Waa'ee balaa xiyyaaraa Waashingitan DC hanga ammaatti waan beeknu

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyaarri imaltootaa fi hojjettoota xiyyaara 64 fe'ee ture erga qilleensa irratti helikooptara Waraana Ameerikaa waliin walitti bu'ee booda Waashingitan DCtti laga tokko keessatti kufe.
Hanga ammaatti laga Potomac keessaa reeffi namoota 18 kan baafame yoo ta'u, gareewwan barbaacha fi baraarsaa bishaan qorra garmalee qabu keessatti sakatta'aa akka jiran miidiyaan US michuu BBC ta'e CBS gabaaseera.
Angawoonni Ameerikaa taatee kana qorataa kan jiran yoo ta'u, buufata xiyyaaraa biyyoolessaa Roonaald Reegan Waashingitan kan naannoo sana jiru balalii hunda dhaabeera.
Waa'ee taatee kanaa hanga ammaatti wanti beeknu kunooti:
Ofii maaltu ta'e?
Roobii akka biyyaatti naannoo sa'aatii 21:00tti (02:00 GMT)tti jeettiin Daandii Xiyyaaraa PSA Daandii Xiyyaaraa Ameerikaa 5432 jedhamuun hojjataa jiru kan helikooptara waraana Ameerikaa waliin wayita buufata xiyyaaraa biyyoolessaa Roonaald Reegan Waashingitan dhiyaatu walitti bu'uusaa Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa (FAA) ibseera.
Xiyyaarri imaltootaa Bombardier CRJ700 jedhamu kun Wichita, Kansaas irraa kan ka'e yoo ta'u, imaltoota 60 fi hojjettoota afur fe'ee akka ture Daandiin Xiyyaaraa Ameerikaa beeksiseera.
Peentaagoon akka jedhetti, helikooptarri dhimmicha keessa jiru Sikorsky H-60 kan Varjiiniyaa Foorti Belvoir irraa ka'e ta'uu ibseera.
Loltoonni Ameerikaa sadii helikooptara kana keessa akka turan CBS gabaaseera.
FAAn Boordii Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaa (NTSB) waliin ta'uun taatee kana akka qoratu ibseera.
Miidhaan lubbuun qaqqabe jiraa?
Hanga ammaatti miidhaa qaqabe ilaalchisee ibsi ofiseelaa kenname hin jiru. Haata'u malee, reeffa namoota 18 bishaan keessaa baafamuu CBS gabaaseera.
Gabaasni jalqabaa miidiyaalee Ameerikaa irratti ba'e akka jedhanitti, xiyyaarri imaltootaa laga Potomac irratti bakka lamatti gargar bahee mul'ata kan jedhan yoo ta'u, helikooptarri ammoo bishaan keessatti garagaltee ture.
Poolisii fi kutaan ibiddaa bishaan baayyee qorraa keessatti namoota lubbuun hafan barbaadaa kan turan yoo ta'u, bidiruuwwan poolisii gargaaraa akka turan CBS News gabaaseera.
Barbaachaa fi baraarsi kun buufata xiyyaaraa Roonaald Reegan kan naannoo laga kanaa jiru irraa mul'achuu danda'eera.
Namoonni ijaan argan maal jechaa jiru?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ari Schulman NBC Washington'tti akka himanitti, xiyyaarri amma balaan irra qaqabe kun osoo daandii Paarkii Joorji Waashingitan kan buufata xiyyaaraa kana biraan darburra imalu argeera.
Xiyyaarri kun itti dhihaachaa yoo adeemuu waanuma nagaa fakkaata ture jedheera. Haata'u malee, hanga qarqarri xiyyaarichaa gara mirgaatti jallachuun, "qaanqeewwan hedduun" jala irra fiigaa ture yoo ifuun argargeera jedhan.
Booda garuu ''baay'ee sirrii akka hin taane'' ta'u akka hubate dubbateera. Kanaan dura xiyyaaronni achitti qubatan erga ilaaleen booda, xiyyaarri kun waan jala xiyyaara dukkana keessatti mul'atuu qaabaatu tokko hin qabu ture jedhan.
Ibiddi kun ''dhaamaa guddaa'' fakkaatee funyaan xiyyaarichaa irraa gara eegee isaatti akka deeme dubbatan.
Jiimii Maazeyoon balaa kana kan arge jaalalleesaa waliin paarkii naannoo buufata xiyyaaraa jirutti irbaata nyaachaa osoo jiranii akka ture dubbate.
Waan "balaqqee adii" fakkaatu tokko samiirratti arguu isaa ykaasa. Xiyyaaronni gara Buufata Xiyyaaraa Roonaald Reeganitti balali'an ''akkaataa sirrii hin taane'' balali'aa turan fakkaata jedheera.
Aab Maazeyoon hanga tajaajilli balaa tasaa bakka sana gahuu jalqabutti waan arge baay'ee akka hin yaadne dubbata.
Qondaaltonni Ameerikaa maal jechaa jiru?
Pirezidanti Doonaald Tiraamp waa'ee ''balaa sukkaneessaa'' kanarratti ibsi guutuun isaaf kennamuufi dhimmicha itti dhiheenyaan hordofaa jiraachu dubbatan.
''Waaqni lubbuusaanaii haa eebbisu'' jedhan ibsa baasaniin.
"Hojii ajaa'ibsiisaa deebii kennitoota jalqabaa keenyaan hojjatameef baayyee galatoomaa'' jedhan itti dabaluudhaan.
Pirezidantii ittaanaan JD Vaansi kanneen balaan mudateef kadhaanaan akka taasifamuuf gaafatan.
Ministirri Dhimma Alaa Piitar Heegset fi Ministirri Geejjibaa Seen Duufii, kan mudamni saanii dhiheenya mirkannaa'es, haalicha hordofaa jiraachu dubbatan.
Hojjii Gaggeessaa Olaanaan Daandiiwwan Qilleensa Ameerikaa, Roobarti Isoom balaa mudate karratti ''gadda cimaa'' itti dhagahame ibsuudhaan marsariitii daandii qilleensichaa irratti maxxansaniiru.












