Boba'aa qusachuuf xayyaaroti akka simbira haadh-maraatti balali'uun irra jiraata

Simbira haadh-maraa

Madda suuraa, Getty Images

Sanyiin simbirrootaa gariin aannisa qusachuuf jecha walitti dhiyaatanii balali'u. Xiyyaarrotis mala kana fayyadamuun boba'aa qusachuu danda'u.

Jalqaba bara 1500 keessa artistiin bara Reenesaansii Liyoonaardoo Daa Veenchii gochaa simbiraan danqamuu jalaqabe.

Guyyuu sochii simbirroota qo'achuun dabarsa, akkatti samiirratti madaala eeggatanii fi ofirra galagalan qalbeeffachuun fakkiidhaan yaadannoo ol keewwata ture.

Abjuunsaa qorannoosaa saayinsawaan maashiina balali'u hojjechuu ture. Haa tahu malee kitaaba akkatti simbirroonni balali'an ibsu qopheesse, kunis boodarra damee qoarannoo waan uumamaa ilaaluun waa kalaquuf (biomimicry) bu'uura tahe

Jaarraa baayyee booda yaaliin waa kalaquu babal'achaa dhufe. Obbolaawwan xayyaara kalaqan Za Raayitis biraazaris yeroo saxaxa hojii isaanii qopheessan simbira akkeessuun ture, kanumaan indaastiriin aveeshinii dhalate.

Bara 2019tti dhaabbanni xiyyaara oomishu Airbus piroojektii ''fello fly'' jedhamuun simbira qo'achuutti deebi'e.

Kanaanis akkatti simbirooti haadh-maraa boca V qabatanii balali'uun aannisaa qusatan hubachuuf yaale.

Malli kuni jeetiiwwan daandii itti balali'an isa sirrii qabachuun walitti siqanii jeetii dursaa adeemu akka hordofan godha. Haala kanaan boba'aa dhibbeentaa 5-10 qusachuun ni danda'ama, Nasa'illee qorannoo wal-fakkaataa baaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2023tti dhimmi kuni gara piroojektii samiirratti yaalamu haadh-maraa ykan Geese Project tti geeddarame. Kanaafis doolaarri miiliyoona 10.5 baheera.

Barana Daandiin Xayyaaraa Deeltaa fi Aibus pirojektii ''fello fly'' mana yaalii keessaa baasanii gara samiitti geessuu barabaadan. Waggaa kana gara walakkeessa irratti kallattiidhumaan gara hojiittii geeddaranii ilaaluu barbaadu.

Kaayyoon dhaabota kanaa sochii xiyyaaraa "rendez-vous" jedhamu kan jeetiiwwan imaltootaa lama garba Atlaantik irra walittisiqanii akka balali'an gochuu dha.

Fakkeenyaaf tokko xayyaara Faransaayi Niiw Yoork irraa ka'u, kaan ammoo xayyaara Daandii Qilleensaa Deeltaa Maayaamii irraa ka'uun gara Landanitti balali'u dha.

Xayyaaronni lameen kunneen ol ka'iinsa balalii eeyyamamu meetira 303 irratti waliin akka balali'an gochuun booda fageenya gidduu isaanii jiru ammoo gara km 2.2 hir'isuu dha. Yaalii kanaan boba'aa hir'isuun danda'ameera.

Yaalii kanaan fageenyi xiyyaarota lama gidduu jiru xiyyaarota amma hojiirra jiranirraa baayyee kan walitti siqe dha jedhan hoggantuun fayyadama anniisaa waaraa Daandii Qilleensaa Deeltaa Ameeliyaa Daluukaa.

Yeroo ammaa xiyyaaroti km 5.5 hanga 9.2 walirraa fagaatanii balali'u. Kanaaf tarkaanfiin inni jalqabaa balaa otoo hin dhaqqabsiisiin walirraa fageenya kana hir'isuun danda'amaa kan jedhu mirkaneessuu dha.

Isteefaan Tireent dhimma balalii xiinxala daandii qilleensaa gariiniif walitti siqanii balalii'uun mala faayidaa-qabeessa tahuu mala.

''Tilmaamni kuni malli kuni kan daandiiwwan qilleensaa filatamoo tahanirratti qofa kan hojjetuufi gosa xiyyaaraa irratti hundaa'a,'' jedha. Fakkeenyaaf xayyaara Niiw Yoork irraa gara Landan balali'uuf hojjechuu mala, Maayaamii irraa gara Meeksikoo haala wal-fakkaataa tahuu dhiisuu mala jedha.

Indaastirii aveeshinii keessatti fedhiin simbira akkeessuun balalii mijeessuun dabalaa dhufeera.

Bara 2050tti kaarbanii fayyadamuu dhaabuuf kaayyeeffachuun Gumiin Kaarbanii Deeltaa bara 2024tti kaarboonii toonii 65,800 qusadheeraa jedhe. Dhaabbatichi karaa haaraa aannisaa itti qusatu barbaaduu itti fufaa jedhan Deluukaan.