TikTokeroonni Masaay sirba Hindii akkeessan miliyoonotaan raajeffataman

Madda suuraa, Kili Paul
Taanzaaniyaatti obbolaan lama saba Masaay irraa ta'an Kiilii fi Neemaa Paawol sirba afaan Hindii Bollywood keessatti beekamu akka ajaa'ibaatti fakkeessanii sirbuun ajaa'iba jedhaman.
Obbolaan kunneen dandeettii isaani kanaaf amma hordoftoota miliyoonaan lakkaa'amullee horachuu dand'aniiru.
Faayaa aadaa isaanii kan ta'e uufata saba Masaay uffatanii akkuma loon isaaniitiin marfamaniin Kiilii fi Neemaa Paawol viidiyoo isaanii kan dhiyoo waraabuuf qophaa'aniiru.
Mobaayila isaanii tiraaypoodiirratti sirreeffatanii kaameraa dura dhaabataniiru. Umuriin isaa waggaa 26 kan ta'e Kiiliin obboleettii isaa Neemaa umuriin ishee waggaa 23 ta'e duubaan dhaabbatee mul'ata.
Obbolaan kun mandara xiqqoo Minduu jedhamtu gama baha biyyattiin naannoo Pwani jedhamu keessatti argamtu keessa jiraatu.
Mandarittii keessa ibsaan waan hin jirreef Kiiliin guyyaa guyyaan gara magaalaa isaanitti dhiyoo jirtu Lugobaa jedhamtuu miillaan sa'aatii tokko deemuun mobaayila isaa chaarjii guuttata.
Muuziqaan beekamaa Hindii takkaa banamnaan, obbolaan kunneen duraafi duubaan osoo hin dogoggoriin sirriitti fakkeessanii jedhu.
Sirbi isaan waliin shubbisuun hordoftoota isaanii ajaa'bsiisan kun sirboota Bollywood keessatti baayyee beekaman keessaa tokkodha.
Kiilii fi Neemaan sochii hidhii isaanii sirbicha waliin sirriitti wal simsiisuun viidiyoon waraabanii dhiyeessan kun ji'oota muraasa darban keessa guutummaa biyya Indiyaa waliin gahera.
Viidiyoon sirbaa obbolaan Masaay akkeessan kun Indiyaa keessatti hedduu kan jaallatame yoo ta'u, yeroo ji'a shan hin guutne keessatti namoota Biliyoona walakkaatti siquun daawwatameera.
Kiilii fi Neemaanis sirbana kana akkeessuun viiiyoon tolchuun gadhiisan daawwattoota miliyoonaan lakkaa'amu akka argatan taasiseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram, 1

Viidiyoon jaraa kun taatoowwan fiilmii baayyee bebbeekamoo ta'an akka Kiara Advani fi Sidharth Malhotra fa'iin qoodameera.
Sirba kana keessatti adda-dureen kan sirbe, Jubin Nautiyal, obbolaan kun yeroo isaan buufata raadiyoo Indiyaa tokkorratti gaaffifi deebiif dhiyaatan dhagahee baayyee ajaa'ibsiifate.
"Indiyaa keessatti namni kamiyyu isin beeka," jechuun isaanitti hime Nautiyal. "Isin baayyee beekamtaniittu!"
'Sammuu kiyyaan ol ta'e'
Ganda baayyee xiqqoo taateefi namni bilbila mobaayilaa ismaartii ta'e qabu hin jirre keessaa beekamuu jechuun heduu ajaa'ibeera. Beekamuurra darbaniiyyu karaa foddaa TVn argamuufi hordoftoota miliyoonaan argachuun isaanii namoota baayyee raajeera.
Kiilii fi Neemaan viidiyoon isaanii kun akka kanaa biyya Indiyaa keessatti miliyoonotaan jaallatamee, jaallattoota Bollywood hanga akkas raajeffatanitti ni gahama jedhanii hin yaadne ture.
"Jalqaba callisneedhuma itti gammaduudhaaf ture. Nuti akka kanaa addunyaa waliin gaha jennee gonkumaa hin yadne. Kanaaf, yeroon hanga daawwatame ilaaluu jalqabuufi deebiiwwan namoonni Indiyaarraa kennan ilaalu, waanan dubbadhun wallaale. Sammuu kiyyaan ol ta'e," jedhe Kiiliin.
It takes me just a couple of days to learn the lyrics and to practise the song. I find out what the lyrics mean in English so I can also add the right expressions"

Viidiyoo isaaniif ka'umsa kan argatan filmiiwwan Bollywood irraati. Fiilmii Bollywood Kiiliitu yeroo jalqabaaf barnootaaf gara magaalaa Dodomaa yeroo deeme kan daawwate.
Afaanicha beekuu baatanillee isaafi obboleettiinsaa Hindiidhaan sirbuu of barsiisan.
''Ijoollummaa koorraa qabee filmii Bollywood siniimaatti nan ilaalan ture, achii sirbas, filmiis nan jaaladhe. Waan tokko yoo jaalatte barachuun sii salphata jedha Kiiliin.
''Yeedaloo baradhee sirbuuf guyyoota muraasa qofa natti fudhate. Hiikkaa yaadaloo isaa Afaan Ingiliiziin barbaadeen akkaataa ittii jedhamu isa sirrii immoo ittan dabala,'' jedha.
''Sirbichi maal akka jedhu otoo hin hubatiin, akkasumaan natti tola.''
Kiliin viidiyoowwan kunneen ofiin hojjechuu jalqabus obboleettiisaa Niimaas akkumasaa Bollywood jaalattu ofitti dabalate.
"Obboleessii koo viidyoo akka waliin hojjennu yeroo na gaafatu, jalqaba nan dide, sababiinsaa immoo kaameeraa dura dhaabbachuu gatiin sodaadhuufi,'' jetti Niimaan.
''Boodarra garuu baruun jalqabe. Waan tahe hundi adda dha, guyyaan akkasii dhufa jennee yaadnee hin beeknu,''
Obbolaan duraan loon isaanii tiksaa guyyaa dabarsan, amma dhaabota TV fi raadiyoo Indiyaaf af-gaaffii kennuun ko'omaniiru.
Biyya isaanii Taanzaaniyaattis Tiktok irratti beekamuun xiyyeeffannoo argataniiru.
Akkaawuntiin TikTok Kiilii hordoftoota miiliyoona 1.8 qaba. Akkaawuntii kana waggaa tokko dura hiriyyoota irraa dhagaheeti banate.
Niimaanis yerusuma instaagiraamii kan banatte yoo tahu, amma hordoftoota 65,000 qabdi.
Obbolaan kuni xiyyeeffannoo addunyaa argatanillee hawaasni naannoo garuu waa'ee beekamtii argatan kanaa badaa waan beekan miti.
''Asii namoonni baayye bibila 'smartphone' jedhamu hin qaban. Miidiyaan hawaasaa maal akka tahes hin hubatan. Niimaan iyyuu ittumaan bashannanuuf malee dhiibbaa inni qabu badaa hin hubattu,'' jedha Kiliin.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram, 2

'Yeroo gaazexeessitoonni gara ganda keenyaa dhufan namuu waan addaa itti tahee ture.''
''Maatiin koollee dura loon tiksuu dhiisee maaliif akkaan sirbu isaaniif hin galu ture, amma garuu waan gaarii akka tahe hubataniiru,'' jedha.
'Abjuu dhugoome'
Kilii fi obboleettiinsaa hamma yoonaa kalaqa isaaniirraa qarshii hin arganne, tahus yeroo dhiyootti hojii isaanii TV irratti gara mul'achuutti geeddaruun hin hafu.
Miidiyaaleen Indiyaa Bollywood irraa affeerraa argachaa jiru jechuun gabaasaa jiru.
Kiliifi Niimaan indastirii bashannanaa keessa galuu hawwanillee, gama kanaan dhugooma jedhanii garuu yaadanii hin beekan. Kanaaf 'abjuu keenyatu dhugoome,' jedhu
To get the chance to travel to India would be amazing"

''Baadiyyaa irraa ijaa dhufneef, abjuun koo taatoo tahuu dhugooma jedhee yaadee hin beeku. Garaadhumatti qabadheen taa'a ture,'' jetti.
''Carraan gara Indiyaa deemuu yoo argame baayyee nutti tola.''
Addunyaan otoo isaan daawwataa jiruu, obbolaan kunneen hordoftoota isaaniif waan haaraa dhiyeessuu akka barbaadan himan.
''Namoonni viidiyoo keenyatti akka gammadan barbaadna, kan hojjechuu jalqabnes kanumaafi,'' jedha Kiliin
''Waanti gaarii qabannee dhufaa gatii jirruuf, hordoftootni keenya nu eeggadhaa.''



















