Bajanni garee Waagnar guutummaatti Raashiyaa irraati - Putiin

Bajanni garee Waagnar guutummaatti mootummaa Raashiyaan kan deeggaramu ta'u Pirezidant Putiin ibsan. Loltoonni Waaginar meeshaalee waraanaa jajjaboo harkaasaanii jiru mootummaatti kennuuf ta'uullee Raashiyaan ibsiteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Puutin harkumaan biyyasaa balleessaa jira'- Ministira Dhimma Alaa Jarman

    Annalena Baerbock

    Madda suuraa, Reuters

    Ministiirri Dhimma Alaa Jarmanii Anaaleenaa Ba'erbok Puutin harkumaan biyyasaa balleessaa jira jedhan.

    Qondaalli Jaramanii kun sanbattan darbe gareen Waagnar finciluunsaa kan agarsiisu "Puutin biyyasaa mancaasaa jiraachuusaati" jedhan.

    "Hallonni sanbattan darban turan waanan jalqaba waraana kanaatti dubbadhe kan ifa godhuudha. Innis Waraanni Raashiyaan humnaan bante haleellaa Yukireen irratti baname qofa osoo hin taane sirna nagaa Awurooppna waloon qabdurratti [kan jedhuudha].

    Garuummoo Pirezidaantin Raashiyaa Puutin waraana kanaan biyya isaas balleessaa jira," jedhan Anaaleenaan akka gabaasa Rooyitarsitti.

  2. Bajanni garee Waagnar guutummaatti Raashiyaarrayi- Puutin

    Waa'ee garee Waagnar Pirezidaant Puutin amma waan baay'ee ifatti dubbataa jiru.

    Qabeenyi gareen kun ittiin socho'u hunduu qabeenya Raashiyaarraa kan madde akka ta'e Puutin ifa godhan.

    "Namni hunduu akka baru kanan barbaadu gareen Waagnar hunduu qabeenya Raashiyaatin gargaaramaa ture- ministeera ittisaa fi bajata biyaattiitin.

    "Guutummaatti garee kana kan bajata ramadaafi ture nuyi," jedhan Puutin yeroo qaamolee nageenyaa biyyattiif haasaa taasisan.

    "Caamsaa 2022 hanga Caamsaa 2023 qofaatti biyyattiin kaampaanii waagnariif dolaara biliyoona kaffaltiifi boonasiidhan kaffaltetti," jedhan.

    Maallaqni kun akkamitti Waagnariif akka kennameefi dursaan garichaa akkamitti akka baasii godhe qorannoon akka gaggeeffamus himan Rooyitarsi akka gabaasetti.

  3. Hogganaan Waagnar Belaarus akka jiran ibsame

    Aleksaander Lukaashenkoo

    Madda suuraa, Reuters

    Hoogganaan Belaruus Aleeksaander Lukaasheenko hundeessaa fi hoogganaan garee hidhattotaa Waagnar biyya isaanii keessa akka jiran mirkaneessuu ejensiin oduu biyyattii Beltaa gabaase.

    Sanbattan darbe humnoonni Waagnar finciluu hordofee hoogganaan garee kanaa Yevgeny Prigozhin eessa akka jiran hin beekamne ture.

    Fincilli garee kanaa to'annoo jala erga oole Beelaruus garee kanaaf dahoo ta'uuf Moskoo waliin waliigalteerra gahameera.

    Hogganaan Belaruus Lukaashenkoon hoogganoota waraanaa Waagnar irraa baraachuuf qophii ta'uu dubbatan.

    ''Ajajoonni isaanii dhufanii nu gargaaru yoo ta'e...ammatti maaltu akka barbaachisu nutti himu yoo ta'e ... inni kun wanta guddaa gatiin itti bahuu oli. Wagnaar irraa wanti fudhachuu barbaannu kana'' jedhan Lukaashenkoon ajajoota waraanaa isaanii waliin wayita walgahii gaggeessan.

    Itti dabaluunis gareen hidhattootaa kun Belaaruus keessa qubachuun isaa wanta yaadessu akka hin qabneefi aanga'oonni biyyattii akka isaan hordofan dubbatan.

    Hoogganni waraana hidhattootaa Yevgeny Prigozhin xiyyaaraan gara Belaaruus imaluu fi amma biyya isaanii keessa jiraachuu mirkaneessaniiru. Nageenya qondaala kanaaf wabiin kennamuufi eegumsi isaaniis gaafatama garee Waagnar akka ta'e dubbatan.

  4. Fincila gareen Waagnar uume Puutiin akka milkaa'inaatti fudhachuu barbaadu

    Vilaadmir Puutin

    Madda suuraa, Reuters

    Fincilli gareen Waagnar uume aangoo Puutinif yaaddoo guddaa uumee ture.

    Puutin garuu taatee kana mo'icha isaanifi mo'icha Raashiyaatti ibsan. Puutin adda babahii Krimliin Kaatediraalitti waraana, poolisootafi qondaaltota garaa garaa 2,500 walitti qabuun haasaa taasisaniin, humnoonni nageenyaa waan fincila mudate akka fashalu gochuusaanif galateeffatan.

    Heera biyyattii, lubbuu lammiilefi nageenyafi walabummaa Raashiyaa eeguusaanif jajan.

    Haasaa taasisan keessatti mootummaan garee Waagnar wajjin maal akka walii gale homaa hin dubbanne.

    Gareen Waagnar dhiigni akka hin dhangalaaneef duula gara Mooskotti godhu dhaabuusaa ibsuun ni yaadatama. Kanaanis dursaan gara Beelarus akka deemus walii galamee ture. Puutin garuu waa'ee kanaa haasaa isaanii keessatti homaa hin dubbanne.

  5. Waaginar meeshaa harkaa qabu mootummaatti kennuuf- Ministeera Ittisaa Raashiyaa

    Taankii waraanaa fi namoota qawwee qabatanii fuuldura dhababatan

    Madda suuraa, EPA

    Gareen Waagnar meeshaalee waraanaa harkasaa jiran mootummaatti kennuuf ta'uu Ministeerri Ittisa Raashiyaa beeksise.

    Ministeerichi Waagnar meeshaalee waraanaa harkasaatti argaman hunda akka mootummaatti kennuuf qophiin taasifamaa jira jedhe.

    Tarkaanfiin kun Pireezidant Viladmiir Puutiin miseensonni Waagnar yoo barbaadan waraana idileetti makamu ykn gara maatii isaaniitti deebii’u ykn ammoo gara Beelaaruus imaluu danda’u jechuu isaa hordofeeti.

    Haaluma walfakkaatuun ammoo, tajaajilli qorannoo yakkaa biyyattii (FSB) kanneen fincilicha keessatti hirmaatan irratti himannaa yakkaa banee ture kaasuu beeksiseera.

    Akka himannichaatti silaa himannaa fincila hidhannoon gaggeessuutu irratti banama ture.

  6. Xiyyaarri hoogganaa Waagnariin walitti dhufeenya qabu Beelaaruus qubate

    Xiyyaarri hoogganaa garee mindeeffamtoota Waagnar kan guyyaa Sambataa Raashiyaa keessatti fincila kaasanii ture, Yevgenyii Pirigoozhin waliin hidhata qabu – magaala guddoo Beelaaruus Miniski keessa qubachuun gabaafame.

    Gareen ‘BBC Verify’ marsariitii balaliinsaa xiyyaarraahordufuun akka hubateetti, jeettiin dhuunfaa ‘Embraer Legacy 600’ jedhamu buufata xiyyaaraa kan dhiheenya Miniskitti argamu qubateera.

    Haata’u malee, balaliinsa kana keessa hoogganaan Waagnar Pirigoozhin haa jiraatuu ykn haa dhiisu hin mirkaneeffanne.

    Xiyyaarrii kunis kaampaanii Autolex Transport LTD jedhamuun kan galmeeffamedha.

    Qajeelchi maallaqa US dhaabbata kana Pirigoozhiin waliin walitti kan hidhu yoo ta’u, yeroo ammaattis kaampaanoota kan tarree dhorkaa Ameerikaa keessatti hammataman keessaa tokko.

  7. Loltoota Raashiyaa cinaa hiriiran qopheessinee turre- Pirezidantii Belaaruus

    Aleksaandar Lukasheenkoo

    Pireedantiin Beelaaruus Aleksaandar Lukasheenkoo yeroo fincilli Raashiyaatti mudatetti loltoota biyyattii cinaa dhaabbatan qopheessanii akka turan ibsan.

    Pireezidantichi magaalaa Minisk keessatti wayita haala yeroo ammaa Raashiyaa irratti ibsa kennan, ''Wayita fincilli Raashiyaa keessatti gaggeeffamu callisanii ilaaluun nama dhukkubsa,'' jedhan.

    Kanaaf wayita taateen sun mudatetti loltoota humna waraanaa biyyattii cinaa dhaabbatan qopheessanii akka turan ibsan.

    Yevgenii Prigoozhiin wayita kutaalee biyyattii garii to'achuun gara Moskootti imala eegale, Aab Lukasheenkoon ammoo humna waraanaa, poolisii fi humna addaa biyyattii keessaa garee tokko hundeessuun qopheessanii turan.

    ''Taateen kun osoo Raashiyaa keessatti mudatuu teenyee ilaaluun nu dhukkubsa. Hundeen keenya tokko. Kanaafuu lammiileen Beelaaruus hedduunis onneesaaniirraa dhukkubsatan,'' jedhan Aab Lukasheenkoon.

    Qondalli waraanaa bara 1994 irraa kaasanii aangoorra jiran, Lukasheenkoon, michuu Putiin jabaa ta'uutu himama.

  8. Yeroo fincila Waagnar paayileetonni Raashiyaa ajjeefamuu Putiin mirkaneessan

    Ibsa gaafa Wiixata galgala kennaniin paayileetonni waraana Raashiyaa lola Waagnar waliin tureen ajjeefamuu himan.

    Haa ta’u malee, lakkoofsaan meeqa akka ta’an hin himne.

    Putiin kanneen ''finciltoota dura dhaabbatan'' galateeffataniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.

    Kanneen aarsaa ta’anis jajan. ''Raashiyaa badii hamaarraa oolchan,'' jechuunis dubbatan.

    Ajajaan Waagnar ergaa Telegiraama gubbaa kaa’een ''loltuun tokkollee hin duune,'' jedhee ture.

    Waraana mootummaa xiyyaara nutti dhukaasan jedhetti dhukaasa banuu isaanii mirkaneessuun gadda ibsaniiru.

    • Gareen Waagnar garuu eenyu?
  9. Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Pirezidant Putiin

    Madda suuraa, EPA

    Akkam jirtu?

    Dhimma fincila Raashiyaa irratti odeessaalee haaraa ba'aa jiran kallattiin isin biraan ga'uu eegalleerra.

    Erga fincilli biyyattii keessatti dhalatee yeroo lammataaf kan mul'atan Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, kaleessa galgala karaa TV biyyattii ibsa kennaniiru.

    Putiin fincila kana warra lixaatu babal'ise jechuun himatan, tokkummaa lammiilee Raashiyaa ammoo jajan.

    Haasaan Putiin akkaan eegamaa ture kun, erga hoogganaan Waaginar, Yevgenii Pirigoozhiin, fincilli kun Pirezidant Putiin kuffisuuf akka hin taane dubbatee dhagahame.

    Putiin erga haasaa kana taasisanii booda qondaaltota waraanaa fi nageenyaa biyyattii waliin mari'ataniiru.

    Ajajaan waraana biyyattii Sergee Shooyiguu namoota marii kanarra turan keessaati.

    Pirigoozhiin fincila kaasuun gara Moskootti qajeeluu dura, qondaalli waraanaa biyyattii Sergee Shooyiguu akka aangoorra kaafamu barbaada ture.

    Waaginar fincilli kun egeree isaaf wabii akka ta'etti hubata.

    Odeessaalee haaraa gara Kireemliinii dhufan jala jalaan isin biraan geenya.

  10. Tamsaasi keenya har'a asirratti dhaabate.

    Hordooftoota BBC Afaan Oromoo, tamsaasni keenya kallatti kan har'a asirratti dhaabbateera.

    Boru odeessaalee gara biraatiin hanga walitti deebiinutti nagaan turaa!

  11. Puutiin warri lixaa akka Raashiyaanoonni 'wal ajjeefnu' barbaadanii ture jedhan

    Vilaadmiir Puutiin

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin warri Lixaa fi Yukireen Raashiyaanooti akka ''wal ajjeessanii'' fi Raashiyaa keessatti tasgabbiin dhabamuun akka ''kufaatii guyyaa dhumaa'' biiyyattii ta'u barbaadanii turan jedhan.

    ''Tokkummaan hawaasaa garuu maqa-balleessoo turee fi tasgabbii dhabiinsa keessoon akka hin jiraanneef yaaliiwwan taasifaman gara kufaatii dhumaatti geedarun akka danda'e mul'iseera.

    ''Irran deebii'aa- tokkummaan haasaa, kan raawwachiiftotaa fi aanga'oota seeraa cimaan, sadarkaalee hundarratti mul'ateera,'' jechuun ummatatti hunda leelliisan.

    Itti dabaluunis, ''deeggarsi eegguumsa cimaa sirna heeraa dhaabbilee ummataatiin, dhaabbilee amantaa, paartiilee siyaasaa jajjaboon, akkasumas hawaasa Raashiyaa hundaan raawwatameera'' jedhan Puutiin haasaa isaanii TV biyyaaleessaa gubbaatti taasisaniin.

  12. Puutiin loltoonni Waagnar yoo barbaadan waraanaatti makamu ykn Beeraaluus deemuu danda'u jedhan

    Vilaadmiir Puutiin

    Madda suuraa, Russian state TV

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haasaa har'a Waxabajjii 26 galgala TV biyyattii irratti taasisaniin, ''irra caalaan loltoota dhaabbata Waagnar Raashiyaadhaaf gootota'' jedhan.

    Akkasumas, ajajootaa fi loltoota Waagnar kanneen sochii finicilaa Sambattan irra tureen dhiigni akka hin dhangaloofne taasisan jedhan galateeffataniiru Pirezidanti Puutiin.

    "Booddeetti deebii'uun dhiigni biraa akka hin dhangalaane taasiisaniiru,'' jedhan.

    Itti dabaluunis, miseensoonni garichaa gara Beelaaruus deemuu barbaadaniif haaluma waadaa seenaniitt akka deemaniif waadaa isaanii kan eegan ta'u himan.

    Akkasumas Puutiin rakkoo ture furuudhaaf jalqabuma isaatii kaafamee murteewwan barbaachisan taasifamu isaanilleen himaniiru.

    Karaa kamiinuu finiciliichis to'atamuun kanneen taatee sana qindeessanis gochaa yekkaa isaanii hubataniiru jedhan.

    Puutiin duree Beelaaruus haallichi karaa nagaatiin akka furamuuf yaalii taasisaniif galateeffatanii, ''garuu ammoo tokkummaa haawaasaatuu gahee olaanaa bahe'' jedhan.

  13. Fincila Waagnar taasise irratti warri Lixaa harka keessaa hin qaban-Joo Baayidan

    Pireezidantiin US ibsa miidiyaaleef kennaniin Ameerikaa fi michoonni ishee fincila gareen Waagnar Sanbattan irra taasise keessaa harka hin qaban jedhan.

    Joo Baayidan Ameerikaafi michooti ishee ''ijoo'' dhimma tahaa ture irraatti yaada wal-fakkaataa qabaachuun murteessaa ture jedhan.

    ''Puutiin dhimma kana warra Lixaafi Nato irratti akka qabatuuf carraa hin kennineefi,'' jedhan.

    ''Dhimma kanarraa homaa hin qabnu, qabsoo sirna Raashiyaa keessatti adeemaa ture dha.''

    Wiixata ganama Ministarri Hajaa Alaa Raashiyaa warri Lixaa dhimma kana keessaa yoo harki isaan jira taheef ni qoranna jechuu maddi oduu Taas gabaaseera.

    Baayidan ibsa kennaniin hogganaa Yukireen Voloodmiir Zeleenskiitti dubbachuu himuun, Moskoo keessatti waan adeemaa jiru otoo jiruu Kiiviin deeggaruu akka itti fufan jechuun itti himuu dubbatan.

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Reuters

  14. Gareen Waagnar Afrikaa keessatti hojii itti fufa- Ministara Alaa Raashiyaa

    Ministira Haajaa Alaa Raashiyaa, Sarjee Laavroov

    Madda suuraa, EPA

    Ministarri Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov oppireeshiniin gareen Waagnar Afrikaa, Maalii fi Rippaabliika Gidduugalaa Afrikaatti taasisu itti fufa jedhan. Ministarichi kana kan jedhan egereen garee kanaa shakki keessa yeroo galee jirutti dha.

    Miseensonni Waagnar, ''achitti qajeelfama kennuurratti hojjetu'' kuni immoo itti fufa jedhan Laavroov af-gaaffii miidiyaa Raashiyaa RT waliin taasisaniin.

    Waan Laavroov jedhan kuni isa Raashiyaan miseensonni garee kanaa humna ittisaa biyyattiitti akka dabalaman gaafatte, akkasumas hogganaan Waagnar diddaa agarsiisuu waliin ida'amee egeree garee kanaa ifatti waan beekamu akka hin jiraanne godheera.

    Waamichi hamma Adoolessa 1tti taasufameen waliigalteen akka mallattaa'u yaadni gaafatu Waagnar ifatti gaafachuu baatus, dhiibbaa gareen kuni qabu hir'isuuf tattaaffii taasifamu dha jedhamee bal'inaan amanama.

    Fincilli Sanbattan irratti taasifame miseesota waraana Raashiyaa waliin tokko taasisuu irratti dhiibbaan qabu hin baramne.

  15. Hogganaan Waagnar dursitoota Raashiyaa fonqolchuuf hin duulle jedhe

    Hogganaan Waaginar Yivgeenii Piriigoozyiin mudannoo Sanbataan booda ergaa yeroo jalqabaaf dabarseen, loltoonnisaa gara Moskootti akka duulan yeroo ajajetti Puutiin irratti akka hin qiyyaafanne hime.

    ''Hoggansa Raashiyaa garagalchuuf hin duulle,'' jedhe.

    Ergaa sagaleen waraabame kan daqiiqaa 11 dheeratu irratti, ''kaayyoon duula keenyaa Waagnar akka hin badne gochuu fi qondaalota tarkaanfii ogummaan alaa dogoggora hojjetan gaafatamoo gochuu dha,'' jedhe.

    Hogganaan Waaginar kuni, ''humna qilleensaa Raashiyaa haleeluu'' isaaniif akka gaabbuu hime. Kan of duuba deebi'anis ''dhiigni loltoota Raashiyaa akka hin dhangalaane tahuu hime.

    Hogganaan loltoota miindaaf waraanan, Waagner kun yaada Adoolessa 1,2023 irraa garee isaa diiganii raayyaa ittisaatti makuu cimsee akka momru dubbate.

    Viidio daqiiqaa 11 Telegiraam irratti maxxanfame kana gubbaatti qondaalli waranaa kun eessa akka jiru hin himne.

    Ajajoonn waraanaa isaa wixinee raayyaan ittisaa Raashiyaa dhiyeesse irratti waliigalteen mallatteessuu akka didaniifi sababa kanaattis hidhattootni 30 jalaa ajjefamuu hime.

    Yivgeenii Piriigoozyiin

    Madda suuraa, Reuters

  16. Dhimma yakka hoogganaa Waagnariif wabiin kennamullee ni qoratama- Miidiyaa Raashiyaa

    Dhimmi yakka hoogganaa Garee mindeeffamoota Waagnar, Yevgeny Prigozhin wabiin kennamuufillee aanga’oota Raashiyaatiin akka qoratamu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

    Himannaan Yevgeny Prigozhin irratti baname akka dhiifamuuf Kiremiliin waadaan galamuufis, dhimmisaa kan qoratamu akka ta’e miidiyaaleen Raashiyaa gurguddoon sadiifi gaazexaan tokko gabaasan.

    Ejjansiin Tika dhimma biyya keessoo Raashiyaa, FSB’n, ammallee himannaa Yevgeny Prigozhin irratti bane akkuma jirutti ta’usaa maddi maqaan hin eeramni miidiyaalee biyya keessatti himutu gabaafame.

    Waliigaltee rakkina guyyaa Sambataa Raashiyaa keessatti mudatee ture dhaabuuf hoogganaa Waagnariifi duree Beeraaluus Aleeksaandar Luukaahseenkoo jidduutti taasifameen, himannaan Yevgeny Prigozhin irratti banamee akka dhiifameefi loltoota isaa irrattis tarkaanfiin omaatu akka hin fudhatamne Kireemiiliin himte turte.

    Gatuu ammoo miidiyaaleen biyya keessaa madda maqaan hin eeramne caqasuudhaan, himmannaan yakkaa ammalleen kan hin haqamneefi qorannoon finciltoota irratti gaggeeffamaa jiraachu gabaasan.

    Itti dabaluunis dhimmicha cufuudhaaf yeroo gahaan hin fudhatamne jedheerra maddichi.

  17. Putiin 'bulguu guddisaniin ciniinaman' - Qondaala EU

    Josep Borrell

    Madda suuraa, EPA

    Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa (EU), Jooseef Booreel, fincilli Gareen Waagnar sambattan irratti taasisan kan aangoo waraanaa Raashiyaa keessatti rakkoon jiraachuu mul'isedha jedhan.

    ''Sirni siyaasaa laafina mul'isuufi aangoon waraana biyyattii rakkoo qabaachaa jira'' jechuun ture aanga'aan kun kan gaazexeessitootatti himan.

    "Bulguun Puutiin Waagnar waliin uuman, amma deebisee bulguu sanatuu isaan rukutaa jira.

    ''Bulguun kan isa uumeerratti deebisee ka'aa jira,'' jedhan Booreel waa'ee hoogganaa Waagnar Yeveginii Pirigoozhiin yeroo dubbatan.

    Itti dabaluunis, biyyi niikulaara hidhate kan akka Raashiyaa ''gara sadarkaa siyaasa tasgabbii hin qabneetti deebi'uun waan gaarii miti,'' jedhaniiru.

  18. Fincilli Waagnar Putiin Yukireen irratti dogongora jabaa raawwachuu agarsiise - Nato

    Barreessaa Nato

    Madda suuraa, Reuters

    Fincilli garee mindeeffamtoota Waagnar tibbana Raashiyaatti mudate, Putiin waraana Yukireen irratti dogongora jabaa raawwachuu kan mul'iseedha jedhe Nato'n.

    Barreessaa Olaanaan Nato, Jeens Istooltenbarg, fincilli loltoota Waagnar Sambattan irratti fashalaa'e, ''agarsiiftuu gara biraa dogongora tarsiimoo jabaa'' Vilaadmiir Puutiin Yukireen weeraruun raawwateeti jedhan.

    Istoolteenbarg, UK fi US dabalatee, dursaan gamtaa waraanaa biyyoota 31 kunis taatee Sambattan irra mudate akka ''dhimma keessoo Raashiyaatti'' ibsaniiru.

    ''Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti raawwattu yoo kan itti fuftu yoo ta'e, nuti deeggarsa keenya Yukireeniif taasifnu cimsuun barbaachisaa ta'a,'' jechuun magaala guddoo Litu'aniyaan kan taatee Vilni'us keessatti gaazexeessitootatti dubbatan.

  19. Kantiibaan Mooskoo dhorkaa tarkaanfii 'farra-shororkeessaa' kaa'ame kaasan

    Karra Adabaabaayi Red Square

    Madda suuraa, EPA

    Kantiibaan Mooskoo dhorkaa nageenyaa kaa'amee ture har'a kaasuun isaanii dhagahame.

    Kantiibiichi tarkaanfiiwwan nageenyaa ''farra shororkeessaa'' kan kaa'an, Sambattan irra yeroo humnootiin Waagnar wayita magaalitiitti qajeeluun yaaddoo uumanii turaniittidha.

    Kantibichi Sargee Sobyaaniin tarkaanficha karaa toora Telegraamii isaaniirratti ibsuun, jiraattootas haalicha 'hubachuu fi tasgabbii'' agarsiisaniif galateeffataniiru.

    Gama biraatiinis, koreen farra-shororkeessummaa biyyaaleessa Raashiyaa erga gaafa Dilbataa hoogganaa garee Waagnar, Yevgeny Prigozhin, looltoota isaa gara boodaatti deebiisee kaasee, haalli biyyattii keessaa ''tasgabbaa'aadha'' jedheera.

  20. Fincilli garee Waaginar bulchiinsa Putiin keessa qaawwi jiraachuu agarsiisa - US

    Hoogganaa garee Waagnar

    Madda suuraa, EPA

    Fincilli loltuu Waaginar Raashiyaa keessatti mul'ate bulchinsa Pirezidant Putiin keessatti ''qaawwi'' akka jiru agarsiisa jedhan dippilomatiin olaanaa US Antoonii Biliinkan.

    Fincilli garee loltuu mindeeffamanii lolan, Waaginar, tibbana mudate bulchiinsa Putiinitti ‘’rakkoo kallattii’’ akeeku fiduu dubbataniiru.

    Pirezidant Putiin lola gareen loltuu Waaginar kan duraan michuu isaanii turan irratti baname akka seeraan hin himanne waliigalaniiru.

    Waliigalteen kuni imala loltoonni Waaginar gara Moskoo taasisan akka dhaaban taasiseera.

    Kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asii cuqaasaa: Fincilli garee Waaginar bulchiinsa Putiin keessa qaawwi jiraachuu agarsiisa