Lammiileen Afriikaa Kibbaa haasaa 'jibba lammiilee alaa' balaaleffatu morman

Hoogganaan poolisii Afriikaa Kibbaa Bheki Cele gaafa Fulbaana 3,2019 wayita magaalaa Johaanisbargi keessatti ibsa kennan gareen namoota Zuuluu irraa walitti qabaman haala kanaan ulee ol kaasuun mormii isaanii dahgeessisan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Torbee darbes wayita qondaalli poolisii Afriikaa Kibbaa haasawa taasisan mormiin mudatee ture

Torbee darbe Afriikaa Kibbaa keessatti erga haleellaa fi saamichi namoota biyyoota biroo biyyattii keesa jiraatan irratti raawwachuu eegalee as qondaaltonni Afriikaa Kibbaa dubbii araaraa dhiyeessuuf yaalaa turaniiru.

Pirezidaantii biyyattii Siiriil Raamaapoosaa fi qondaala poolisii Bheki Cele dabalatee qondaaltonni biyyattii biyyi isaanii kan dhalli namaa hundi keessa jiraachuu danda'uu fi sababiin lammiileen alaa itti jibbamanii fi haleelamaniif homtuu akka hin jirre dubbachaa turaniiru.

Haata'u malee garuu gareen haleellaa fi saamicha keessatti hirmaachaa turan inumaa miseensa babal'ifachuun haasaa qondaaltotaa mormuu itti fufaniiru.

Gareen kun wayita qondaalli siyaasaa gameessi biyyattii duraanii Mangosuthu Buthelez jibbiinsi lammiilee biyya alaa dhaabbachuu qaba jechuun magaalaa Johaanisbargi keessatti haasawa taasisan mormii dhageessisuudhaan aariidhaan walgahii diigan.

Yaada araaraa qabatanii kan dhiyaatan namni siyaasaa gosa Zuuluu Obbo Buthelezi haleellaan tibbana raawwate kan nama qaanessuu fi maqaa Afriikaa Kibbaa fi ardittii kan balleessuudha jechuun dubbatan.

Tuuti namootaa isaan hordofaa turan garuu walga'icha diiganii erga ba'anii booda magaalattii keessa naanna'uun ammallee lammiileen biyya alaa nu keessaa ba'uu qabu dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan.

Erga Wixata darbe dubbiin eegalamee namoonni 10 ajjeefamuu fi namoonni haleellaa kana raawwatan jedhamanii shakkaman 420 qabamuu poolisiin biyyattii beeksiseera.