Hogganaan humna waraanaa Waagner Yevgenii Pirigozhiin balaa xiyyaaraan du'an himame

Madda suuraa, REUTERS
Hogganaan humna waraanaa Waagner Yevgenii Piriiigozhin balaa xiyyaaraan ajjeefamuun himameera.
Balaa xiyyaaraa magaalaa Moskoo fi St Piitersibargi gidduutti mudateen isaaniin dabaltee namootni sagal du'uun gabaafame.
Chaaneliin Telegiraamiin garee Waagner waliin hidhata qabu, Grey Zone' jedhamu xiyyaarittiin naannoo Tiver jedhamutti humna ittisa qilleensa irraan haleelamuun kufte.
Bakki kun magaalaa Moskootti dhiyoodha. Hogganichi ji'a Waxabajjii keessa humna ittisa Raashiyaa irratti fincila guddaa kaasuun fashalaa'ee ture.
Ejensiin Oduu Taas jedhamu akka gabaasetti xiyyaarri dhuunfaa Embraer Legacy jedhamtu osoo lafa hin gahiin abiddi itti qabatee ture.
Hogganaan waraana garee Waagner ganna 62 tahan, loltoota isaanii Yuukireenii baasuun magaalaa Kibba Raashiyaa Roostoov qabatanii ture.
Sana booda gara Moskootti imaluun hogganaa waraana Raashiyaa to'achuuf doorsisee ture.
Waraana Yuukireen irratti wal dhabuun booda waliigalteen adda bahan. Piroogoozhiin gara Libaanus deemuuf waliigaleera.
Garuu sana booda Raashiyaa fi Afrikaa keessatti argamee ture.
Hogganaan waraanaa Raashiyaaf miindeffamuun waraanuu Waagner balaa kanaan du'uu gabaafameera.

Madda suuraa, Getty images
Yevgeny Prigozhin eenyu?
Yevgeny Prigozhin magaalaa Vilaadmiir Putiin keessatti dhalatanirraa dhufe.
Bara 1979 hannaan himatamee waggaa 2 fi walakkaan wayita itti murtaa'u umriinsaa waggaa 18 ture.
Waggaa lama booda ammas saamichaa fi hannaan himatamee waggaan 13 itti murtaa'uun waggaa sagal hidhamee ba'e.
Wayita hidhamee ba'u daandii magaalaa St Petersburg irratti nyaata gurguruuf caasaa qindeeffate.
Hojii kanaan milkaa'uun bara 1990oota keessa mana nyaataa akkaan qaalii ta'e magaalattii keessatti banate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo sanarraa eegalee qondaaltota fi namoota magaalattii keessatti sadarkaa olaanaa qaban waliin hariiroo uume, achiin qondaaltota olaanoo guutuu Raashiyaatti michoome.
Mana nyaataa isaa Niwu Aayilaand jedhamu kan laga Neevaa irratti ijaarame bidiruu ba'aa fi bu'aa bashannanaa kanneen turan keessaa tokko Putiini.
Putiin bakka kana guddoo jaallatu, erga pireezidantii ta'anii keessummoota isaanii achitti affeeru. Jarri kun akkanaan michooman.
Michummaan Aab Putiin fi Prigozhin kan daangaa darbeedha. Keessa ba'anii Putiin bara 2003 guyyaa dhalootasaanii mana nyaataa isaatti kabajatan.
Waggoota booda manni nyaataa Prigozhin Kireemliin keessatti nyaata akka dhiheessu waliigalame. Nyaata kana kan fayyadaman Putiin fi warra naannoo Putiin jiranidha. Kanarraa ka'uun maqaa ''Sheefii Putiin'' jedhu argatee ture.
Dhaabbati maqaa Prigozhiniin jiru hunduu humna waraanaa fi manneen barnootaa biyyattii keessatti oomishasaa akka dhiheessu kontiraati bal'aan kennameef.












