Peentaagan diroonii basaasaa hidhannoo hinqabne samii Gaazaarra balaliisu amane

Doonii samiirratti

Madda suuraa, AFP

Ameerikaan yeroo jalqabaatiif dirooniiwwan basaasaa hidhannoo hin qabne samii Gaazaarra balaliisuu amante.

Dubbi himaan Peentaagan, Biriig Paat Raayidar, xiyyaaroonni nana maleeyyii (dirooniiwwan kunneenis ‘‘yaalii namoota butaman deebiisuu’’ gargaaruuf kan ergaman ta’u hime.

‘‘Dirooniiwwan kunneenis balali’u kan eegalan erga Onkolooleessa 7 Hamas Israa’el irratti haleellaa bane booda’’ jedhan ibsa gabaabaa kennan keessatti.

Ameerikaan diiroonii basaasaa kanneen gara samii Gaazaatti ergu kan amante erga marsariitiiwwan balaliinsa hordofan taatee kana saaxilaniin booda ture.

Peentaagan ibsa isaa Jimaata darbe baaseen, ‘‘Ameerikaan xiyyaaroota nama maleeyyiin Gaazaarratti akka balaliinsa odeeffannoo funaanuu taasisan, biyya michuu Israa’eliif deeggarsa akka kennan, keessattuu namoonni butaman bakka jiran odeeffannoo argachuuf ergamaniiru’’ jedhan.

Diroonoonni kunneenis kanaan dura Afrgaanistaniitti hojiirra oolfaman. Mummeedhaan hojii basaasaa kan hojjatan yoo ta’u, dandeettii rakkoo tokko malee sa’aatiiwwan 20’f qilleensarra turu qabu.

Maddeen maqaasaanii eeruu hin barbaadne gaazexaa Niiw Yoorki Taayimsiif akka himanitti, dirooniiwwan kunneen loltoota Israa’eliif deeggarsa kennuuf osoo hin taane, namoonni butaman eessatti akka argaman adda baasuuf tajaajila irra oolfaman.

Namoota butaman ilaalchisuunis odeeffannoo dirooniiwwan kunneen walitti qaban Israa’eliif kennameera.

Haata’u malee naannichatti hojiirratti bobba’anii kan argaman dirooniiwwan kanneen qofaas miti.

Humni Galaana Ameerikaa guyyaa Kamiisa Galaana Arabiyaarratti bidiruu nama maleessaa saffisaa ta’een deeggaramuun haleellaa raawwachuu ibseera.

Humni galaanichaa akka jedheetti, haleellaan meeshaa nama maleessa ta’e akkasiitiin jidduugala bahaa keessatti yoo raawwatamu kun kan jalaqabaati.

Taateen kunis dandeettii waraanaa Ameerikaan naannicha keessatti qabdu kan sadarkaa olaanaatti ol kaaseedha jedhame.

Baatii darbes Humni Galaanaa Ameerikaa haleellaawwan dirooniifi rookkeettii hedduu karaa yemanii gara Israa’eliitti dhokaafamanii ture fashaleessuu dubbateera.

Ameerikaan dooniiwwan jeettii waraanaa baatan lama gara baha Galaana Meeditiraaniyanitti dhiyeessuuni ishee ni yaadatama.

Kanas kan raawwatte waraana Israa’eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamaa deemuun wal qabatee biyyoonni naannichaa kaan harkasaanii akka hin galfanne gochuufidha.

Dursaan garaa Hezbollaah Hasan Naasraallaa haasaa erga waraanni Israa’el-Gaazaa egalee yeroo jalabaatiif Jibaata darbe taasisaniin, dooniiwwan Ameerikaa jeettii waraanaa baatan haleellaa omaatuu akka hin raawwanneef akekkachiisaniiru.

‘‘Dooniiwwan waraanaa keessan nu hin sodaachfne, gara fuulduraattis gonkumaa nu hin sodaachisan’’ jedhanii ture Haasan Naasraallaah.