Gareen mindeeffamtoota Waagnar Raashiyaa dhiphisanii eenyuu?

Waajjira waagnar

Madda suuraa, Reuters

Waa’ee Garee mindeeffamtoota Waagnar fi hogganaa saanii waa’ee Yevgeeny Pirigozhin baayyee dhageenyeerra ta’a. Garuu Gareen mindaafamtoota Waagnar eenyuudha?

Mindeeffamtoonni (mercenaries) namoota itti amananii osoo hin taanee mallaqni waan kanfalamuuf waraana irratti hirmaatan jechuudha.

Gareen kun qaama looltoota idilee miti. Akka Mootummoota Gamtoomaniitti, seera idil-addunyaa jalatti waraana hidhannoo keessatti namoota maallaqaan miindeeffamanitti fayyadamuun seeraan ala.

Gareen looltoota mindeeffamtoota Waagnar garee looltootaa dhuunfaa kanfaltiidhaan waraana Raashiyaa maddii hiriiruun lola Yukireen keessatti hirmaataa turaniidha.

Gareen Waagnar kunis looltoota kuma kudhaniin lakkaa'aman Yukireen keessaa akka qabu tilamamama

Keessattuu waraanaa magaalaa Baakhmut humnoota Yukireen harkaa fudhachuuf taasifame keessatti gahee olaanaa bahutuu himama.

Gareen kunis akkka kaambaanii ''waraanaa dhuunfaatti' of ilaala. Haata'u malee mootummaan Raashiyaa dhiheenya kana tarkaanfii to'annaa ofii jala oolchuu wayita taasisuu argama.

Waxabajjii 23, hogganaan Waangar Pirigozhin, sababiin waraanaa Yukireen soba yoo ta'u, Ministirri Raayyaa Ittisaa Sergee Shoguu ittiin guddina argachuu sababa uumeedha jedhe.

Gareen Waagnar maalii, eenyuuf lolu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen Waagnar kan PMC Waagnar jedhamuun beekaman jalqaba kan beekame bara 2014 wayita humnoota foxoqsiitootaa deeggartoota Raashiyaa ta'an baha Yukiree keessatti deeggaraniitti ture.

Yeroo sanatti dhaabbata icciitii kan ture yoo ta'u, irra caalaa Afriikaa fi Jidduugala Bahaa keessa socha'aa ture. Yeroo sanattis loltoota 5,000 qofaa, isaanuu miseensoota waraanaa Raashiyaa fi humnoota addaa duraanii akka qabau himama.

Yeroo sanarraa kaasees gareen kun haalaan guddataa dhufe.

''Waagnar ammatti loltoota gara 50,000 ta'an Yukireen keessatti ajjajaa kan jiruu yoo ta'u, duula Yukireen keessatti qooda olaanaa bahaa ture,'' jedhee ture Ministeerri Ittisaa UK Amajjii darbe.

Akka jedheettis, dhaabbatichi Raashiyaan miseensa waraanaa idileetiif wayita hanqinni mudateetti bara 2022 keessaa baayyinaan mindeessuu eegale.

Loloonni Waagnara %80 Yukireen keessatti argaman kan mana hidhaa keessaa filataman ta'u, Manni Maree Nageenya US jalqaba bara kanaarratti himee ture.

Humnootiin mindeeffamtootaa kunneenis Raashiyaa keessatti seeraan ala ta'anilleen, Gareen Waagnar bara 2022 keessa akka kaampaaniitti galmaa'uun waajirasaa mummee St. Peeterbargiitti saaqe.

''Dhaabbatichis magaaloota Raashiyaa keessatti, biilboordiiwwan irratti ifatti kan mineessuu yoo ta'u, miidiyaalee Raashiyaatiin akka dhaabata gootaatti ibsama,'' jedhan qorataan Institiyuutii Tajaajilawwan Gamtaa Rooyaal, Dr Saamu'eel Raamaanii.

Gareen Waangar Yukireen keessaa maal godhuu?

Gareen Waangar lola ittiin magaalli baha Yukireen Baakhmuuti ittin to'atamte irratti baayyee hirmaateera.

Looltoonni Yukireenis looltoonni Waangara baayyinaan waraannicharratti alafoodhaan ergaman hedduun isaanii ajjeefamaniiru jedhu.

Jalqabarratti ministeerri Ittisaa looltoonni Waagnara waraannicha irratti hirmaachuusaanii hin dubbannee ture. Haata'u malee, boodarra mindeeffamtoota isaa waan ofi qabuu tokko malee wareegama kanfalanii yoo galateeffatu dhagahame.

Gareen Waagnar attamiin eegale?

Qorannoon BBC Garee Waagnar irratti taasiseen qondaalli waraanaa Raashiyaa duraanii Dimitirii Utikin keessaa jiraachuu akka hin oollee adda baase.

Miseensii waraana Chechnyaa duraanii Raashiyaa, ajajaa dirree Waagnar jalqabaafi kan maqaa garichaas mallattoo bilbila raadiyoo isaa duraanitiin moggaasee ta'u akka hin oollee amanama.

Dureen garee kanaa ammaa Yevgeny Pirigozhin dureessa daladalaa yoo ta'u, maqaa masoo ''chaafii Puutiin'' jedhamuun beekamudha sababii inni Kiremiliif nyaataa dhiyeessaa tureef.

Hooganaa Garee Waagnar

"Opareeshiinii Garee Waagnar jalqabaa gargaarsa bara 2014tti wayita Raashaan Kirimiyaa of jala galchisuurratti taasisaniidha,'' jedhan Kolleejii Kingi Landaniitti Pirofeessarri Lolaafi Nageenyaa Tiraasii Jarman.

Raashiyaan osoo Yukireeniin hin weerariin torbanootaan dura, Waagnar haleellaa ''alaabaa sobaa'' gaggeessuun weerarichaan dura Kiremiliif haala mijjeessee akka ture yaadama.

Waagnara attamiin ajajjoota waraanaa Raashiyaan walitti bu'an?

Baatiiwwan dhiheenyaa keessa, Pirigozhiin irra dedeebiin Ministira Raayyaa Ittisaa Shooguu fi duree waraanaa Yukireen keessaa, Vaaleerii Geeraasimoov himataa ture. Dandeettii kan hin qabneefi ta'e jedhanii looltoota Waagnar Yukireen keessaa meeshaa waraanaa dhiyeessuu didan jed=chuun himata.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Raashiyaa amma ''tola-ooltoonni'' amma Yukireen keessatti dhuma Waxabajjiitti waliigalte isa waliin mallatteessuu qabaatu jedhee ture.

Ibsa sana keessattis magaan Garee Waagnar kan hin dhahamne yoo ta'u, garuu ammoo sochiichi kan mootummaadhaan Waagnar of jala galchuuf taasifame fakkaata.

Pirigozhin garuu humnootiin isaa waliigaltiicha hin fudhatan jechuun ibsa aarii baasee ture.

Gareen Waagbar biyya biraa eessa fa’i keesa socho'uu?

Erga bara 2015tii, Gareen Mindeeffamtoota Waagnar Siiriyaa keessatti humnoota mootummaa deeggaraniifi eegdoota dirree boba'aa maddii hiriiruun lolaa turan.

Akkasumas miindeeffamtoonni Garee Waagnar Liibiyaa keessattis humnoota Janaraal Khaaliifaa Haafxaariif amanamoo ta'an deeggaraa turan.

Riippabliik Jidduugala Ariikaa (CAR) Garee Waagnar kanneen akka lafa albuuda daayimanii tiksaniif affeertee jirti. Kunis sababii lafa albuuda warqee Sudaan eegaa turan jedhanii waan yaadaniifii ture.

Looltoota Waagnar

Madda suuraa, @RSOTM TELEGRAM GROUP

Mootummaan Maalii, kan Lixa Afriikaa keessas, gareewwan milishaa Isilaamaa waraanuuf Garee Waagnariitti fayyadama.

Hogganaan garee kanaa Pirigozhinis oppareeshinii Garee Waagnar kanarraa maallaqa argata.

Gareen Waagnar yakkawwan attamii raawwachuun himatama?

Amajjii keessa, ajajaan duraanii garee mindeeffamtootaa ganuun Noorwee keessatti kooluugaltummaa gaafate tokko, waan jedhe ture. Innis Yukireen keessatti yakki waraanaa raawwatamu agru dubbate.

Miindeeffamtoonni Gareen Waagnar sadi dhiheenya Kiyiiviitti Amajjii 2022, looltoota Raashiyaa waliin ta'uun namoota nagaa dararuufi ajjeessuu abbootiin alangaa Yukireen himatanii ture.

Tikni Jarmanii akka jedheetti mindeeffamtoonni Waagnar Bitooteessa 2022 keessa namoota nagaa Buchaa keessaa ajjeesuun isaanii hin oollee jedheera.

Mootummaan Gamtoomeefi Mootummaan Faransaay miseensoota Waagnar Riippablik Jidduugala Afriikaa keessatti guddeeddii fi namoota nagaa ajjeesuufi saamiicha raawwachuu himatan.

Bara 2020 keessa ammoo, waraanni Ameerikaa miindeefamtoota Waagnar fanjiifi meeshaalee dhohaan kan gara biraa magaala guddoo Liibiyaa Tiripooliifi naannawa isheetti awwaaluun himatan.

Gareen Waagnar looltoota meeqa qaba?

Ofii ammatti gareen mindeeffamtootaa Waagna looltoota meeqa qaba? Kana waraanaa Raashiyaa keessa jiran hoo looltoota meeqa ta'u?

Gareen looltootaa Waagnar garee waraana mindeeffamtoota dhuunfaa raayyaa Ittisa Raashiyaa ykn waraana idilee maddii hiriiruudhaan Yukireen keessatti loolaa turaniidha.

Hoggannaan garichaa Yeevgeeny Pirigozhiin ammatti mootummaa biyyattiin fincilaa jedhamuun, looltoonni garee isaas karaa kaabaatti Magaala Mooskootti qajeelaa jiraachun gabaafameera.

Gareen Waagnar kunis looltoota gara 25,000 ta’u akka qabu tilamaamam, lakkoofsa Hogganaan garichaa guyyaa Jimaataa caqaseerraa ka’un.

Amajjii keessa ammo, Ministeerri Raayyaa Ittisaa UK looltoonni garee Waagnar gara 50,000tti ol guddachuu akka hin ollee tilmaamee ture. Haata’u malee kanneen gara 20,000 ta’an waraanaa Yukireen irratti du’uu akka hin oollee gabaafameera.

Haata’u malee loltoonni Garee Waagnar 25,000 kunneenis looltoota Raayyaa Ittisa raashiyaa 800,000tti tilmaamaniin of madaalu.

Waliigalatti waraanni biyyattii yeroo ta’e miiliyoona tokkoo ola akka ta’an kan tilmaamame yoo ta’u, tibba waraana Yukireeniitti yoo xinnaatee kanneen 220,000 akka du’an tilamaamama.

Raashiyaan miseensoota tajaajilchaa of eeggannoo keessa jiran kan biraa 250,00 akka qabdu yaadama.