Xayyaarri yeroo jalqabaaf boba'aa %100 balfarraa hojjetame fayyadame balalii'uufi

Xayyaara ala dhaabatu

Xayyaarri madda boba'aa haaromfamu fayyadamu yeroo jalqabaaf balalii garba Atilaantiik ce'u taasisuufi.

Xayyaarri qabeenya Virgin Atlantic tahe Kibxata har'aa sa'atii 08:00 irratti Landan Hiitroow irra gara buufata xiyyaaraa Niiw Yoorkitti balali'a.

Balaliin kuni maallaqa mootummaan kan deeggaramu yoo tahu daandii qilleensaa biroo naannoo otoo hin faaliin balalii'uun akka danda'amu agarsiisa.

Haa tahu malee dhiyeessiin boba'aa gosa kanaa daangeeffamaa yoo tahu, kaarboonii gara qilleensa naannootti yaa'uu hir'isuuf teekinolojiin biraan barbaachisa.

Boba'aan irra deebii faayidaarra ooluufi naannooo hin faalle balfa mana jireenyaa keessaa gatamuufi zayitii nyaataa fa'irra hojjetamuu danda'a.

Xiyyaara amma balali'uuf jiru Booying 787 gosa boba'aa naanoo hin faalle toonii 50 fe'ateeera.

Maddi boba'aa kanaas waan lama, tokko balfa coomaa yoo tahu inni kaan immoo kosii boqolloo Amerikaatti oomishameeti.

Xiinxalaa fi madaallii keessa erga darbeen booda ogeessonni aveeshinii UK mirkana kennaniiruufi.

Milkaa'ina hojii kanaarrattis dhaaboti baayyee hirmaataniiru.

Indaastiriin aveeshinii kaarboonii fayyadamuu akka dhaabu gochuun akka malee rakkisaa dha.

Hogganooti daandii qilleensaa garagaraa kaarboonii gara qilleensa naannootti gadhiifamu zeeroo gochuuf malli kuni akka hojjetu dubbatu.

Xiyyaarri yeroo boba'aa balfa irraa hojjetame fayyadamus kaarboonii ni yaasa garuu aarri gadhiifamu naannoo keessa turnuun harka 70 ni hir'isa.

Boba'aa Aveeshinii Haaromfamu hanga xiqqoon faayidaarra oolus xiyyaaroti akka addunyaatti gosa boba'aa kana fayyadaman harka 0.01 hin tahan.

Yeroo ammaa boba'aan kuni gatiinsaa kan keerosiin kan caalu yoo tahu, oomishnisaas gadaanaa fi xiyyaarotis harka 50 qofa akka fayyadaman eyyamamaaf.

Dhaaboti daldalaa boba'aa haarofamu kana oomishan hin jiran, tahus mootummaan UK deeggarsa maallaqaa tola ooltotarraa argatuun warshaa oomisha kanaa shan bara 2025tti dhaabuuf kaayyefateera.

Daandiiwwan qilleensaa balalii boba'aa haaromsamuun taasifamu kana faalama qilleensaa hir'isuuf bu'uura dha jedhanillee, ogeessonni garuu adeemsi kuni takkaatti waan hunda kan geeddaru miti jedhu, sababiinsaas maddi boba'aa haarofamu kanaa miya dheedhii gahaa hin qabu dabalataan immoo guutummaan guutuutti faalama hin hambisu jedhan.