Nimco Happy: Dubartii Somaalee TikTok irratti addunyaa waliin geesse

Maqaan Nimco Happy jedhu yeroo ammaa guutu addunyaarratti namoota miliyoonaan lakkaa'amaniin beekameera; jaalalas horateera.
Haata'u malee maqaa kana ji'a tokko dura namoonni Afrikaa Bahaa ala jiran dhagahan muraasa qofatu turan. Dhugaan dubartii Somaalee kanaa calaqqisiiftuu jaarraa 21 isa sirriidha.
Dubartiin kun sirba afaan Somaaleetiin 'Isii Naaftaa' jedhu bara 2017 keessa baafteen baayyee beekamte.
'Isii Naaftaa' jechuun 'Ani lubbuu kiyyaan olittin si jaalladha' jechuudhan. Afaan Ingliffaan ammoo 'I Love You More Than My Life' jechuun addunyaan hiikkatee ittiin shubbisuutti jira yeroo ammaa.
Sirbi kun yeroo hedduu sagantaa cidhaarratti sirbama.
Bara 2017 sirbi bahe kun barana Onkoloolessa keessa deebiyee lamaffaa dhalate.
Namni Biriitish-Somaalee ta'eefi TikTok irratti dhiibbaa uumuun guddoo beekamu maqaan isaa Akaafii Alii jedhamu cidha tokkorratti osoo sirba 'Isii Naaftaa' waliin shubbisuu viidiyoo waraabee gadhiise.
Sirba kana keessaa qalbii hordoftoota isaa kan qabatetu jiraachuu hin oolle, viidiyoo inni sirba kana sirbaa gadhiise guyyaa tokko keessatti namoota miliyoona tokkoon daawwatame.
Isarraa kaasee yeroo ammaa ammoo namoonni gara garaa sirba Nimco kana waliin subbisaafi sirbaa gadhiisanii viidiyoo 100,000 ol ta'utu oonlaayin jira.
Raapparii beekamaa US Cardi B, Komeediyaanii dhalataa Afrikaa Kibbaa Trevor Noah , Atileet Olompiik Biriitish-Somaalii Moo Faaraah dabalatee namoota bebbeekamoo addunyaan hedduu jaallatameera.
Erga sirba Jerusalema jedhu artistii Afrikaa Kibbaa hedduu hin beekamneen kanaan dura gadhiifamee addunyaa waliin gahetii as kun dhiibbaa uumuun tokkoffaa ta'eera.
Sirbi Jerusalema jedhu artistii Master KG jehamuun hojjetame wagga tokko dura addunyaa dhuunfatee ture.
Sirbichi namoota hundumaaf gammachuu uumeera, keessatti ammoo Somaalota ilaalcha gaarii qabaniifi namoota bebbeekamuu qabaniin boonaniif gammachuu adaa uumeera.
Haadha sirba kanaa kan taate Nimco biratti ammoo sirbishee kun akkamiin ilaalama? Carraa akka haaraatti addunyaarratti akka gurra horattu taasisa kana ilaalchisee ammoo maal jetti?
Kanaan dura midiyaa waliin gaaffiifi deebii baayyee taasiftee kan hin beekne shmarreen kun, Moqaadishoo bakka jirturraa rippoortarri BBC Mohamud Abdisamed ishee dubbiseera.
Nimco namoonni sirbi ishee Youtue irratti hedduu daawwatamuun ajaa'ibsiifatanii isheef erguu akka jalqaban himti.
Yeroon namoota gara garaa irraa kana dhaga'u abbaa manaa kiyyattin hime kan jettu artistiin kun, ""Kun anaaf naasuu guddaa natti uume; abjuu ajaa'ibaa tokko keessan gale. Ani kana amanuuyyu hin dandeenye. Akkamitti akkas akka itti ta'e hin beeku," jechuun ballinaan dubbatte.
Hawwii guddaa qabaadhullee, sirba ani wagga afur dura baase akka kanaa jaalala gara-malee guddaa horatee ittiin beekama jedhee garuu yaadee hin beeku jetti.
Nimco Happy Moqaadishootti kan dhalatte yoo ta'u kan guddatte garuu Hargeessaafi magaalaa guddittii Keeniyaa, Naayiroobiittidha.
Maatii jaalala artii qabanirraa kan dhalatte Nimco, hedduun isaanii waloodha.
Muuziqaa bara 2015 irraa kaastee hojiishee yeroo guutuu kan taasifatte dubartiin kun, miseensa baandii Fan-dhis jedhamu Naayiroobiitti argamu keessa eessumashee Bushaawii jedhamu waliin hojjetti.
Sirbi 'Isii Nafta' kun jechawwan Ingliffaa, Siwaahiiliifi Arabaa of keessaa qabaachuun isaa akka jaallatamullee taasiseera.















