Waayee balaa xiyyaaraa hoogganaa waagnar ajjeese jedhamee hanga ammaa maal beekna?

Balaa xiyyaaraa Pirigoozhiin galaafate

Madda suuraa, Reuters

Hoogganaan garee hidhattoota kaffaltiif lolanii(Waagner) kan ta'an Yevegeny Pirigoozhiin jeettii dhuunfaa Kaaba magaalaa Mooskootti kufe keessa imaltoota turan keessaa tokko akka ta'an adda baheera. Balaa kanaanis lubbuun isaanii darbeera.

Michuu dhiyoo pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin kan turan namni kun, karaa kaampanii waraanaa dhuunfaa isaanii waraana Yukireeniifi Raashiyaa Onkololessa 2022 eegalee keessatti gahee olaanaa bahaniiru.

Haata'u malee michummaan Putiin waliin qaban Waxabajjii darbe wayita humnootni isaanii Putiin irratti ka'uun gara magaalaa Mooskoo akka duulan ajajan boora'e.

Haala akkamiin xiyyaarri qondaalli kun keessa ture akka kufe odeeffannoo bal'aan ammallee eegamaa jira.

Xiyyaaricha maaltu mudate?

Xiyyaarri ajajaan waraanaa Waagneer keessa turan jedhamu kun 'Embraer Legacy' kan jedhamu yeroo ta'u, xiyyaara nama dhunfaa nama xiqqaa baatudha.

Xiyyaarri kun Mooskoofi Seent Piiterisbeerg gidduu osoo balali'aa jiruu naannoo Tiveer jedhamu kan Kaaba magaalaa Mooskootti argamutti kufe.

Chaanaaliin Telegiraamii Waagnar waliin hidhata qabu Grey Zone xiyyaarrii kun humna waraanaa Raashiyaan rukutamee kufe jedheera. Ragaa yada kana deeggaru garuu hin dhiyeessine.

Jeettiin nama dhuunfaa kun imaltoota torba fi hojjettota biroo sadii qabatee ture.

Akka odeeffannoo jalqaba baheen balaa kanaan namootni 10 kan xiyyaaricha keessa turan hunduu du'aniiru. Reeffii isaaniis argameera.

Jeettiin 'Embraer Legacy' qabeenya kaampaniiwwan Prigoozhiin ta'ee galmaahee jira.

Xiyyaarrii kun battala lafa gahetti ibiddi itti qabate. Balaliin isaaniis daqiiqaawwan soddoma caala hin turre.

BBC'n viidiyoo haqummaa isaa mirkaneeffate irratti xiyyaarichi naannoo Kuuzheenkiinoo jedhamutti samiirraa kufe.

Grey Zone xiyyaarri kan biraan qabeenyumman isaa kan Prigoozhiin ta'e naannawa Mooskootti nagaan qubateera.

Eenyufaatu xiyyaara sana keessa ture?

Xiyyaara xiqqaa Prigoozhiin kana keessa, hoogganaa Waagnar dabalatee namoota 10'tu ture. Sadii hojjettoota xiyyaarichaati.

Ejeensiin Aviyeeshinii Raashiyaa imaltootni torba eenyu akka ta'an adda baasuu beeksiseera.

Isaanis Prigoozhiin fi nama harka isaa mirgaati jedhamu Dimiitrii Utikii, Sergee Propuustiin, Yeveegeeny Makaariyaan, Aleeksaander Totmiin, Vaaleriiy Cheekaloov fi NikoolaayiMatuuseyeev.

Hojettootni xiyyaarichaa sadiis akkausma maqaan eenyummaan isaanii adda baafamee ibsameera.

Yeroo dhiyoo keessa waayee sochiilee Prigoozhiin godhaa turee maal beekna?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiyyaarri dhuunfaa Prigoozhiin koranii turan kun magaalaa Mooskoo irraa gara Seent Piteerisberg imalaa ture. Bakki itti kufe ammoo Moskoo irraa maayila 60(km 96) fagaata.

Waxabajjii darbe waahila isaanii duraanii Puutiin irratti fincila guyyaa guutuu muddama dhale erga labsanii booda callisanii turan. Sana dura tooftaa waraanaa Putiin Yukireen keessatti gaggeessaa jiran irratti qeeqaa dhiyeessaa turan.

Fincila isaanii kanatti xumura gochuuf himannaan irratti dhiyaatu akka hafu godhamee gara biyya ollaa Belaarusitti godaananii ture.

Walakkeessa ji'a Waxabajjiitti Beelaarus keessatti loltoota isaanii simachuu eegalanii ture.

Osoo hedduu hin turiin ammoo ji'uma Waxabajjii keessa Raashiyaatti deebi'anii yaa'ii Afrikaa-Raashiyaa Seent Piitersbeergitti suura ka'anii mul'ataniiru.

Turtii booda ammoo Prigoozhiin erga fincila adda cite sanii yeroo duraaf viidiyoo gadhiisaniiru.

BBC'n ofiin mirkaneeffachuu baatus viidiyoon isaanii kun Afrikaa keessatti waraabame jedhama.

Amma erga Grey Zone du'uu Prigoozhiin gabaasee, Ejensiin Aviyeeshinii Raashiyaa namoota xiyara san keessa jiraachuun isaanii mirkanaa'e 10 gadhiise keessas maqaan isaanii ni jira.

Itti aanee maaltu raawwata?

Akka koreen Qorannoo Raashiyaa jedhutti, bu'uura labsii yakkaa Raashiyaa 263'tti kan geejiba qilleensaa ilaallatuun qorannoon yakkaa eegalameera.

Hojjettootni yeroo balaa ammoo barbaacha godhan xumuraniiru.

Bulchaan naannoo Tiveer, bakka balaan kun itti raawwatee, Igoor Rudeenya qorannoo kana abbummaan dursuu eegalaniiru.