TikTok cufamuu danda'aa? Waan adeemaa jiru irratti qabxiilee shan

Madda suuraa, Getty Images
A: Viidiyoo tokko TikTookirra argee kolfaaniin du’e?
B: Hin agarre. Maalinnii?
A: Siif erguu?
B: Mee naaf ergi nan ilaala.
Guyyuu namoonni miiliyoona hedduun lakkaa’aman TikTok fayyadamu. Miidiyaan hawaasummaa kuni kaanif bakka bashannanaa, kaan bakka itti barumsa kennu yookiin argatu erga ta’e bubbule.
Kan beekamtii fideefillee xiqqoo miti. Kaanimmoo kan akka Kaabi Laame, namoota Itoophiyaa keessa jiran dabalateef immoo yeroo gabaabaatti madda galii ta’eeraaf.
Dhaabbileen miiliyoona hedduus dargaggoota TikTokirra oolan harkisuuf meeshaafi tajaajila ofii achirratti beeksifatu. Ameerikaa qofa dhaabbileen biznasii miiliyoona 5 gabaa ittiin hawwatu.
Gabaan TikTok gabaa viidiyoon gabaabaa itti ho’u waan ta’eef immoo baay’ee jaalatameera. Namoonni walitti dhufanii irrattis mari‘atu, galiis walitti qabu.
Eega dhihootii garuu Ameerikaan ’nageenya biyyaalessaaf’ jecha dhorkuufan jira jechuun ibsiteetti.
TikTok cufamuu malaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbileen miidiyaalee hawaasummaa waa’ee daataa fayyadamtootaa galmeessu. Umrii, saala, qabiyyee jaalannu, bakka jiraannu, lakkoofsa bilbilaafi kaan jechuudha.
Dubbiin TikTok fi Ameerikaa bara bulchiinsa Donaald Tiraamp jalqabe. Waggaa lama dura Tiraamp TikTok cufsiisuuf guddoo ifaajan.
Bara bulchiinsa Joo Baayidan garuu hammaate. Aappiin viidiyoo ittiin qoodamu kuni abbaan qabeenyaa isaa kaampaanii Chaayinaa ByteDance jedhamudha.
Ameerikaan TikTok odeeffannoo lammiilee kiyya sassaabe mootumma Chaayinaaf dabarsa, ummata ‘basaasaa jira’, ummata kiyya olola itti gadhiisuuf oola jechuun himatti.
Chaayinaan immoo US mormite. US oduu sobaa facaasaa jirti, akkasumas TikTok gad-qabaa jirti jechuun himatte.
Hoogganaan dhaabbatichaa Showu Zi Chew dhihoo Kongirasii Amerikaatti dhihaatanii gaaffii jajjabaa gaafatamaniiru.
Ogeessi ICT Abdiisaa Bancaa, TikTok ‘’Xiinsammuu daa’immanii jeequtti jira jedhame … daa’imman rakkoo biraaf saaxiluu danda’a.
‘’Namoonni hedduun marsaalee hawaasaa kana ni fayyadamu malee hubannoo gahaa waan hin qabneef … sammuun isaanii jeeqamuu danda’a,’’ yaadi jedhu ka’e daangessuuf yaadame jechuun ibsa.
Akka hoogganaan dhaabbatichaa ibsanitti Ameerikaa keessatti qofaa namoonni TikTok fayyadaman miiliyoona 150 dha. Kuni kan waggaa lama dura turerraa miiliyoona 50’n dabale.
Mootummaan Ameerikaa yookaan dhaabbata TikTok kana dhaabbata Ameerikaatti gurguraa yookiin hin dhorkamtu jedhee akeekkachiiseera.
TikTok akkuma miidiyaalee hawaasumaa biroo daataa ni sassaaba. Garuu daataan kuni harka mootummaa Chaayinaa bu’a jechuun US yaaddoo ibsiti.
Dhaabbilee Chaayinaa irratti biyyoonni Lixaa yoo gaaffii kaasan kuni kan jalqabaa miti. Kana dura dhaabbata Huawei irratti dhimmi nageenyaa gaaffii ijoo ta’ee ture.
Namoonni kuni dhuguma sodaa Chaayinaatimoo yaaddoo nageenyaa ta’eeti jedhanii gaafatu.
TikTokiin cufamuuf deemaa jechuun namoonni baay’ee gaafataa jiru. Ammatti deebiin lakkiidha.
Haa ta’u malee, mootummaan Ameerikaa seeraan ala gochuuf sosso’aa jira. Kunimmoo kanneen TikTok gubbaa qabiyyee qopheessaniif akkasumas daawwataniif yaaddoodha.
Yoo dhorkamees US malee biyyoota kaanitti miti jechuu maltu. Garuu, dhiibbaan isaa US irra tara.
Biyyoota kamtu dhorke?
Ameerikaan mobaayilii yookiin meeshaalee qabeenyummaan isaanii kan mootummaa ta’erraa TikTok dhorkiteetti. UK, Kanaadaafi fi Gamtaan Awurooppaas kana raawwataniiru.
Beeljiyeem, Denmaark, Niiw Ziilaand, Taayiwaaniinis kana godhan. Afgaanistaanis dargaggoota ‘’ni dogongorsa’’ jettuun dhorkiteetti. Hindiin immoo bara 2020 aappii kana kan dhorkite.
Dhaabbatichi daataa sababatti dabarsee aangawoota Chaayinaatti kennu hin jiru jechuun deebise.
Ammatti dhaabbileen meeshaalee mootummaa malee ummatarraa TikTok hin dhorkine.

Madda suuraa, HAAYAAT NAASIR
Yoo dubbiin jabaate garuu dhaabbilee aappii biraa buufannu, Apple ykn Google irratti dhiibbaa uumuun akka hin buufanne Ameerikaan taasisuu dandeessi.
Yoo dhorkame karaawwan biroo aappicha argatan jiraatuus TikTok akka kana duraa fayyadamuu rakkisaa taasisuu mala.
Nu yaaddessuu qabaa?
Fakkeenyaaf Artur Hiil yunivarsiitiitti ture TikTok gubbaa komedii dhiheessuu kan eegale. Yeroo ammaa hordoftoota miiliyoona 1.4 TikTok gubbaa qaba.
TikTok cufuun ‘’hojiifi jiruu namoota hedduu jeeqa’’ jechuun yaaddoo ibsa.
Akkuma lammiilee biroo lammiileen Itoophiyaa hedduun biyya keessaafi ala jiran TikTok dhimmoota adda addaaf fayyadamu.
Ogeessi IT Abdiisaan namoonni TikTokii fayyadamaa jiran waan deemaa jiru kanaan ‘’yaadda’uun isaanii hin oolu’’ jechuun ibsa.
‘’Kanneen waan sirrii irratti dalagaa jiran jiru. Kanneen beeksisa irratti beeksifataniiti bitataa jiran, gurgurachaa jiran ni jiru. Artistoota beekamtii itti argatanitu jira.
‘’Daldala beekamtii itti argarteeti jira. Namoonni hedduu viidiyoodhaan waraabanii oomisha ykn tajaajiloota isaanii achirratti beeksifatan hedduu jiru. Namoonni kuni yaadda’u danda’u.‘’
Haa ta’u malee, ammatti biyyoonni lixaa mobaayilii yookiin meeshaalee mootummaa irratti malee guututti hin dhorkine. Ta’us, dhiibbaan cimuu akka malu eegama.
Biyyoonni Afrikaa maa callisan?
Mootummoonni Lixaa waa’ee TikTok yaaddoo ibsaniis, mootummoota Afrikaarraa ammatti waan akkanaa hin dhagahamne.
Akka gabaasi Dijitaalaa Rooyitars bara 2022 baase agarsiisutti, Afrikaan gabaa ijoo TikTok jedhaman keessaa tokkodha.
Dargaggoonni waan nami odeessu odeeffachuuf TikTok seenu.
Dhaabbati TikTok Afrikaa keessatti kanneen qabiyyee keessumaa gabaasota badaa waa’ee ardichaa ibsan morkatu kanneen qopheessan jajjabeessuu eegaleera.

Madda suuraa, KILI PAUL
Ekispartoonni Afrikaa dhimmi daataa yaaddessaa ta’u ibsanis, xiyyeeffannoom TikTok qofa ta’u hin qabu jedhu.
Waldaa Biloogaroota Keeniyaa (Bake) irraa Jeemis Wamataayi, TikTok irratti xiyyeeffachuun sodaafi olola Ameerikaarraa madda jechuun qeeqa.
‘’Kaampaaniiwwan US daataa irra hedduu’’ walitti qabatu jechuun ‘’TikTok dorgomuu waan dhabaniif’’ fakkaata kan itti duulan jechuun hima.
Hoogganaan TikTok daa’imman US’f qabiyyeen hin malle akka isaan bira hin geenye waadaa seenaniiru.
Ogeeyyiin Afrikaa kuni Afrikaa keessattis ta’u qaba jechuun gaafatu.
Keessumaa qabiyyeewwan miira jeeqan, saba walitti buusan, odeeffannoon sobaafi kaan to’annoo dhabuun TikTok waldhibdee hammeessuutti maqaan isaa akka ka’u taasisaniiru.
Ogeeyyiin Afrikaa mootummoonni Afrikaa akkuma mootummoota Lixaa dhaabbileen Tekinolojii wabii akka kennan akka gaafatan barbaadu.
Odeeffannoon fayyadamtoonni galchan warra maarketingiif dabarfamee kennamuurra kan darbef waan biraaf hojiirra ooluus mala.
Abdiisaan ‘’Afrikaan yeroo ammaa tekinolojiiwwan addunyaan itti fayyadamaa jirtuurratti sadarkaa murteessurra hin geenye,’’ jechuun ‘’har’atti humna hinqabdu’’ jechuun sababa callisaniif hima.
‘’Sababni isaa dhaabbileen tekinolojii yeroo ammaa addunyaa sochoosaa jiran dhaabbilee gara Lixaati’’ jechuun himu.
Faallaa biyyoota Lixaa Afrikaa keessa Itoophiyaa dabalatee bu’uuraalee telekomii kan ijaaraa jiru Chaayinaadha. Michummaan Chaayinaafi biyyoota Afrikaas olaanaadha.
Yoo TikTok cufame filmaata biraa...
Artur kan TikTok cufamuu mala jedhee yaadda’u gamanumaa qabiyyee isaa YouTube fi Inistaagiraama gubbaa geessaa jira.
Ogeessi ICT Abdiisaan filmaata wal fakkaataa eera.
‘’Kan akka Yuutubii fa’i, Inistaagiraami fa’a viidiyoo gabaabaa eegalaniiru waan ta’ef daldala isaanii garasitti geessanii beeksifachuu itti fufuu danda’u’’ jechuun gorsa.
TikTok yoo cufamees adeemsa dheeraa waan qabaatuu maluuf yeroo fudhatuu danda’a. Hojiirra oolchuun salphaa ta’u dhabuu mala jechuun ogeeyyiinis dubbatu.
Akkuma akeekkachiisa mootummaa Ameerikaatti, yoo dhaabbatichi dhaabbata Ameerikaan bitamees dubbiin kuni tasgabbaa’uu mala.
Waa'ee TikTok kana beektuu?
TikTok bara 2016 hojii eegale. Yeroo gabaabaa keessatti garuu guddate. Yeroo ammaa ji’atti namoonni biiliyoona tokko ol aappicha fayyadamu.
Fayyadamtoota hedduu qabaachuun sadarkaa sadaffaarratti argama.
TikTok icciitiiwwan akka dafee guddatu taasise keessaa tokko algorizimii isaati. Kunis fayyadamtoonni waan daawwachuu fedhan aappiiwwan kaan caalaa dafee bara.
Algoorizimiin kunis viidiyoo fayyadamaan tokko jalqaba jaallate hubachuun waan isa fakkaatu qofa baay'inaan akka argu godha.
Kun ammoo fayyadamtootni yeroo dheeraa TikTok irratti akka dabarsan taasisa.
Kan biraa yoo qabiyyeen viidiyoo suni yoo filatamaa ta’e, abbaan gadhiise hordoftoota xiqqaas qabaatu akka namoota hedduu bira gahu taasisa.












