
Madda suuraa, EPA
Erga jeettiin dhuunfaa
dhiheenya Mooskootti kufee caccabee guyyaa tokkoon ol ta’eera. Balaa kanaanis
hogganaa Garee Waagnar Yevheny Piriigozhin dabalatee namoonni kudhan du’uutu
gabaafame.
Odeeffannoon
ammalleen dhufaa jira garuu ammoo wantoonni ijoon hanga ammaatti beeknu jiru.
1. Piriigozhiin tarii ‘ajjeeffameera’
ta’a
Qondaaltoota US dabalee hogganaan Waagnar xiyyaara balaan irra gahe keessa ‘jiraachuu’ danda’a jedhan.
Garuu ammoo odeeffannoon sirrii waan kana ifatti mirkaneessuu hin jiru. Jechi
Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin kanuma mul’isa. Piriigozhiin tarree
imaltoota xiyyaarichaa keessa akka ture qondaaltoonni humna qilleensaa
Raashiyaa battaluma balaan qaqqabeetti gadhiisanii ture.
2.
Balaa xiyyaarri kufee caccabuu sana dhohinsatu uumee ta’e
Xiyyaaricha maaltu kufise dhimma
jedhaurratti yaadiwwan hedduun ka’aa jiru. Misaa’eela qilleensa samiirratti
haleeluu danda’a (surface-to-air missile) jedhamuun rukutameera ta’a jedhameera. Haata’u malee, Peentaagon (Humna Ittisaa Ameerikaa) misaa’eelli akkasii faayyidaarra oolfamuuf
wanti mul’ate hin jiru jedhe.
Qondaaltoonni Ameerikaa BBCtti akka
himaniitti, dhohinsii xiyyaara keessaa tarii sababii qabatamaa ta’uu danda’a.
Inni tarii boombiitu harkaa dhohee ta’uu danda’a.
3. Taphni himannaa ammas itti fufeera
Qubni baayyeen gara hoggntoota Raashiyaatti kan qabamaa
jiru. Haata’u
malee, eenyumtuu gahee keessaa qabaachuuf ragaan omtuu hin argamne. Puutin dhimmicharratti erga callisaa tureen boda ‘‘balaa gaddisiisaa’’
jechuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu irra deebiin hime.
Isaan dura ammoo pirezidantiin Yukireen
Volodmiir Zelensikiin biyyisaa balaa xiyyaarichaa waliin hidhata omaatu hin
qabdu jedhee ture.
4.
Haala balaa xiyyaarichaa
Xiyyaarri
Embraer-135 (EBM-135BJ) jedhamtu guyyaa Roobii Mooskoo irraa gara St
Piitarsibargiitti balalii’aa turte. Xiyyaaricha keessas imaltoota torbaafi
hojjattoota xiyyaaraa saditu ture, akka Abaan Taayitaa Aviyeeshinii Raashiyaa
jedheetti. Xiyyaarichi dhiheenya Kuzhenkinoo wallakkeessa Mooskoo fi St
Piitarsibarg jidduutti kufe. Namoonni xiyyaaricha keessa turan 10nu du’un
himameera.