Morkiin Putiin, ajajaa Waaginar fi hooggantoota waraana Raashiyaa akkamiin fincila dhale?

Madda suuraa, PRESS SERVICE OF "CONCORD"
Waldhibdee dhuunfaa yeroo dheeraaf hoogganaa Waaginar fi aanga'oota Kireemliin jiran gidduu ture booda fincilli ka'e sa'atii 24 qofaaf ture.
Qoccolloo siyaasaa fi waraanaa ji'ootaaf, darbees waggootaaf, ture kana keessatti adda durummaan kan hirmaataa turan hoogganaa Waaginar Yevgeny Prigozhin fi hooggantoota humna waraanaa Raashiyaa Sergee Shooyiguu fi Vaalarii Geraasimoov.
Bara 1980oota keessa yakka garaagaraa qindeessuun waggoota hedduuf hidhamee kan ture Prigozhin, erga bara 2014 garee Waaginar hundeessee Raashiyaan addunyaarratti olaantummaa akka qabaattu kutannoon qabsaa'aa tureera.
Gareen humna addaa Raashiyaa jajjaboo ta'an irraa ijaarame kun biyyarra darbee michuun Pireezidanti Putiin, Bashaar al-Asaad Siiriyaa keessatti akka cimee dhaabbatullee gargaareera.
Biyya Afrikaa Maalii keessatti dhiibbaa uumuun loltoota Firaansi waggoota chi turan dadhabsiiseera gareen Waaginar.
Yevgeny Prigozhin hanga bara darbeettillee hoogganaa Waaginar ta'uu haalaa ture, haaluunsaa kun adeemsa siyaasaa fi basaasaa pireezidant Putiin keessatti akkaan simatame.
Hundee ijaarrachuun aangoo jabeeffatee, humna waraanaa idilee Raashiyaan gita walqoccoluu eegale.
Nama jeequmsaan, malaammaltummaa fi fedhii siyaasaa qabaachuun Raashiyaa keessatti beekamu kanaaf bakka guddaa fi murteessaa akkanaa kennuun bulchiinsi Putiin waggoota 24f ture maal akka fakkaatu mul'isa.
Aangoo guddaan itti kennamus garee qondaaltota mootummaa, Pireezidant Putiin marsanii jiran keessatti iddoo hin qabu.
Garuu akkasis ta'ee qondaaltota mootummaa Moskoo jiran qeequu fi kabajasaanii gadi buusuu sodaatee hin beeku.
Kanarraa ka'uun dureen waraana Raashiyaa Vaalarii Geraasimoov fi Ministirri Ittisaa biyyattii Sergee Shooyiguu dursaa garee Waaginar kana akkaan jibbuu eegalan.
Michuuwwan isaanii hedduus biyya keessaa fi alaa irratti kakaasan.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen maallaqa guddaan miindeffamanii humna waraanaa biyyattii keessatti olaantummaa guddaa argatan kunneen aanga'oota waraanaa gameeyyii lamaan biyyattii (Sergee Shooyiguu fi Vaalarii Geraasimoov) akkaan qoreera.
Jibbiinsi fi walqoccollaan aanga'oota waraanaa kunneen gidduutti waggootaaf ture garuu kan ifatti ba'ee mul'ate erga waraanni Yukireen eegaleeti.
Keessattuu adda waraanaa Baakmuut, kan loltoonni kumaatamaan lakkaa'aman irratti dhumuun himamu, booda waldhibdeen kun baayyee hammaate.
Waraanni Baakmuut loltoota Raashiyaa fi Waaginar walitti garagalche.
Kan isaan walitti buuse keessaa dhimmi ijoon injifannoo dhabuu fi injifannoo muraasa argatanillee walsaamuudha.
Waraanni idilee Raashiyaa haala rakkisaa keessatti duula gaggeessee injifannoo argate hundaaf bakka kennee kabajachuu barbaada.
Gareen Waaginar ammoo injifannoon kun sababab loltoonni isaa bobba'aniif kan argame ta'uu hima.
Prigozhin yeroo hedduu Aab Shooyiguu fi Aab Geraasimoov injifannoo na saaman jechuun himataa ture.
Yeroo kun hundi ta'u Pireezidant Putiin Kireemlin taa'anii ilaalu, waan ta'aa ture hundumaa ni beeku.
Putiin garee waldhaban taa'anii ilaaluu, inumaa walitti hammeessuun amala isaaniirratti yeroo dheeraaf beekamuudha.
Gareen aangoof morkatan wayita walhadhan dhorkuuf yaaluurra ni eeyyamuuf, walitti bu'iinsi akkanaa. tokko isa kaan caalee, olaantummaa argatee akka aangoosaanii hin qorre taasisa jedhanii yaadu.
Adeemsa bulchiinsaa erga Waaginar hundeeffamee kaasee jiru kana keessatti qondaalli waraanaa biyyattii Aab Shooyiguun garee kanaan to'atamaa ba'e.
Mindeeffamtoonni kunneen humna waraanaa (millitary) biyyattii keessatti akka mootiitti ilaalamu.
Gubbaarra taa'anii garee hunda kan to'atan Pireezidant Putiin, qondaaltonni kaan jalaa wal-hadhu.
Prigozhin kallattiin Putiin qeequurraa guddoo of eeggata, garuu erga weerarri Yukireen Guraandhala 2022 eegalee, Putiin komaandaroota isaaniin gowwoomfamuurraa kan ka'e biyyi kufaatii keessa jirti jechuu dhiisee hin beeku.
Qoccolloon waraana Raashiyaa gidduutti hundee jabeeffatee fi aangoon dureewwan waraanaa wal-rigaa ba'e kun humnaa ol ta'uun mala Putiin yeroo dheeraaf itti fayyadamaa turan fashalse.
Waldhibdeen waraana biyyattiis boodarra dhohee ifatti ba'e. Gareen Waaginar akka jedhutti humni waraanaa Raashiyaa iddoo Baakmuut jedhamu qabachuu erga mirkaneeffatee booda meeshaa waraanaan qoqqobuu eegale.
Dubbiin asirraa kaate, Prigozhin loltoota isaa ofitti marsee wayita hoogganaa waraana Raashiyaa arrabsu viidiyoon mul'isu Telegiraama irratti akkaan qoodame.
''Shooyiguu, Geraasimoov hojii keessan ni argattu. Meerre meeshaan, meerre rasaasi? Isin biiroo ho'aa keessa teessoo mijataarra teessanii bashannantu. Nuti asii biyya keenyaaf jennee aarsaa lubbuu kaffalla,'' jedhee osoo haasa'uu mul'ate.
Hoogganaan Waaginar kun guyyaama haasaa kana taasisu, Guraandhala 22, 2023, Pireezidant Putiin fi Aab Shooyiguu argee dhimma kana waliin dubbachuuf ture.
Garuu walga'iin isaanii dhimma waldhibdee ture osoo hin ilaalin, dubbii gar-tokkotti osoo hin baasin obba'e.

Madda suuraa, EPA
Qondaaltota Pireezidanti Putiinitti akkaan dhihaatan waliin dhaabbatanii jiran keessaa Aab Shooyiguun tokko. Bara 1991 irraa kaasanii Putiin irraa adda hin baane.
Qondaalli waraanaa gameessi kun gareen fedhiidhaan tajaajila waraanaa kennu kamiyyuu ministeera ittisaa waliin waliigaltee mallatteessuu yookiin beekamtii argachuu qaba jechuun cichanii hojjechaa ba'an. Kun garee Waaginaris waan hammatuuf Aab Pirigozhin akkaan mufachiise.
Aab Shooyiguun kana kan labsan Waxabajjii 10, 2023 ture.
Labsiin seeraa kun, gareen dhimma akkasii keessatti hirmaatu kamuu hanga Adoolessa 1, 2023tti kontiraata seeraa mallatteessuu akka qaban ajaja.
Labsiin kallattiin Waaginer eeruu baatus, adeemsi isaa garuu dhiibbaa Prigozhin qabaataa turan akkaan kan hir'isu ta'ee mul'ateera.
''Waaginar waliigalteen mallatteessu tokkollee hin jiraatu. Shooyiguun caasaa humna waraanaa hoogganuu tasumaa hin danda'u,'' jechuun deebii kenne Prigozhin.
Waggootaaf ergama fudhatee Raashiyaaf lolaa kan ture Prigozhin, maqaasaa tolfatee olaantummaa biyyattii keessatti qabaachuuf bakka eegaa jirutti haalli kun mudachuun isa aarse.
Ergama isaaniif jecha bakka guddaa kennaafii kan turan Pireezidanti Putiin, hoogganaa waraana idilee caalaa garee Waaginar cinaa dhaabbatu jechuunis eegee ture Prigozhin.
Garuu dubbiin faallaa ta'e. Battala kanatti Putiin waan qabanii gadhiisan wallaalan. Sababni isaa haalli akkaataan isaan karoorsan irraa dabeera waan ta'eef.
Jalqaba wayita dubbiin ka'u, dhimmicha qaamolee hunda waliin mari'atanii akka furan Moskootti miidiyaaleef ibsanii turan.
Yeroo kanattidha Prigozhin humna waraanaa Raashiyaa irratti finciluun Waaginar of danda'ee akka dhaabbatu gochuuf kan sochii eegale.
Gareensaa humna waraanaa idilee biyyattiirratti akka duulan ajaje, dirreerratti waraana Raashiyaa kan ajajaa ture












