Dhaabbata Aviyeeshinii bobbaa namaa irraa boba’aa xiyyaaraa oomishe

Dhaabbanni Aviyeeshinii Firefly Green Fuels James Hygate jedhamu, gosa boba’aa jeettii kan guutumaatti bobbaa (udaan) namaa qofaa irraa oomishuu beeksise.
Keemistoonni laaboraatoorii giluukestershayir kosii kana gara boba’aatti jijjiiran.
Hoji-gaggeessaan dhaabbata Firefly Green Fuels James Hygate, “nuti waan gatii gadi aanaan dhiheessii gaarii qabu barbaadaa turre. Dhuguma ammoo udaan namaa dhiheessii gaarii qaba,” jedhan.
Too’attoonni dhaabbata aviyeeshinii idil-addunyaa qorannoo walabaa taasisaniin argannoon kun boba’a kana dura jeettiif fayyadamamaa jiruun baayyee wal-fakkeenya qabaachuu mirkaneesse.
Dhaabbanni qorannoon udaan gara boba’aa Jeettiitti jijjiire kun dhiibbaa kaarboonii haalaan xiyyeeffannaa keessa galchan.
Argannoon isaanii ammaa kunis qabiyyee kaarboonii boba’aa amma hojiirra oolurraa harka 90 gadi aanaa kan ta’e qaba.
Mr Hygate waggoota 20'f oomishaalee kaarboonii gadi aanaa qaban hojjechuurra ture. Akka inni jedhutti, boba’aan amma argatan kun ‘Fossil carbon’ irraa bilisa kan ta’edha.
Akka addunyaatti balalii qilleensaan kaarboonii lakkifamu keessaa 2% gumaacha qaba. Hangi isaa xiqqaa ta’ulleen seektarri kun saffisaan guddachaa jira. Kanaaf, aviyeeshinii keessaa kaarboonii dhabamsiisuun hojii cimaa hojjetamudha.
Yeroo ammaa kana kaampaanii Cotswolds keessatti xiyyaaronni humna elektiriikiin hojjetan kalaqamaa jiru. Xiyyaaronni kunneen bara 2026tti imaltoota geejjibsiisuu jalqabu jedhameetu abdatama.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ta’ulleen xiyyaaronni guutummmaan elektiriikii qofaan yeroon itti balali’an waggoota kurnaan lakkaa’amu fudhachuu danda’a.
Kanaaf jecha maloonni boba’a kaarboonii hin uumne fayyadamuu dandeessisan hojii ariifachiisaa amma hojjetamuu qabu ta’e.
Mr Hygate waggoota 20 dura haftelee omisha qonnaa gara boba’aa konkolaattotaaf oolaniitti jijjjiiruu hojii jalqabe.
Dhaabbanni isaa Green fuels amma meeshaalee zayita nyaataa gara boba’aa qilleensa hin faalletti jijjiiru guutuu addunyaatti dhiheessa.
Ergaa hojii kanaan milkaa’ee booda akkaataa boba’a jeettii qilleensa hin faalle omishuu danda’u yaaduu kan eegale.
Kanaafis zayita, hafteewwan nyaataafi hafteewwan omisha qonnaa irratti yaalii taasisaniiru.
Ergasii booda bobbaa/udaan namaa irratti qorannoo kan eegalan.
Keemistii Koolleejjii Impeeriyaaliifi London kan tahan Dr Sergio Lima waliin hojii kana jalqaban. Waliin ta’uun adeemsa ittiin udaan gara anniisaatti jijjiiramu uuman.
Qorattoonni lamaan jalqabarratti waan “Bio-crude” jedhamu kan zayita fakkaatu, gurraachaafi mucucaataa ta’e argatan.
Dr Liman yeroo jalqaba bu’aa kana argatan hedduu raajeffatan.
“Kuni waan hedduu nama gammachiisudha. Sababnisaas waan kun waan ittifufiisaan argamuufi namni hundi gumaachurraa waan omishamuuf,” jedhan.
Laaboraatoorii qorattootaa kana keessatti calaltuu zayitaa keessatti bobbaan namaa adeemsa distileeshinii keessa darba.
Adeemsa kana keessatti dhangala’aan ni danfisama. Gaaziin ammoo tempireechara daanga’een adeemsa distileeshinii keessa darbee gara boba’aatti ceha.
Coba xixiqqaadhaan ujummoo keessatti kuufama. “Dhumarratti boba’a ta’ee arguun waan akkaan nama gammachiisu,” jedhu.
Boba’aan udaan namaarraa omishame kun walmakiinsa keemikaalaa boba’aa jeettii amma hojiirra jiruun walfakkaatuu akka qabu mirkanaa’us qorannoon dabalataa dhaabbata aviyeeshinii UK tiin itti aanee gaggeeffama.
Dhaabbanni geejjibaa UK qorattoota udaan namaa irraa boba’aa jeettii omishan kana Paawundii miiliyoona lama badhaaseera.
Boba’aa qilleensa hin faallen aviyeeshinii kaarbooniirraa bilisa gochuu

Amma hojiin itti aanu boba’a adii kan jeettiif oolaa jiru kana qorannoo haaraa kanaan bakka buusuudha. Mr Hygate kana raawwachuuf herreega isaa hojjetanii waan raawwatan fakkaata.
Qorannoo isaanitiin namni tokko udaan waggaatti haguun boba’aa jeettii liitira 4-5 ta’u kan faalama naannoo hin geechisne gumaachuu akka danda’u shallaganiiru.
Jeettiin imaltootaa Landan irraa ka’ee Niiwuyoork gahu bobbaa ykn udaan waggaa kan namoonni 10,000 hagan akka barbacahisu himu. Kuni imala qeenxeef yoo ta’u, as deebi’uufis hammasuma kan namoota 10,000 barbaachisa.
Akka waliigalaatti uummanni UK udaan waggaatti hagurraa boba’a waggaaf barbaachisu keessaa harka 5 gumaacha jedhan.
Hammi kun yeroo ilaalan xiqqaa fakkaachuu mala “garuu haalan waan ajaa’ibaati” jedhan.
“Akka seeraatti aviyeeshiniin boba’a faalama naannoo hin geesisne dhibeentaa 10 fayyadamuu qaba. Kanaaf, walakkaa isaa udaanirraa omishnee guunna jechuudha,” jedhan.
Boba’aa hafteewwan zayitaa, midhaan zayitaafi maddeen akkasii irraa omishaman akka boba’aa faalama naannoo hin geesisneetti ilaalamu.
Boba’aa akkanaa xiyyaara keessaa hammeentaa CO2 boba’awwan kaanin walqixa ta’e baasu. Garuu yeroo qilleensa naannootti gadhiifaman qabiyyeen keemikaalawaa isaanii walqixa miidhaa kan hin geesisne ta’uu himu qorattoonni. Kunis sababa biqiloonni jalqabumaa yeroo guddatan CO2 fayyadamaa turaniin walqabata.
Quuqamtoonni naannoo garuu namoonni balalii xiqqeessuu akka qabaniifi midhaan boba’aa jeettii omishuuf osoo hin taane nyaataaf oolfamuu qaba jechuun qeequ.
Boba’aa udaan namaarra omishamu kana garuu ni deeggaru. “Udaan namaa waan hin barbaachisneefi hawaasni omishuu hin dhaabnedha,” jedhan.
Kanas ta’ee sana, ejensiin anniisaa idil-addunyaa aviyeeshiniin boba’aa faalama naannoo hin geessisne hojiirra oolchuun hammeentaa kaarboonii xiqqeessuun waan gaaffii keessa galuu hin qabne jedhe.
Addunyaarratti yeroo ammaa boba’aa xiyyaaraa faalama naannoo hin geessine fayyadamuun 0.1% irra jira. Kanarraa ka’ee yoo ilaalamu karoorri Mr Hygate fa’a gara 5% guddisuuf qabatan guddaadha.
Boba’aa xiyyaaraa udaanirraa omishuun kuni galteen isaa addunyaa guutuu kan jiruufi addunyaa guutuufuu carraadha jedhan Mr Hygate.
Kaampaniin isaanii amma UK keessatti warshaa guddaa kana hojjetu ijaaruuf galii walitti qabaa jira. “Carraan guddaan magaalota jiraattota hedduu qaban keessa jira. Achirraa boba’aa hedduu omishna,” jedhan.












