Baqattoota Afriikaa Kibbaatti: 'Bakka nagaa itti ta'uu dandeenyu nuuf kennaa'

Baqattoonniifi kolugaltoonni dhibbaatamaan lakkaa'aman Afriikaa Kibbaa magaalaa Keep Taawon keessatti baatiiwwan afur darbaniif waldaa keessa jiraachaa jiru.
Baqattoonni kunneen gara biraatti akka dabarfamaniif cimasanii gaafataa jiru.
Bakkicha keessatti namoonni baayyeen bakka tokko jiraachurraa kan ka'e qilleensi baayyee kan ukkaameefi foolii badaa kan qabuudha.
Uffata alkanii, fi bakkeen cisiichaa yeroof tolfamee bakka hundatti diriiree mullata.
Waci xaba daa'immanii caalaa haalaa bakkicha keessa jiruu sagalee iyyaa itti umeera. Haa ta'u malee haala jireenyaa baqattootaafi kolugaltoota magaalatti keessatti Waldaa Metodisti keessatti walira jiraataa jira 500 olii dhoksuu hin dandeenye.
Garee namoota guutuu ardii irraa babahan qabate tokkos, Oknololeessa darbe waajira Motummoota Gamtoomanitii dhaabbata Dhimmoota baqattootaa (UNHCR) akka Afriikaa Kibbaatiin ala isaan qubachiisuuf gaafachuuf hiriira taasisanii ture.

Madda suuraa, Getty Images
Poolisoonni akka isaan baasaniif hajaj keennameefis wayita isaan baqattoota kanneen humnaan baasaniitti daa'imman bo'ichaan wayita haadha saaniitti maraman suuraawwan qoodaman biyyattii naasiiseera.
Tibba sanattit, motummoota gamtoomaniitti Dhaabbanni Baqattootaa (UNHCR) ''baqatoota aarii isaanii ibsachuuf akka marii ijaaraa ta'eerra hirmaatanan jajabeessa'' jedheera.
''Afriikaan Kibbaa biyyaa imaammata fi seera baqattootaa gaarii qabduuf kan baqattoota simachuuf gaarii taateedha'' jedheera.
Baqattoonni kunneenis tibba rakkinaatti erga waldittiin dahoo kenniteefiin qabee achumatti hafaniiru.
Naadinee Nkurukiyaa biyya ishee Buruundi irraa baqatte waggoota 13'f Afriikaa Kibbaa keessa jiraataa akka turu himti. Garuu heyyama jireenyaa hinargannee.
Biyyaa Afriikaa Kibbaa bakka nagaan waan jiraattutti yaadeetti miidhaan irra gahuufi dhiirootaan gudeeddiin irratti raawwatamu himti.
''Gargaarsi kamiyyuu hinjiru. Namni garamiitti akka deemtu sitti agarsiissu tokkoolleen hinjiru, jetti Ms Nkurukiyee wayita BBC'tti imimmaan waliin himteetti.
Odeeffannoo walfakkaataa yoo barbaaddan:
Wayita mudannoo sukkaneessaa keessa dabarte dubbattuttis sagaleenshee cicitaa ture. Rakkina ishee mudateef maddi haala adeemsa biyyattiin gaaffii kolugaltummaa ittiin keessummeesitu gahumsa dhubusaati jetti. Kanaafuu iyyattoonni deebii tokko malee waggoota dheeraa eegatu jetti.
''Wantin ani UNHCR akka nu gargaaruuf gaafadhu tokkichi, bakka itti nagaan jiraannu akka nuuf kennu qofaadha. Lammileen Afriikaa Kibbaa akka namaatti waan nu hinilaaleefi bakka akka namaatti ilaalamuun jiraannu nuuf haa kennan,'' jetti.
Bara 2008 irraa kaasee jibbi lammiilee biyyoota biraa irraa garas sana imala irratti lammiilee Afriikaa Kibbaa qaban baayyeen mudateera.
Biyyi Afriikaa Kibbaa biyyaa addunyaa namoonni dureeyyii fi iyyeeyyii jidduu garaa garummaa olaanaan jiru keessaa tokko. Baqattoonni biyyooa afriikaas garaa garummaa kana keessatti hidhamanii jiru.
Siriiyyu bakka jiraataniitti hojii fi qabeenyaa nu jalaa fudhatan jedhamuun lammiilee biyyattiin miidhaan irra gahaa jira.
Bara darbee jeequmsa qaqabeetti aansuun pirezidaantiin biyyatti Siriil Raamaaphoozaan ''kun gocha gonkumaa fudhatama hinqabneedha,'' jedhanii ture. Itti aansuunis ''lammii Afriikaa Kibbaa kamiifuu lammilee biyya biraa biyyattii keessa jiraatan irraan miidhaa geessisuun haala kamiinu sababni gahaan dhiyeessan hinjiru,'' jedhanii ture.

"Waggoota 10n darbaniif ani maamiila isaaniiti... waraqaa kolugaltummaa haaromsuun'' jetti Saalii Gaandaar kan waajira 'Scalabrin' jedhamutti baqattootaafi kolgaltoota waliin mgaalaa Keep taawoon keessa hojjataa jirtu.
"Ji'aa tokkoon, ji'a sadiin ykn akkuma dhimmi biyya keessaa biyyattii murteesseen ji'a jahaan dhaqxee waraqaa ke haaromfatte.''

Waajirri dhaabbata Scalabrini fi hojjattoonni kunis dhaabbata gargaarsaa baqattoota abdii kutatniif bakka boqonnaa galfannaati.
Jireenyi baqattootaa biyyattii keessatti cimaadha. Seerri baqattootaa geedaramee haaraan hojii baqqattoonni hojjatan murteessuu fi akka isaan sochiilee siyaasaa biyya isaanii keessatti hin hirmaanneef dhorku baayyee cimaadha.
Kunis haala jireenyaa baqattootaa caalaa akka itti cimu taasiseera, jetti Ms Gaandaar.

Madda suuraa, Getty Images
Baqattoonni haalaa haaromsa hayyanaa dhuma hinqabneen obsa fixatanis miidhaa jibbaa fi loogii irra gahuu jecha biyyattii bahu barbaadu.
Kanaafu motummaan biyyattiifi dhaabbanni dhimma kolugaltummaa akka biyyattiin ala isaan qubachiisuuf gaafataa jiru.
'Oggansa Ittigaafatamummaa hinqabne'
Haa ta'u malee biyyattiitti Komishinii Mirogoota Namoomaa irraa kan ta'e Chaaris Niseen gareen ta'ee akka oggantota isaanii odeeffannoon dogongoraa kennaameef akka amanu hima.
UNHCR hojii qubachiisaa akka hinraawwannee ni beekna, garuu haaluma dhimma isaaniirratti hundaa'ee walgalaan isaanii ni baasa jedha.
"Haalli waldicha keessa jiru kan baayyee nama gaddisiisuudha'' jechuun BBC'tti himeera.
"Yoo gama mirga namoomaatiin ilaalamuus haala kanaan itti fufuunsaanii fudhatama hinqabu. Daa'imman mana barnootaa deemaa hinjiran. Anaaf aanga'oonni kun akka ta'uuf heeyyaman kanneen ittigaafatamummaa isaanii hinbaaneedha. Namoonni waan qabatamaa hintaanee akka qubachiifaman abdachuun eeggataa jiru.''
Daldaltoonni naannichaafi jiraattoonni naannoo waldichaatti argamanis haalichaan obsa fixachaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Tursitin tokkoos manneen jireenyaa laastikii bifa waldaa karaa alaatiin geedaran fuulleetti wayita haadholiin nyaata qopheessuufi hojjatan daa'imman ammoo osoo daandii kobilstoonii irra xabatanu arge.
Kaaffeen Saantee fuullee waldichaa yoo ta'u yeroo hunda gamana abbaan mana nyaataa kanaa Eliyaas Paazaatees namoonni akka fuldura kaaffee isaa hinrafnee harii'uun qaba jedha.
"Kunis haala daldala kiyyaarratti dhiibbaa olaanaa qabaata,'' jechuun BBC'tti hime.
"Dowwachitoonni hedduun kana boooda gara kana waan hidhufneefu wanti tokko akka raawwatamuuf eeegataa jirra. Amma yeroonsaa sa'aatii laaqanaati, garuu akkuma agaruu manni duwwaadha.''

Sababii kanaanis hojjattoota isaa muraasa akka hojii dhaaban taasisu hima.
Jiraattooni naannichaa duraan miidhaa baqattootarra gaheen kan gaddaa turan ta'ulleen amma baayyeen isaanii akka achii kaafaman barbaadu.
"Amma asii deemu qabun jedha. Wanti isaan raawwatanis sirrii miti,'' jedha haariidhaan jiraataa naannichaa kan ta'e Ruseel Raas.
"Keessatti daldala irratti dhiibbaa tasisaa jiru. Ummannis itti gamadaa waan hinjirreef amma deemuu qabaatu,'' jedha.














