Itaansee Puutiin maal gochuu mala? kan jedhuufi gaaffiilee murteessoo gara biraa

Vilaadmiir Puutiin

Madda suuraa, EPA

Erga mindeeffamtoonni Waagnar finciluudhaan aangoo pirezidantii Raashiyaa sochoosaniin booda Mooskoo keessatti tarkaanfiiwwan nageenyaa yeroo ariifachiisaa akkum kaa'ameetti jira.

Gaaffiiwwan hedduus ganaa deebii hin argatiin jiru.

Ofii Puutiin itti aansee maal raawwachu danda'aa?

Puutiin erga aangoo qabatee waggoota 20 olii keessatti sa'aatiiwan darban 24 keessatti rakkoo cimaan kan isaa mudate.

Balaan atatamaa kan to'atame haa fakkaatu iyyuu malee, eksipartoonni Raashiyaa Puutiin ciminasaa duraatti waan bakkatti deebii'u miti, garuu ammoo caalaa miidhamuu mala malee jedhu.

Puutiin haasaa Sambata ganama TV biyyaleessaa irratti taasisaniin ganamusaa kan baayyee aaree fakkaata. kanaani hogganaa garee Waagnar yevgeny Prigozhin ''duubaan dugda keessa nu waraanuun nu ganee'' jechuun himate.

Erga yeroo sanaatii kaasees Puutiin ummatatti hin mul'anne. Akkasumas haasaa ummataaf taasifamu kan biraa akka hin hin jirretu himame. Af-gaaffii duraan waraabamuun Sambata TV irratti gadhiifameen, tarii kan finicila mudateen dura waan waraabame fakkaaturratti, adeemsa waraana Yukireeniitti amantaa akka qabu himee ture.

Tarkaanfiiwwan farra shororkeessaa Mooskoo keessatti kaa'aman ammas akkasumatti jiru. Pirezidantiin raashiyaa ammatti Raashiyaa keessa haa jiraatuu haa dhiisuu kan barame hin jiru.

MEP Poolish turtii BBC waliin taasisanii, Pirezidantiin Raashiyaa kanaan booda gara jabeessaafi abbaa hirree ta'u malee jedhanii ture.

Prigozhin Beelaaruus keesaa maali raawwachuuf deemaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hogganaan fincilicha duuba ture Yevgeny Prigozhin namambilisaati. Yaalii dureewwan waraanaa Raashiyaa aangoorraa buusuuf taasiiseen alatti, himannaan hokkora waraanaa irratti banee ture kaafameefiira. Garuu ammoo waliigaltee mootummaa Puutiiniifi Waagnar jidduutti irra gahame ilaalchisee gadi fageenyaa kan barame hin jiru.

Eksipartoonni Raashiyaa Prigozhin callisee alkan keessa bada jedhanii hin eegan.

Hogganaa mimdeeffamtootaa fi looltoota kumaatamaan lakkaa'amaniif Yukireen keessaa argamaniif dursaa cimaa kan ta'e kun, pirezidantii Puutiin mataasaatiif nama baayyee barbaachiisaa dhoksaadhaan isaaf hojjataa turedha.

Innis waggotaaf, waraana Siiriyaatii kaasee waraana Yukiireeen kan bara 2014tti yeroo Kirimiyaan Raashiyaa jala galfateetti, hojiiwwan gaarii hin turree Puutiiniif hajjataa kan tureedha.

garuu ammoo erga aangoo Puutiiniitti rakkoo uumeen booda, kan muraasni aangoo hogganaa raashiyaa gadi xiqqeessrra jedhan raawwateen booda, nageenya isaatiin wabii akkamiituu keennameef gaaffi jedhu kaaseera. Kana malees gaheensaa gara fuulduraa maal ta'u akka malurratti deebiin kenname hin jiru.

Kanneen dhimmicha hordofani Pirezidantiin Beeaaluus Aleeksaanda Luukaashenkoon hanga Prigozhin irratti aangoo qabatataa gaaffii jedhu kaasaa jiru. Yoo dhuma Prigozhin gara Miski kan imalu ta'e ammoo humnootiin Waagnar isa hordoofuu, rakkoo akkamii Raashiyaa, Beeraaluus fi Yukireen irraan gahu danda'u kanneen jedhan ammatti deebii hin arganne.

Garee Waagnar ammatti maaltu mudate?

Hokkoora hidhannoo kanaan dura, mindeeffamtoonni Waagnar kuma kudhaniin lakkaa'aman Waraan Puutiin Yukireen keessatti bane keessatti gahee olaanaa bahaa turan. Garuu guuyyaan Waagnar akka dhaabbata walabaatti dhumeera.

Prigozhin fi humnootiin isaa dhiibbaa ministeera ittisaa jalatti isaan hammachuuf taasifamu didee turan.Sababii kanaatinis gara fincila cimaa kanatti geedarameera.

Hokkara diddaa guyyaa muraa sakeessatti dhaabamee kanaatiin ammoo Prigozhin amma gara biyya biraatti baqachuuf adeema. garuu hedduun kan gaafataa jiran looltoota isaa hoo maaltu mudata kan dheedhudha.

Kanneen sochii finicilaa keessatti hirmaatan hundaaf amma himannaan yakkaa dhiifameefiira. Waraabbiin viidiyoo miidiyaalee hawaasaarratti gadhiifaman akka agarsiisaniitti, looltoonni Waagnar magaalaa Rostov-on Doon bakka itti buufata waraana mootummaa itti to'atanii bahaniiru. Bulchaan magaala Voronezh kan Magaala Mooskoo fi Rostov jidduutti argamus, looltoonni Waagnar naannicha keessaa bahaa jiru jedhe.

Haata'u malee deebii'anii waraana idle Raashiyaatti haa makamanii ykn waraanni Raashiyaa mataansaa ofitti isaan fudhachuuf amma hayyamamaa haata'anii haa dhiisanii kan barame hin jiru.

Kanaafuu calliisanii bakka duraanii Yukireen keessatti waraanaa turaniitti deebii'u akkuma miidiyaalee Raashiyaa jedhaniitti? Xinxaltoonni tokko tokkoos tarii looltoonnis Prigozhin hordofuu danda'u yoo inni kan Beelaaruuf kan imalu ta'e jechaa jiru. Inni Magaalaa guddoo Yukireen Kiyiiv irratti haleellaa raawwachuuf Raashiyaatti kan dhiyaatudha.