Bulchiinsi Ameerikaa tokko meeshaalee dhuunfaarraa TikTok uggurte

Madda suuraa, Getty Images
Kutaan bulchiinsa Ameerikaa Montaanaa, yeroo jalqabaatiif miidiyaa Chaayinaa guddicha TikTok meeshalee dhuunfaarratti akka hin gargaaramne uggure.
Bulchaan Montaanaa Girig Giyanforte uggura kana seeratti akka dabalamuuf guyyaa Roobii mallatteessan.
Seeri kun Amajjii dhufturraa kaasee hojiirra oola.
Tiktookiin gama isaatiin uggurichi "mirga bu’uuraa uummata Moontaanaa cabsa,’’ jedheera.
Tiktookiin daataa mootummaa Chaayinaaf dabarsa yaaddoo jedhurraa ka’uun, qondaaltota kutaalee addunyaa garaa garaatiin xiyyeeffannoon hordofamaa ture.
Giyanforten qondaala paartii Rippaabilikaanotaa yoo ta’u, seera baastotatti akka himetti, guutummaatti ugguruun "uummata Montaanaa paartiin Koministii Chaayinaa akka hin basaasne ittisuun barbaachisaa waan ta’eef,’’ jedhan.
Tiktookiin ibsa baase kessatti akka ibsetti, Montaanaatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman miidiyaa kanatti gargaaramaa turan.
"Warra Montaanaaf irra deebinee mirkanessuu kan barbaannu of ibsuuf Tiktookitti gargaaramuu danda’u, waan ittiin jiraatan argachuu qabu, yeroo nuti mirga maamiltoota Montaanaa keessaa fi ala jiraatanii kabachiisuuf hojjataa jirrutti,’’ jedha.
Tiktookiin seera tumame kana mana murtiitti falmuuf jira.
Ji’a darbe seera baastonni Montaanaa seera Tiktookii meeshalee dhunfaarratti akka hin gargaaramne ugguru sagalee deeggarsaa 54 fi mormii 43’n raggaasisan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seerichi kuusaan appii (app stores) Tiktookii akka hin dhiyeessine taasisa.
Haata’u malee, maamiltoonni Tiktookii duraan buufatanii itti gargaaramaa turan akka itti hin gargaaramne hin dhorkine.
Montaanaan lakkoofsa ummaataa miliyoona tokko caalu kan qabdu yoo taatu, Mudde darberraa eegaluun meeshaalee qabeenyummaan isaanii kan mootummaa ta’eerratti Tiktookii akka hin gargaaramne uggurte.
Tiktookiin Ameerikaatti maamiltoota miliyoona 100 fi miliyoona 50 horachuu beeksiseera.
Waggoota muraasaan asitti lakkoofsi maamiloota appii Tiktook kan dabale yoo ta’u, dargaggoota lafaa dhufanii fi umrii 20 keessa jiran biratti baayyee jaalatama.
Haata’u malee, siyaasa Ameerikaa keessatti Tiktookiin akka yaaddoo nageenyaa biyyaalessaa ta’eetti ilaalama.
Tiktookiin dhaabbata Chaayinaa qabeenyummaan isaa kan dhaabbata Chaayinaa ByteDance jedhamuu yoo ta’u, Koreen Kongireessi Ameerikaa Hoji-gaggeessaa Tiktook Shu Zi Chiw, mootummaan Chaayinaa daataa Tiktookii kana akka itti gargaaramuuf dhiisu gaafatamee ture.
Shu Zi Chiw irra deddeebiin akka ibsetti, lammilee Ameerikaa tasumaa hin basaasne jedheera.
Haata’u malee, hojjiattoonni Tiktook akkaawuntii gaazixeessitoota gargaaramuun odeeffannoo akka sassaaban Shu Zi Chi amaneera.
Jalqaba ji’a Bitootessaa mootummaan Ameerikaa dhaabbanni ByteDance Tiktookii akka gurguru ykn biyyattii keessaa ugguuramu malu akeekkachiseera.












