Haleellaan diroonii buufata xiyyaara Raashiyaarratti raawwatame xiyyaaroota barbadeesse

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaan diroonii buufata xiyyaara magaala Kaaba-lixa Raashiyaa Piskoov irratti raawwatameen xiyyaaroonni geejiiba waraanaa lama miidhamu Eejansiin oduu Raashiyaa gabaase.
Xiyyaaroonni geejjiibaa Ilyushin 76 haleellaadhaan booda ibiddi itti qabachuu gabaasichi himeera.
Bulchaan naannichaa jalqaba waraanni haleellicha ofiirraa qolachaa jira jedhanii ture. Akkasumas waraaabbii viidiyoo ibidda cimaa dhoohinsi keessaa dhagahamus qoodaniiru.
Magaalli Piskoov Yukireen irraa fageenya kiloomeetira 600 irratti kan argamtu yoo ta’u, gama daangaa Estoniyaatti dhiyaatti.
Yukireen haleellaa kana raawwachuu ilaalchisee kan jette kan hin jirre yoo ta’u, garuu ammoo haleellaawwan Raashiyaa keessatti raawwataman irratti baayyee yaada hin kennan.
Torbanoota dhihoon as Yukireen dirooniiwwan dhohaan eddoowwan qiyyeeffannaa Raashiyaa keessaatti fayyadamaa akka jirtu amanti.
Jijjirama gara biraatiin ammoo:
Waraanni Raashiyaa oppareeshinii Galaana Gurraacharratti tureen bidiruuwwan Yukireen saffiisoo loltoota gara 50 ta’a qabattee turte akka sa’aatii Mooskootti naannawa halkan wallakaa (21:00 GMT) keessa barbadeesseera jetti.
Yukireen garuu dhimma kanarratti battalatti yaada hin kennine.
Waraanni Raashiyaa bulchiinsa kibba Biryaaniski keessatti dirooniiwwan Yukireen sadii fi tokko ammoo bulchiinsa jidduugala Oryool keessatti rukutee kufiisuu hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ejansiin oduu Raashiyaa Taas akka gabaaseetti, samiin qilleensa buufata xiyyaara Vinukovoo Mooskootti argamu cufameera.
"Ministirri Raayyaa ittisa Raashiyaa haleellaa diroonii buufata xiyyaara Piskoov irraa qolataa jira,’’ jedhan bulchaan naannoo Piskoov, Mikaa’il Venernikoov toora Telegraamii isaaniirratti.
Aab Vedernikoov, bakka haleellaan itti raawwatametti argamu kan himan, ‘‘Akka odeeffannoo jalqabaatti namni miidhame omtu hin jiru,’’ jedhan.
Gabaasni eeggansii oduu Raashiyaatiin tajaajilawwan yeroo muddamaa eeruun dhiyaate, mudateen xiyyaaroonni Ilyushin 76 (Il-76) afur miidhamanii lama ammo ibiddi itti qabachuu himee ture.
Eejjansiin oduu Riiyaa boodarra ammoo, xiyyaaroonni lama ibiddi itti qabachuu gabaase.
Bulchiinsi Piskoov duraanis Caamsaa keessa haleellaa dirooniitiin irratti kiyyeeffatamee ture. Haleellaan diroonni bulchiinsa Beelgorod keessatti torban darbe raawwatamenis namoonni sadii ajjeeffamuun gabaafamee ture.
Taateen kunis erga haleellaan diroonii Mooskoo keessatti raawwatame sa’aatiin booda kan mudate ta’u qondaaltoonni himanii ture.
Yukireen haleellaa kana kan raawwate ishee ta’u dubbachu baattuulleen, Pirezidanti Volodmiir Zelenskiin isaan dura daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa raawwachuun ‘‘kan hin oolle, waan jiruufi adeemsa haqa qabeessaadha’’ jedhanii ture.












