Muhaammad Buhaarii: Jibbi sanyii Afriikaa kibbaa 'ardiittiif salphina'

Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaammadu Buhaariin jibba sanyii dhiheenya kana Afriikaa Kibbaatti umamee ture ''salphina ardii'' jechuun ibsan.
Pirezidaantichi kana kan dubbatan wayita lammiilee Naayijeriyaa achitti argaman arganitti TV motummaa Afriikaa Kibbaatti dhiyaachuun akka ta'e barreefama fuula tiwiitarii isaaniirratti maxansaniin ibsaniiru, yoo ta'u,
Jeequmsa Afriikaa Kibbaatti dhiheenya kana umamee tureen qabeenyaan daldaltoota lammiilee Naayijeeriyaa kanneen irratti xiyyeefatamuun miidhaan irra qaqabsiifamee keessatti argama.
Halleelaan taasifamee turees Naayijeeriyaa keessatti aarii ummee ture. Kunis oduu lammiilee Naayijeeriyaa ajjeefamaniiru jedhuurraa kan maddee ture.
Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Raamaafozaa waan umameen 'qaanneefadheera' jedhanii ture.
Mr Buhaariin lammiilee Naayijeeriyaa Afriikaa Kibbaatti argaman waliin wayita wal gahanitti akka dubbataniitti, ''waan umameef aangawoonni dhiifama gaafataniiru. Walitti dhufeenya keenyaaf jechas gocha fokkisaa kana dhaabuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuunis dhaabaniiru,'' jedhaniiru.









