US bulchiinsa Alaaskaatti balaa xiyyaaraan namoonni 10 du'an

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaa bulchiinsa Alaaskaatti xiyyaarri lafatti kufee caccabuun balaliisaa dabalatee namoonni 10 du'uu aanga'oonni ibsan.
Sababa balaa xiyyaaraa bulchiinsa cabbiin itti heddummaatu kana keessatti mudateen namoota du'an reenfasaanii barbaaduun itti fufeera.
Hogganaa boordii Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaa kan ta'an Jeniifar Hoomendii ka'umsa balaa kanaa baruuf ''yeroonsaa ganaadha'' jedhan.
Qabeenya daandii qilleensaa Bering Air kan ta'e xiyyaarri Cessna Grand Caravan jedhamu kun, Kamisa darbe ture raadaarii keessaa kan ba'e.
Xiyyaarri balaliisaa (paayileetii) fi imaltoota sagal fe'ee ture kun iddoo Alaaskaarraa kiilomeetira 55 fagaattee kallattii lixaatti argamtu- Noom keessatti kufe.
Kanneen du'an keessaa lama hojjettoota dhaabbata gargaarsaa Alaska Native Tirbe Health Consortium jedhamuu yoo ta'an, hojiif gara Noom imalaa akka turan dhaabbatichi ibseera.
Qondaalli nageenya geejjibaa Jeniifar Hoomendii akka ibsanitti qorattoonni Washington DC irraa ergamanii fi ogeeyyiin biroon iddoo balaan kun itti mudatetti argamuun qorataa jiru.
''Yeroo ammaa hojiin reenfa baasuu itti fufeera'' kan jedhan Jeniifar maatii fi firoota namoota balaa kanaan du'aniif jajjabina hawwaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Naannoon balaan xiyyaaraa itti mudate kan cabbiin haguugamee fi baayyee qabbanaa'u yoo ta'u, hojjettoonni balaa yeroo tasaa haala rakkisaa kana dandamatanii hojiisaanii hojjetaa jiru jedhan.
Xiyyaarri kun cabbii gogaarratti kufuu ibsan dura teessuun Boordii Nageenya Geejjiba Biyyaalessaa kun.
Xiyyaarota xixiqqoo bobbaasee kan hojjechiisu daandii qilleensaa Bering Air jedhamu balaa mudateen gadduu ibseera. Qorattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu hime.
Aanga'oonni Alaaskaa xiyyaarri tokko daangaasaanii keessa erga seenee booda raadaariin ala ta'uu Kamisa darbe akka lakkoofsa bakka sanaatti waaree booda sa'atii 10:00 irratti itti himamuu dubbataniiru.
Suuraan bakka balaan kun itti mudaterraa ba'e yeroo sanatti sababa haala qilleensaa rakkisaa ta'een samiin akkaan guraacha'ee ture.
Ameerikaatti dhihooma kana Washington DC keessatti balaan xiyyaaraa biraa lubbuu namoota 67 galaafateera.
Xiyyaarri kan daandii qilleensaa American Airlines taate tokko qilleensarratti helikooptara waraanaan walitti bu'uun balaan kun mudate.












