gahallee tajaajila fayyaa akka argatan dubbatu.

Ajajaan poolisii Jibuutii Abdullaahii Abdi, ibsa guyyaa kaleessaa kennaniin hanga yoonaatti namni du'e akka hinjirree fi kan miidhaman lama qofaa ta'u himanii jiru.

Magaalaa Jabuutii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Viidiyoon sobaa miidiyaa hawaasummaa irratti tamsa'e Oromoota Jabuutii jiran dararaaf saaxile

Ka'umsa rakkoo

Baqattonni hedduu rakkoo dhiheenya Dirree Dhawaatti dhalate booda badiin akkanaa irratti raawwatu himu.

Ambaasaaddar Shaameboon kanaafis ta'e namoonni ergamaan kana raawwatan haa jiraatan jechuuf ragaan qabatamaan ni barbaachisa jedhu.

Haa ta'u malee, rakkoon ijoo viidiyoo sobaa miidiyaa hawaasummaa gubbaa tamsa'e akka ta'e yaadu.

Baqattonni hedduu rakkoon irra gahu yaa dubbatu malee yeroo deemnu hin jiru jedhu. Viidiyoowwan sobaa tamsa'aan gama kanaan isaan rakkisaa akka jiran BBC'tti himaniiru.

Namoonni rakkoo kana raawwatan akka hidhamanii fi mootummaa Jibuutii waliin hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Oromoo irratti xiyyeeffatee

Baqattonni torban lama dura dubbisneefi dhiheenya gaafanne waan Oromoo ta'an qofaaf rakkoon irra gahu himu.

Haa ta'u malee, rakkoo kaleessaan kaanillee miidhamuu isaanii baqataan Indiriis Mahaammad nutti himeera. Jibuutitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shaameboo Fitaamoo kanuma mirkaneessu.

''Odeeffannoo amma qabnuun jarri miidhaan irra gahe Oromoodha. Hedduun isaanis eeyyama jiraachuu hin qaban.'' Kana jechuun garuu sabni biraas hin jiru jechuu miti yaada jedhu qabu.

Furmaata

Waldhabdee Oromiyaa fi Somaalee jidduutti bara darbe eegale hordofuun rakkoon akkanaa baqattoota Oromoo mudachaa ture.

Rakkoo tibbana Jibuutiitti amma dhalate walqabatee garuu hedduun isaanii biyyatti deebi'u akka barbaadan himu.

Guyyaa kaleessaa baqattoota 1,500n ol tahan waajjira poolisii dallaa guddaa qabuufi eegumsi taasifamuf keessatti geeffamu isaanii Imbaasiin Itoophiyaa hima.

Gama biraan lammiileen Itoophiyaa biraa biyyatti galuuf fedhii agarsiisanillee Ambaasaaddarichi himaniru.

Dabalataanis, marii poolisii Jibuutii waliin taasifameen ganda gandatti badiin akkanaa akka hin raawwanne poolisiin ramadamuu isaa Ambaasaaddar Shaameboon dubbatu.

Namoota qe'ee irraa baqatan biyyatti deebiisuuf hojjetamaa jiraachulleen nutti himaniiru.

Jibuutiin Lammiilee ishee Dirree dhawaatii baasaa jirti

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jibuutii Mohaammad Idriis Ferehaa dilbata darbe walitti bu'iinsa magaala Dirree Dhaawaatti mudate hordofee lammiilee Jibuutii Dirree Dhawaa jiraan ''nageenyi keenya nu yaaddessa'' jedhan gara biyyaatti deebisuu eegaluu himan.

Ambaasaddar Mohaammad lammiileen Jibuutii magaalittii 1,000 ta'an baabura, Xayyaaraa fi konkolaataan biyyatti akka deebi'an kan taasifame ta'uu himaniiru.

lammiileen kun hoo'a Jibuutii jiru dheensuufi bashannanaaf dhufan akka ta'an dabalanii eeraniiru.

Jibuutiin lammiilee ishee Dirree Dhawaa baasaa jirti.

Madda suuraa, BBC SOMALI

Walitti bu'iinsa magaala Dirree Dhawaatti tureen waliigalatti namoonni 10 lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta'u kunniin keessaa shan lammiilee Jibuutii kan maatii tokkooti.

''Haalichi tasgabbaa'aa kan jiru ta'uus Lammiileen kun waan sodaanneerra jedhaniif Diree Dhaawaa isaan baafneerra,'' jedhan Ambaasaaddar Mohaammad.

lammiileen Jibuutii naannoo Jigjigaa jiranis sodaa keessa akka jiran Ambaasaadarichi himaniiru.