Balaa xiyyaaraa Piriigozhin mudateen booda maaltu jedhame?

Hoggantoota Waagnar balaa xiyyaaraan du'an

Madda suuraa, Getty Images

Xiyyaarri hogganaa Garee Waagnar, Piriigozhin qabattee turte lixa Raashiyaa kuftee caccabde. Piriigozhin fi itti-aanaa isaa Dimiitirii Utkiin dabalatee namoonni 10 balaa kanaan du’uu aanga’oonni Abbaa Taayitaa Aveeshinii Raashiyaa beeksiseera.

Haata’u malee, Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin dursaan garee Waagner du'uu gabaafame ilaalchisee hanga ammaatti waayyu hin dubbatiin jira.

Miidiyaaleen Raashiyaa biyya keessaas waa’ee balaa xiyyaaraa kaleessa galgalaa kana battaluma wanti kun uumetti gabaasuurra darbee ballinaan gabaasaa hin jiran.

Puutin galgala yeroo du'uun Piriigozhin gabaafametti Waraana Addunyaa II waggaa 80 ilaalchisuun Naannoo Kuuriskitti haasaa yeroo taasisan mul'atanii ture.

Yeroo haasaa Waraana Sooviyet yaadachuuf haasaa taasisanitti, Raashiyaanota 'Opereeshinii Addaa' ittiin jedhan Yukireen keessatti ajjeefamaniif gadda ibsaniiru.

Yeroo kanatti garuu waa'ee Waagner ykn Piriigozhin waan tokkollee hin dubbanne Puutin.

Kun garuu waan nama ajaa'ibus miti jedhu xiinxaltoonni. Tarii Puutin waa'ee xiyyaara caccabee ilaalchisuun odeeffannoon sirrii karaa idileetiin qophaa'u eegu ta'a.

Puutin taateewwan jajjaboo akkasii kanarratti dubbachuu hin ariifatan. Yeroo hedduu 'mee hubannee boonya' ilaalcha jedhu qabu.

Kora biyyoota BRICS Afrikaa Kibbaatti gaggeeffama ajirurratti akka biyya miseensa taate tokkootti haasaa kan taasisan Puutin, dhimma balaa xiyyaaraa michuun isaanii duraanii keessa galaafatamee waayyu hin dubbatin darban.

Puutin haasaa isaa kan taasise erga garee Brics, biyyootin ja’a – Arjantiinaa, Masirii, Iraan, Itoophiyaa, Saawudii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireet (UAE)- akka miseensota gartuucha akka ta’aniif affeeree booda.

Du’uu Piriigozhin irratti Yukireen maal jette?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gazexeessaan BBC Jeems Wateerhawuus kan Kiyiiv jiru akka himutti, namootni Yukireen keessa jiran Piriigozhiiniif danuu hin gaddine,. Taateen kunis Raashiyaa keessatti ‘hokkora’ akka uumuuf abdatu.

“Kun hogganaa gartuu loltoota qacarriin hojjetanii kan Yukireen keessatti lola hamaa gageessaniidha,” jedha.

“Namni hundi hanga waan mirkanaa'e dhaga’anitti ykn hanga viidiyoo Pirigoozhin du’uu isaa agarsiisu arganitti, oduu du’a isaa guutummaatti hin amanani – ta’us Yukireen keessa namoonni sana hawwan hedduudha.”

Lammileen Yukireen hedduun Vilaadmir Puutin ‘karaa kamiinu akka fonqolchamu’ hawwaa turaniiru, fincilli Pirigoozhin ammoo hin milkaa’in hafus, akka jalqabbi galma sanaatti ilaalama.

Taateen kun “hawwii dhokataa akka bulchiinsi Puutin kufuuf jiru kan gabbisudha,” jedha Watarhawuus.

Gargaaraan pirezdaantii Yukireen Mayikhaalo Podolaayik miidiyaa hawaasummaa isaa irratti, balaan xiyyaaraa kun “filannoo 2024 dura Puutin olaantota Raashiyaaf ‘Of eegadhaa! amantaa gatuun du’aan qixxeedha’ jechuun akeekkachisa kennudha’ jechuun barreesseera.

Shororkeessaan tokko hir’achuun isaa nuuf gaaridha- Angaa’aa Yuukireen

Gorsaan ministeera ittisaa Yuukireen, gaabaasi du’a Yivgeenii Pirigoozhin Yukireeniis oduu gaariidha jedhan.

“Shorokeessaan tokko hir’ise jechuun Raashiyaa keessatti hokkorri dabale jechuudha. Dabalataan ammo Raashiyaan bulchiinsa kufaa ta’aa jiru, kan shororkeessaa uummata isaa sodaatuun hogganamuu ta’uu isaa mallattoo agarsiisudha,” jechuun Yuurii Saak sagantaa BBC Radio 4 Today’tti himeera.

“Ani akkan ilaalutti, wanti Raashiyaa dadhabsu kamuu, nuutin nu jabeessa.”

Maddeen humna ittisaa UK ammoo ejensiin basaasaa Raashiyaa FSB jedhamu xiyyaara Piriigozhin kanarratti qiyyaafachuun isaa hin oolu jedhan.

FSB dhaabbata basaasaa Raashiyaa duraan KGB jedhamu turedha.

FSBn kun dhaabbata Puutiniif baayyee amanamaa ta’e yoo ta’u, dhimma nageenya biyya keessaas isumatu hordofa.

Waa’een balaa xiyyaara kun Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ‘hedduu isaan hin ajaa’ibne’.

“Ani wanta ta’e qabatamatti hin beeku. Wanti ta’es nah in ajaa’ibne,” jedhan Baayidan.

‘Du’a Pirigozhin duuba Puutin jiraachuu mala’ hoggaanaa duraanii MI6

Hogganaa duraanii dhaabbata basaasaa UK MI6 kan ta’n Sir Joon Saawers, du’a Yivgeenii Pirigozhin gabaafame duuba Vilaadmiir Puutin jiraachuu mala jedhee akka yaadu dubbateera.

“Biyyootii akka Raashiyaa keessatti dhugaa jiru hunda sirriitti beekuu hin dandeessu garuu, amma waanti jiru akka Puutin tarkaanfii irratti fudhate kan agarsiisudha – to’annoo qabaachuu isaa deebisee mirkaneeffateera,” jechuun sagantaa BBC Radio 4 Today irratti dubbateera.

Meeshaan “xiyyaachaa tasa kuffisee fi namoota achirra turan hunda ajjeesee’ xiyyaarichaarra ture natti fakkaata jedhu Saawersi.

Dubbi himaan duraani Puutin, haleellaa kanaaf kan itti gaafatamu Yukireeni jedhanii

Sergee Maarkoov dursee, Pirigoozhin ‘goota’ jechuun, ragaa tokkollee utuu hin dhiyeessuun Pirigoozhiin ‘'Guyyaa walabummaa Yukireen irratti Zeleniskiif kennaa akka ta’uud” humna basaasaa Yukireeniin ajjeefame jechuun dubbatee ture.

Deeggartoonni waagnar balaa xiyyaaraa mudaterratti maal jedhu?

Fuullu Telegiraamii Waangnar Grey Zone jedhamu xiyyaarri Yevgenii Piriigozhin humna waraanaa raashiyaatiin kuffiifamte jedhanii shakku.

Toorri Telegiraamii kun kaleessa galgala akka fuula isaarratti ''hogganaan Waagnar tarkaanfii diinota Raashiyaatiin fudhatameen ajjeefame” jechuun maxxanseera.

Namni Roomaan Saponkoov jedhamu dhimma waraanaa gabaasuufi Waagnar waliin hidhata qaba jedhamus, dursaan garee waagnar kun ni ajjeefame jedhee amana.

“Ajjeefamuun Piriigozhin balaa guddaa qabaata. Namoonni ajaja kana kennan miiraafi hamilee humna garee sana keessa jiru warra hubachuu hin dandeenyedha,” jedhe.

Fuulli dhimma waraanaa irratti gabaasuun beekamu DShRG Rusich jedhamu ammoo Piriigozhin fonqolcha Waxabajji darbe keessa yaalee osoo Mooskoo hin ga’iin sababa deebiyeef ajjeefame jedhee yaada.

“Kun hundaaf barumsa ta’uu qaba. Hanga dhumaatti deemuu qabda,” jedhe.