Xiyyaarri Sudaan Kibbaatti kufee namoota 20 galaafate, tokko oole
![Balaan xiyyaaraa kuni har'a [Roobii] ganama mudate](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/06d8/live/671b17f0-de55-11ef-9477-55d42bf999f6.jpg.webp)
Madda suuraa, Reuters
Biyya ollaa Itoophiyaa Sudaan Kibbaatti xiyyaarri kufee yoo xiqqaate namoota 20 galaafate.
Balaan kuni bulchiinsa biyyattii Yuniitii jedhamu keessatti mudate.
Ministirri Odeeffannoo Bulchiinsa Yuniitii akka dubbatanitti xiyyaarichi osoo gara magaalaa guddoo biyyattii, Juubaatti imaluu Roobii ganama kufe.
Ministeerri Odeeffannoo Bulchiinsa Yuniitii Gaatwech Bipaal, imaltoonni du'an hojjettoota buufata boba'aa ta'uu dubbachuun isaanii gabaafameera.
Balaa kanaan lakkoofsi namoota du'anii 18 ta'uu miidiyaaleen jalqaba gabaasanii turan.
Ta'us qondaalli mootummaa kuni kanneen lubbuun hafan lama boodarra du'uu dubbatan. Nami tokko balaa kanaarraa lubbuun ooleera.
Ammattii sababni balaa xiyyaara kanaa hin baramne.
Xiyyaarichi balalistoota lamaan dabalatee namoota 21 fe'ee deemaa turuutu gabaafame.
Imaltoota keessaa 16 kan ta'an lammiilee Sudaan Kibbaa yoo ta'an, lammiileen Chaayinaa lamaafi kan Hindiis keessa turan.
Xiyyaara kana kan kireeffate dhaabbata 'The Greater Pioneer Operating Company' jedhamu akka ta'e gabaafameera.
Dhaabbati kunimmoo dhaabbata shariikaa kaampaanii boba'aa Hindii, Chaayinaa, Maalezhiyaafi Sudaan Kibbaa waloon hundeessanidha.
Waggoota muraasa darban balaan xiyyaaraa baay'ee Sudaan keessatti mudatuu gabaasni Rooyitars hima.
Bara 2018 yoo xiqqaate namoonni 19 yeroo lubbuu dhaban, bara 2015 immoo baay'een balaadhuma xiyyaaraan lubbuu dhabaniiru.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












