Waa'ee hookkara Raashiyaa keessa sa'atii 24'f turee maal beekna?

Madda suuraa, Reuters
Alkaniifi guyyaa baatii Waxabajjii tokkoof, abbaan hirreefi hogganaan garee loltoota mideeffamtootaa Yevgeny Pirigozhin finciluun konkolaattoota waraanaa gara Mooskootti erguudhaan aangoo Vilaadmiir Puutiin irratti ciceerratti gaaffiilee kaasee ture.
Piresidantiin Raashiyaa michuu isaa duraaniitiin biyya ganuun finicile waraanaa keessa galuun ‘‘duubaan dugda biyya keenyaa waraane’’ jechuun himate.
Haata’u malee dhuma Sambata kaleessarratti, hogganaan Waagnar waan hundaa callisiisuun looltoonni isaa gara buufata isaaniitti akka deebii’aniif waamicha taasise.
‘‘Sa’aatii 24 keessatti Mooskootti fageenya kiloomeetire 200 irra qaqabneerra. Sa’aatii kanatti coba tokkittii dhiiga looltoota keenyaa dhangalaasuu hin barbaadnu’’ jechuun labse.
Hogganaan Waagnar folqolcha yaadee ture?
Pirigozhin garuu ‘‘sochii haqaaf’ taasifame malee fonqolcha miti jechuun cicheera. Kaayyoonsaa garuu dhimma barbaadeef ta’us, dhimmichi saffiisaan akka dhaabbatu ta’e.
Baatiiwwaniif hogganaan Waagnar duula waranaa Raashiyaan Yukireen irratti bante keessatti gahee olaanaa bahaa ture. Kanaanis loltoota kumaatama, keessattuu maneen hidhaa Raashiyaa keessaa mindeessuun garee isaatti makateera.
Yeroo dheeraafis duree waraanaa waliin lolaa jiraanii wal dhabdee keessa galee ture. Garuu ammoo wal dhabdeen isaan jidduutti umamees akka looltoonni Waagnar Adoleessa 1 irraa kaasee caasaa ajaja hogganaa waraanaa idilee jala akka seenuuf ifatti gaafachu dhaqe.
Looltoonni Waagnars dhiha Yukireen to’atanii turan keessaa bahuun gara kibba Raashiyaatti kan argamtu magaalaa Roostov-on Dontti ce’uun, achiinis karaa Voronezhtiin daandii Mooskoo geessuutti qajeelanii ture.
Innis kan yeroo baatiiwwan 16 Rashaan Yukireen itti weerartee sana kan ibsu fakkaata ture. Garuu osoo konkoolaataawwan waaraanaa Waagnar gara kaabaatti yaa’aa jiranu, oduun mariidhaa karaa jaarsummaa pirezidantii Beelaaruud, Aleeksaandar Luukaashenkootiin eegaluun dhagahame.
Namoonni muraasnis waan salphaadha jechuun amanailleen, garuu Raashiyaan gaheen P’rigozhin waraanaafi Raashiyaa mataashee keessatti qabu kan dhumaa ta’u male jedhan.
Amma innis gara Belaaruus kann imalu yoo ta’u, gochaa raawwatee yakkaan akka hin himatamne Kiremiliin himte jirti.
Loltoonni isaatiis dhiifamni akka taasifameef waadaan galameera. Ofii wal ajjeechaan ture? Yoo xinnaatee hilikoptarri waraanaa tokko rukutamee kuffifamu malee ammatti ifa kan ta’e hin jiru.
Taateen kunis dhimma Vilaadmiir Puutiin kan biraa eessatti dhiisee laata.
Hoggantoota Waagnarii fi waraana Raashiyaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirigozhin baatiiwwan Ministira Raayyaa Ittisa Raashiyaa, Sargee Shoguu fi ajajjaa waraanaa olaanaa Vaaleerii Geraasimov irratti iyyaafi himannaa dhiyeessaa ture. Sababiin isaas looltoota mindeeffamtootaaf meeshaa waraanaa gahaa hin dhiyeessan kan jedhu ture.
Pirezidantiin Raashiyaa Puutii mindeeffamtoonni garichaa Yukireen keessatti argaman hundi akka ministeera Ittisaa waliin waliigaltee mallatteessaniif akka fiduuf guyyaa kaa’amee deeggarraan, Pirigozhin ni dide. Inni olaantummaa isaa irratti dhiibbaa akka qabaatuutti fudhate.
Waxabajjii 23 ammoo, ibsa ballaa kenneen lammiilee Raashiyaatiin wanti waraanaa Yukireen irratti odeeffamaa jiru hundi sobaafi kan ‘‘gareen xiqqoon ittiin guddina’’ argachuuf pirezidantii ittiin sobaniidha jedhe.
Achiinis wal dhabdeen cimaan jidduusaaniitti cimaa adeemee.
Pirigozhin waraanni haleellaa sukkanneessaa looltoota isaa Yukireen keessatti argaman irratti raawwachu himate. Waraanni garuu haleellaa raawwachuu haaluun viidiiyoon inni dhiyeessees raga omaatuu kan agarsiisuu miti jedhan.
Guyyaa Jimaataa gara galgalaa ‘‘haqaafii qabsaa’uun’’ eegalamuu hime.
‘‘Nuti 25,000. Hundi keenyaa maaliif okkoorri akkasii kun biyyattii keessatti akka mudataa jiru baruuf adeemna’’ jedhe Pirigozhin. ‘‘Kan barbaaduu kamuus nutti makamu danda’a’’ jedhe.
Ittaanaan ajajaa human Yukireen Janaraal Sergii Surovikin, akka boodeetti deebii’uun aangoo Putiiniss aboomamuuf gaafatee ture.
Inni garuu looltoota isaa alkan keessa gara daandaa Rostov-on- Doon’tti geessuudhaan, Waajjira mummee Waraanaa kan waraanni Yukireen irraa to’atamu to’annoo jala galchuu himuun, looltoonni isaa dura dhaabbnnaa tokko malee magaala keessa yoo socho’an agarsiise.
Sambata ganama ammo, ‘‘waajjiira mummee waraanaa keessa jirra’’ jechuun labse. Magaalaan inni jedhees dhokaasa tokko malee to’atamu beeksiise.
Kana hordofuunis Tajaajilli FSB Raashiyaa himannaa yakkaa irratti banuu beeksiise. Bulchiinsi Mooskoo hundis of eeggannoo cimaa jala galfamuun ‘‘oppareshinii farraa shororkeessummaa’’ eegaluun himame.
Haasaa Puutiin TV gubbaatti taasise
Sambata ganama Vilaadmiir Puutiin kan aareefii kutatee fakkaachuun, TV mootummaa biyyattii irratti haasaa daqiiqaa shanii taasisee ture. Kanaanis ummanni tokko ta’e akka dhaabbatuuf waamicha taasisan.
‘‘Kan nu mudataa jiruu ganiinsa biyyaati’’ jechuun ummatatti hime. Garuu ammo maqaa michuu isaa durii osoo hin dhahiin, kanneen finicila waraanaa duba jiran Raashiyaa gananiiru, kanaafiis deebiin ni jiraata jedhan.
Prigozhin ammo saffiisaan biyya akka hin gannee deebii kennuun, pirezidantichi haasaa isaatiin ‘‘baayyee dogongoree’’ jira jechuun qeeqe.
Hanga sa’aatii kanaatti kallattiidhaan Puutiin irratti qubasaa hin qabne ture.
Garuu battalumatti konkolaattoonni sibila uffatan garee Waagnar karaa bulchiinsa Voronezh’tiin gara kallattii Mooskootti yoo imalan mul’atan.
Haleellaa qilleensaatiinis kuusaan bobba’aa Voronezh keessaa ibiddi itti qabate, sababiin isaa hanga ammaatti ifa ta’u baatulleen.
Bulchiinsa Puutiiniif qormaataa?
Prigozhin waraanaa Yukireen keessatti rakkoo akka hin taaneefi ‘’baachoota’’ itti gaafatamummaa irra jiraniidha rakkoon jedha.
Akkasumas feedhiin waraanaa isaa yoo kan hin guutamne ta’e gara Mooskootti qajeelaa jiraachuu dubbatulleen, hoggansa pirezidantii dura akka hin dhaabbannee hima.
Sa’aatiiwwan dheeraadhaaf Vilaadmiir Puutiin haala saffiisaan socho’aa ture irratti kan to’annoo dhabe fakkaatee ture.
Achiin Samabata galgala keessa, michuun gara biraa Vilaadmiir Puutiin pirezidantiin Beeraaluus, Aleeksaandar Luukaashenkoo jaarsummaan jidduu gale.
Prigozhin amma gara Beeraaluus kann imalu yoo ta’u himmannaa yakkaa isaas ni dhifamaaf. Booda keessas konkolaataa keessa taa’ee wayita Rostov keessaa bahaa jiru mul’ate.
Looltoonni Waagnar isaas himannaa jalaa bilisa ta’u, keessattu kanneen Ministeera Ittisaa waliin mallatteessuuf waliigalan hin himataman.












