Namoonni gameeyyiin gara Afriikaa Kibbaa imaluu lagatan

Madda suuraa, AFP
Haleellaa fi saamicha dhalattoota Afriikaa Kibbaatiin guyyoota darban lammiilee biyyoota biroo irratti raawwatamaa ture booda weellistoonnii fi namoonni bebbeekamoon gara biyyattii hin imallu jedhan.
Weellisaa beekamaan Naayijeeriyaa Burna Boy fi gareen kubbaa miillaa Zaambiyaa kanneen jalqaba garas imaluu didaniidha.
Weellistuun Naayijeeriyaa kan biraan Tiwa Savage jedhamtu konsartii muuziqaa Fulbaana keessa Afriikaa Kibbaatti qopheessuuf turte haqxeetti.
Naayijeeriyaanis lammiileenshee Afriikaa Kibbaa jiraatan bakka hookkarri itti heddummaatutti imaluurraa akka of qusatan akeekkachiisteetti.
Fooramii diinagdee addunyaa magaalaa 'Capetown' keessatti geggeeffamuuf jedhus diduu ishee karaa gorsaa Pirezidaanti Muhaammaduu Buhaarii ibsiteetti.
Haleellaa fi saamicha lammiilee alaarratti qiyyaafate mootummaan dagateera kan jedhan namoonni kunneen hanga mootummaan hirribaa dammaqutti garas akka hin imalle dubbataniiru.
''Lammiileen Naayijeeriyaa ajjeefamuu fi ajjeefamuu dhabuusaanii adda baafachuu baannus uummanni Afriikaa hundaa lammii keenya'' jechuun diddaa qaban akka agarsiisan dubbataniiru.
Dhalattoonni Afriikaa Kibbaa lammiilee biyyoota biroorraa dhufan adda baasanii haleelaa fi saamaa osoo jiranii aanga'oonni biyyattii kun ilaalcha jibbiinsa sanyummaati jedhanii amanuu dhabuunsaanii namoota kunneen mufachiiseera.

Madda suuraa, AFP
Hookkarri erga babal'atee booda Pirezidaantiin biyyattii Siiril Raamaapoosaan gocha kana balaaleffatanillee dubbiin tasgabbaa'uu hin dandeenye.
''Afriikaan Kibbaa qe'ee hundaati'' jedhanii dubbachuunsaaniis aarii biyyoota lammiileen isaanii jalaa miidhamanii qabbaneessuu hin dandeenye.
Naayijeeriyaa keessatti namoota aariidhaan qabeenya Afriikaa kibbaa haleelan irratti poolisiin gaazii nama imimmaanessu gadi dhiiseera.
Haleellaa lammiileen Naayijeeriyaa magaalaa Abujaa keessatti qabeenya Afriikaa Kibbaarratti eegalan booda kaampaaniin mobaayilaa Afriikaa Kibbaa MTN kaampaanii Naayijeeriyaa kessaa qabu hunda akka cufu beeksiseera.
Hookkarri Afriikaa Kibbaa yoom irraa...
Afriikaa Kibbaa keessatti sanyiidhaan nama qoodanii haleeluun waan baratame ta'ullee bara 2008 irraa eegalee garuu daranuu hammaateera. Bara sana namoota 60 caalantu ajjeefaman.
Bara 2015 keessa ammoo magaalota Johaanisbargii fi Darbaan keessatti godaantota ukkaamsuun namoota torba battalatti ajjeesan.

Madda suuraa, AFP
Baruma kana Ji'a Bitootessaa keessa haleellaa namoota biyyoota biraa fi qabeenyasaaniirratti garee qindaa'een raawwatameen namoonni sadi ajjeefamanii qabeenyi hedduun saamameera.
Hookkara alanaa kan Wiixina darberraa eegale raawwachaa jiruun ammoo yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamuu fi qabeenyaan heddu barbadaa'uu qondaaltonni biyyattii himaniiru.
Hookkara kanaan walqabatee hanga ammaatti namoonni 189 hidhamuutu himama.














