Ijoolleen morkii du'aaf isaan saaxilu maaliif TikTok irratti dalagu?

TikTok

Madda suuraa, Getty Images

Morkiin (challenge) TikTok irratti adeemsifamu waanuma salphaa sochii daansii barachuu, akkaataa nyaatni itti tolfamu hojjechuu fi wantoota haaraa yaaluu fa'i tahuu mala.

Haatahu malee morkiin du'aaf nama saaxilus baramaa dhufeera. Bara 2022tti dhimma kanaan wal-qabatee ijoolleen 20 du'aniiru jedha odeeffannoon miidiyaa Bloomberg'n galmaa'e.

Morkiiwwan miidiyaa hawaasaa keessatti adeemsifaman keessaa tokko hafuura ofii qabatanii gaggabuun booda gara qalbii isaaniitti yeroo deebi'uuf yaalan viidiyoodhaan waraabuudha.

Inni biraa ammoo qoricha qorraa doozii eeyyamamuun irra dabarsanii fudhachuun booda waan dhugaa hin taane wayii sammuutti yaaduu jajjabeessa.

Dhaabbanni Nyaataafi Qorichaa Ameerikaa dawaa qufaaf kennamu isa eeyyamamuun caala fudhachuun dhibee onnee, gaggabdoo akkasumas du'aaf akka saaxilu akeekkachiiseera.

Ijoolleen maaliif morkii balaafamaa kanarratti hirmaaturee?

Dhiibbaa hir'iyyaa

Sababiin tokko dhiibbaa hiriyyoota fakkaachuuf taasifamu dha jedhu Kaalifoorniyaatti Qorannoo Xiinsammuu Miidiyaa irratti kan hojjetan Dr Paaameelaa Raatileeji.

''Morkii nama isaan hordofu baay'isuufi argannaan akkaaan itti tola, waan guddaa kan argatan itti fakkaaata, namoota biraa wajjin hariiroo uumuuf ni eeyyamaafi,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Namoonni morkii kana keessaa hafuu hin barbaadan gatii taheef itti dhiisuun isaan rakkisa,'' jedhan.

''Ijoolleen immoo hawaasa keeessatti iddoo qaban reef adda baafachaa jiru waan taheef morkii ykn challenge kana yeroo dalagan badaa xiinxalanii,bitaa mirgaa ilaalanii miti kan raawwatan,'' jedhu.

Piroofeesariin koominikeeshinii Makaanaa Chook, Yunivarsiitii Ameerikaa Saayirakiyuus irraa waanuma wal-fakkaataa kaasu.

''Daa'imman dalagaa balaa qaburratti hirmaachuun haaraa tahuu batullee, miidiyaan hawaasaa immoo dhiibbaan isaa fagoorraa tahuun immoo rakkoosaa adda godha, '' jedhu.

''Yeroo morkii miidiyaa hawaasaan jalqabamu kana raawwatanitti ijoolleen hiryyoonni isaanii qaamaan bira jiraachuu dhiisuu malu.

Morkii sana qofaa dalaguun booda dha, kan isaan booda viidiyoo waraaban hiriyyoota isaaniif qooduuf kan kaayyeefatan,'' jedhu.

Haqni biraa dagachuu hin qabne ijoolleen hamma waggaa 20 gahanitti kutaan sammuu isaanii sababaafi bu'aadhaan yaadu prefrontal cortex guutummaatti hin guddatu.

Kana jechuun ijoolleefi ol adeemoon, ''dandeettii sababiif bu'aa dalagaa tokko xiinxaluuf rakkachuurra darbee, fedhii waa gochuuf barbaaduu isaanii to'achuu dhiisuu malu. Kunimmoo maatiidhaaf baayyee yaaddessaa dha.'' jedhu Dr Paaameelaan

Maatii TikTok himatan

Maatiin TikTok mana murtiittii himachaa jiran jiru, algoorizimii(qajeelfama kompiitaraa) miidiyaa hawaasaa kanaatu du'a ijoollee morkii balaafamaa kanarratti hirmaataniif sababaa jedhan.

"Nama miiliyoona keessaa tokko sababa morkii miidiyaa hawaasaa kanaan du'uun guddaa dha," jedhan Wiirtuu Seeraa Miidhamtoota Miidiyaa Hawaasaa keessaa kan hojjetn Maatiiw Bergmaan

Dhaabbanni isaanii maatii ja'a bakka bu'uun mana murtiitti falmu, maatii ja'an keessaa shan ijoollee isaanii du'aan dhabaniiru.

Kunneen keessaa maatiin daa'ima isaanii ganna sagalii Ariyaani Jeeliin Arooyoo kan du'aan dhaban Bitootessa 2021 morkii TikTok'f of hudhuu otoo yaaltuuti.

Ariyaaniin morkii/challenge TikTok irratti kan argite biifiyyee 'For You' jedhuun gatii isheef dhufeefi.

Akka Bargman jedhanitti daa'imni kuni qabiyyee biraa barbaacha hin deemne algoorzimii TikTok dha kan gara isheetti qabiyyee kana fide jedhan.

TikTok qabiyyee kana hojjechuu baatus, ''algoorizimii fayyadamuun morkiin/challenege'n akka saffisaa waliingahu godha,'' jedhan.

Hamma yoonaa miidiyaalee hawaasaa itti gaafatamoo gochuuf yaaliin taasifame otoo hin milkaa'in hafeera.

Onkololeessa 2022 du'a daa'ima ganna 10 Naayilaa Andarsaniin booda himannaa Ameerikaatti baname kufaa taheera.

Abbaan murtii Federaalaa Ameerikaa, Peensilvaaniyaatti qajeelfamni seeraa kominikeeshinii kutaan 230 qabiyyeen tokko TikTok dhaan hanga hin hojjetamnetti itti gaafatamummaa irraa isa eega jedhan. Bargmaaniifi jaarmiyaansaa garuu kan falmuuf hojjechaa jiru.

''TikTok fi miidiyaaleen hawaasaa kaan itti gaafatamummaa hundi jireenya keenya kessatti fudhannu, isaaniis hojiirr oolchuu qabu,'' jedhan.