'Fiilmiin Faya Dayi' jedhu jiruufi jireenya Oromoo Harargeerratti hojjetame badhaasa Oscar'f kaadhimame

Jesikaa Bashir

Madda suuraa, Dia Dipasupil

Ibsa waa'ee suuraa, Jesikaa Bashir

Fiilmiin 'Faya Dayi' jiruufi jireenya Oromoo Harargee addunyaatti beeksise badhaasa guddicha Oskaarif kaadhimame

Filmiin kuni dhalattuu Itoophiyaa lammummaa Meksikoo qabdu Jasikaa Bashiriin hojjeame. Filmichi afaan sadi: Afaan Oromoo, Hararii fi Amaariffaan hojjatame, Ingiliffaan seeneeffame.

Faya Dayiin badhaasa Oskaar 94ffaa damee dokimantarii jedhu jalatti badhaasaaf kaadhimame. Kanneen damee kanaan kaadhimaman walumaagala filmiiwwan 15 dha.

Badhaasni Oskaar (Akkaadaamii Awwaard) wagga waggaan kan taasifamu yoo ta'u, dameewwan 10'n badhaasni ni kennama.

Kana dura BBC waliin turtii kan taasiste Jasikaan filmicha dalagde xumuruuf wagga 10 akka itti fudhate himte.

Qabiyyeen filmii Fayaa Dayi maali?

Filmichi weedduu Oromoon Harargee daboon walii yoo hojjatu sirban eegale.

Ittaansee sagalee hasaasaatiin, taatoo muummee kan ta'e dargaggoo Mahaammad Ariif oyiruu jimaa keessatti waahillan isaa waliin haasa'a, waa'ee gara biyya Arabaatti godaanuu.

Hiriyyaan Mohaammad gara biyya Awurooppaatti imala eegalee ture. Haadhasaa yaadnaan daandii eegalee Humaraadhaa deebi'ee Harariitti deebi'e.

Haati Mahaammad biyya Arabaa deemte jirti. Erga sagaleen ishee jalaa badee tureera. Mohaammadis haadhasaa baayyee yaadeera. Maal taate jechuun yeroo hunda waa'eeshee yaadda'a.

Kanaafuu galaana qaxxaamuruun haadhasaa bira dhaquu akka barbaadu hiriyyaa isaatti hima. Hiriyyaansaa garuu ''ati baayyee ijoolleedha'' maal siif godha yoo jedhuun dhagahama.

''Biyya yaaduu yoo eegaltu simbira, qilleensa qulqulluu fi umama yaadda. Kan imaltus yaadannoo waliin...'' Haasaa kunis seensa filmii Fayaa Dayi kanarraayi.

Qopheessituu fi daarektarri filmichaa eenyu?

Qopheessituu fi daareekitarri filmii Faayaa Dayi Jeesikaa Bashir jedhamti.

Jeesikaan kana dhalattee Meeksikoo Siitiitti yoo ta'u, hanga waggaa 16tti Hararitti guddatte. Maatiinshee ijoollee afur waliin jireenya ho'aa jiraataa turan.

Garuu jidduun bara Goolii Diimaa maatiinshee Itoophiyaadhaa yoo baqatan Jeesikaan kan waggaa 16 turte.

Erga waggaa 20f jireenya baqattummaa jiraatteen booda akkayyoo ishee umuuriin ganna 98 gaafachuuf Harariitti deebiite.

Yeroos kaameeraa xiqqoo qabattee ergaa akkayyoon ishee abbaasheef dabarsan ittiin waraabaa turte.

Akkayoon ishees abbaa Jeesikaatiif akkas jechuun ergaa dhaaman, ''Yaa Huseen maaliif hindhufne? Ani dulloomeera garuu qaamni kiyya gadi na dhiisuu dide. Si arguun barbaada. Kanaafuu koottu na boqachiisi.''

Egaan osoo ergaa kana waraabduu ture yaadni filmii 'Fayaa Dayi' kun kan Jeesikaaf dhufeef.

Akkayyoo ishee waliin irra deddeebiin erga wal agarteen booda hawaasa keessatti guddatteetti baayyee dhiyaachu fi walitti dhufeenya ummatte.

''Deebi'een walitti dhufeenya uummachuu eegale. Yeroo hunda miira gara biyyaa akkan deebii'u na yaachisuutu keessoo koo jira. Waan na yaachisu sanan waggaa 10f kaameeraa kiyyatti waraabaa ture. "

Jeesikaan osoo filmii waraabaa jirtuu

Madda suuraa, Raphael Segal

Jeesikaan barnoota filmii UCLA irraa eebbifamtee jirti. Ogeettiin qopheessituu, daarekitaraafi siiniimaatogiraafii taate Jeesikaan amma Niiw Yoork keessa jiraatti.

Kanaan duras fiilmiiwwan gaggabaaboo 'He Who Dances on Wood' fi 'Hairat' jedhaman hojjatteetti.

Filmiin 'Faya Dayi' sa'aatii lama dheeratu kunis kan argarsiifame bara darbe ture. Filmichis waltajjiiwwan idil-addunyaa maqaa guddaa qaban heedduu irratti dhiyaachuun dinqisiifameera, jaalatameeras.

Xinxaltootaafi hojjattoota filmii dabalatee hawaasa filmiif ijoo dubbii ta'eera.

Filmiin Fayaa Dayi kunis feestivaala beekamaa 'Vision Do Real' jedhamuun waggaa waggaan Siwiizarlaandi keessatti qophaa'u irratti badhaafameera. Feestivaaloota biraa irrattis akkasuma fudhatama argate.

Miidiyaalee addunyaa gurgoddoonni kan akka The Economist, New York Times, Variety fi kaan biroo illee waa'ee filmii kanaa gabaasaniiru. Fayaa Dayi, filmiiwwan waggaa keessatti ilaalamuu qaban keessa galeera.

Filmichi waa'ee araadaa, jireenya godaansaa, ijollummaa, amantaa, jaalala, uumama, hidhaa siyaasaa, dubartummaa, qabsoo bilisummaa, du'a, dargaggummaa, abdii kutannaa, qofummaa, abjuu, maatii, eenyummaafi kan biroolleen ni kaasa.

Kana malees waa'ee jireenya, ilaalcha, qabsoo fi injifannoo ummata Hararii bal'inaan kaasa.

Haalli walxaxaan filmichi ittiin ergaa dabarsuus boca dhabummaa jireenyaa mul'isa.

Taatoowwan filmichaa mataasaanii kanneen miira garaa garaa irratti mul'atu.

Taateewwan filmicha keessaa kan qalbii dowwataa hawwataniidha. Filmicha keessatti Afaan Oromoo Hararii fi Amaariffaatu dubbatama.

Jeesikaan BBC waliin turtii kan taasifte guyyaa filmiin Fayaa Dayi manneen siniimaa Ameerikaatti ilaalamuu eegaleedha.

Jeesikaan itti haasa'uuf kan namatti hin ulfaanneefi dubartii qalbi qabeettiidha.

''Filmii Fayaa Dayi' kanan hojjadhe ofii keenyaa warra magaalaafi gurraachaaf,'' jetti.

''Filmichi kan hojjatamee nuun numaaf. Dubbataas kan jiru numa waliin. Akka waliin dubbannuun barbaada. Kan hojjatame faranjootaaf osoo hintaane numaaf.''

Dubartii caatii qabattee jirtu

Madda suuraa, Janus Films

Jimaa - Eebbaa fi abaarsa jidduutti

Imaamni Suufii Azuharlaayinii jedhaman osoo bishaan jireenya barabaraa barbaacha deemanu Rabbii jimaa akka kenneef seenaa-afaaniin himama.

Harariitti jimaan bu'uura jireenyaati. Jireenyi hundi kan jimaa irratti hundaa'e. Ta'us, gama dhunfaafi hawaasummaatiin dhiibbaa qabaachunsaa kan hin haalamne.

Filmichis jimaan yoo maatii gargaaruus yoo maatii diiguus mul'isa. Jimaan jiraatu malee jireenyi hedduu akkuma miidhamu, sababii isaatinis jiruufi jireenyi namoota hedduu burjaaja'eera.

Filmicha keessatti abbaan Mahaammad mirqaanaa jimaan, guyyaa dhaban ammoo ofi jibbuun rakkatu. Ilmasaanii reebu.

Dubartiin abbaan warraashee jaalala jimaan qabamee ishee dagates gaddaan marfamteetti. Gama biraatiin ammoo waahillanni Mohaammad maatiisaanii gargaaruuf jimaa baachuufi raabsuu qabu.

Kallattiiwwan walxaxaa xin-sammuu, hawaasummaa, diinagdee fi aadaa jimaa filmichaan mul'ataniiru.

Wayita Jeesikaan ijoollee turte Harariitti buna, xaafii, bisingaa fi midhaan gosa biraatu biqila ture. Amma garuu biyya kan haguugee oyiruu jimaa magariisa.

''Nama Harariitti guddateef jimaa dhaabuun waan haaraa miti. Amma garuu guutuummaan kan biqilu jimaadha. Maaliif qonni jimaa baayyate? jedheen kanan gaafadhu qonnaan bulaadha,'' jetti.

Qonnaan bulaan ammoo, ''Qala'iinsi jireenyaa cimseera. Buna magarsuun jiraachu hindandeenyu,'' jechuun deebiisa.

Isaanis kan hordofan waan gabaan barbaaduufi kan isaan deeggaruudha. Dargaggoon ammoo ''hojiin hinjiru, kanaafu haa duunuree?'' jedha.

Bara Harariitti bunni dafee jaalalaan dhugamaa ture sanatti, 'dhaloota bakkan dhaqu waanan hinqabneef mee caatiin qama'a' jedhuutti ce'e sana agarsiifti Jeesikaan.

Sagalee hawaasa hundaa bakka tokkootti fiduu akka barbaaddu dubbatti.

Mucaa haroo daakaa jiru

Madda suuraa, Janus Films

'Cubbuun waan baayyateef Waaqni Haromaayaa gogse'

Filmicha keessatti jechi cubbuun waan baayyateef Waaqni Haroomaayaa gogse jedhu ni dhagahama.

Duri guyyaa dhalootaa fi cidhaaf Haroomaayaa deemama ture. Manni qurxummii ijoolleen Harari ta'an beekan ni deemama ture. Bidiruu, kiyyeessitoota qurxummii kanneen Jeesikaan yeroo ijoolluummaa isheetiin yaadattudha.

Waggoota 20 booda gara Harariitti yoo deebiitu, konkolaataadhaan maaloo Haroo biratti na buusi jetteen.

''Anis haricha ilaalee nagaa gaafachuun bira darbuu barbaadeen ture. Bishaanichi gogee loon yoo marga dheedan argeen naasuun goge. Haroon eessa dhaqee? jedheen gaafadhe. Kana arguun baayyee nama dhukkuba. Haroomaayaa, Addellee kaanis gogaa jiru.''

Dargaggoo filmicha keessatti qooda fudhatan

Madda suuraa, Janus Films

Dargaggoo fi mormii ummataa

Dargaggoonni guduruu tolfatan maasii keessatti walitti qabamuun akkas jechuun haasa'u.

''Kan duunu lafa keenyaaf, kan ari'atamnu lafa keenya irraayi. Kun hundi Oromoo waan taaneef. Qabsoon keenya haaraa miti. Akaakileefi abaabileen keenyas keessa darbaniiru. Barnoota adda kutuu, hidhamuu, reebamuu fi dararamuun gatii ummata keenyaaf kanfallu. Haarsaan keenyas sirriidha. Hingaabbiinu. Callaqqeen bilisummaa tun nuuf gahaa miti. Qabsoon keenya itti fufa...''

Waggoota 10n Jeesikaan filmiicha itti hojjatteetti haalli siyaasaa fi hawaasummaa Itoophiyaa haalaan geeddarameera.

Haqa-maleessummaa balaaleeffachuun mormiin ummataa keessattuu naannoo Oromiyaatti ka'ee gara boqonnaa hedduun ''bara jijjiramaafi ce'umsa'' jedhanitti ce'eera.

Amma ammoo, biyyattiin waraanaan raafamaa, rakkoolee hawasummaa fi dinagdee cimaa keessatti argamti.

Haalli kunis Jeesikaa irratti akka nama dhuunfaafi oggeettii filmiitti dhiibbaa irraan gahu dubbatti.

''Naannawa 2008 mormiin yoo ka'u qonnaa keessan ture. Ijoolleen qonnaan bulaa mormichatti makaman turan. Kaan isaanii ajjeefamaniiru, barnoota dhaabanii dhokachuuf maasii keessa kan dhufan baayyee turan.

Hedduun Yunivarsitii Haaromaayaa turan du'aniiru. Kan hin eebbifamiin hafanis akkasuma hedduudha. Dhiibbaa siyaasaafi kan barattoota irra gahee ilaalaa turre. Waan dhugaatti ta'aa jiru ilaalaa filmii waraabuu itti fufuun cimaa ture.''

Kana malees humnootiin nageenyaa filmichi akka hinwaraabamne dhaabsiisanii ture.

Namoonni fuuldura kaameeraatti dubbachuu sodaataa akka turan yaadatti. Gaazexessitoonni erga dargaggoota dubbisaniin booda yaadni isaanii miidiyaaleen jalliifamee yoo dhiyaatu kan argan turan.

Gatii waggoonni 20n sun seenaa Itoophiyaa keessatti qaban hubannoo keessa galchuun ''osoo seenaa namootaa gara kaameeraatti hinfidiin dura dhagahuufi hubachuun yaalaa ture,'' jetti.

Filmichi dheekkamsa dargaggoo mul'isa. Hiriyootasaanii dhabuunsaanii isaan miidheera. Biyyattiin ''ce'umsarra jirti'' jedhamulleen wareegama sana hunda booda sagaleensaanii akka dhagahameetti hinamanan. Garuu abdii hinkunne.

Jeesikaan maatiinishee biyyaa kan bahan waraana baqachuun ta'ulleen ammas deebiifte waraana argun ishee jeeqa.

''Waraana keessa jiraanneera, baayyees nu dhabsiiseera. Deebiinee waraana yoo agarru baayyee onnee namaa cabsa.''

Godaansa- adii fi gurraacha

Filmiin Fayaa Dayi kun adii fi gurraacha (black and white) dha. Haalluunsaa sodaa Mahaammad bakka bu'a jetti Jeesikaan.

Haatiisaa Saawudii kan deemte Mohaammad na irraanfatti jedhee sodaata. Xalayaa hedduu barreessuufilleen deebii hinarganne.

Mahaammad akkuma haadhasaa godaanu barbaada. Ijoollee Harari hedduus akka biyyaa bahan godheera.

''Anillee haadha waanan ta'eef ijoollee umurii kanaan biyyaa yoo bahuuf murteessan arguun nama dhukkuba. Rakkina ijoollee akka Mahaammad jiran keessa darbaniin agarsiisuu barbaade,'' jetti Jeesikaan.

Kanneen karaa seeraan alaatiin namoota daddabarsan ammoo 'bilisaan Saawudii isin geessina' jechuun ijoollee mooksanii qaamasaanii hatu. Jarreen kunneen poolisiin to'atamanis maallaqa kennuun deebiisanii gadhiifamu.

Dhiibbaa baqattumaan namarraan qaqqabsiisu Jeesikaan mataanshee agarte jirti. Isheen gara Itoophiyaatti deebiitulleen abbaanishee baqattummaan baayyee jiraatan.

Kanaafuu dhiibbaan baqattummaan maatii irratti qabaatu olaanaa ta'uu dubbatti.

Maatiinshee Harari jaallattu keessaa baqatanii kan bahan murtee sa'aatii 24tiin ta'uu yaadatti.

Fiilmiiwwan 'Raashiyaa Gibbii'

Abbaan Jeesikaa osoo Meeksikootti hakimii baqaqsanii wallaanuutiin tajaajilaa jiranu waraanni Itiyoo-Somaalee eegale.

Imbaasii Itoophiyaatii bilbilamuun, 'namoonni biyya alaa jirtan hundi koottaa. Weeraramnee jirra!'' jedhame. Osoo bulanii hinooliin Itoophiyaatti deebi'an. Yeroo sana Jeesikaan mucaa waggaa lamaa turte.

Abbaanshees loltoota miidhaman wallaanaa Itoophiyaa keessaa turan.

Wayita mana barnootaa Kaatolikii Harariitti barattu kan yaadattu, tokkummaa Oromoo, Adaree, Somaalee fi Amaaraa turedha.

''Ijoollummaa gammachisaa ture. Waraana keessatti guddachuun cimaadha. Garuu ammoo waraana keessatti daa'ima ta'uun ni danda'ama. Gammadaatan hiriyyoota kiyya yaadadha,'' jetti.

Yeroo waraanaa sana eddoowwan 'Raashiyaa Gibbii' fi 'Kubaa Gibbii' jedhamanitu ture. Loltoota jajjabeessuuf galgala galgala filmiin dirree irratti saaqama ture.

Isaaniis ijoollee mandaraa waliin deemanii muka jala taa'uun filmii waraana Raashiyaa fi Jarmanii ilaalaa akka turan yaadatti.

Ijoollee filmicha keessatti qooda fudhatan

Madda suuraa, Janus Films

Xalayaa jaalalaa ijoollee Harariif barraa'e

Fayaa Dayi kan hojjatamee ijoollee fi dargaggoo Harari waliin ta'uu himti. Meeshaa filmichi ittiin waraabamu baachuun ganamaa hanga galgalaa waliin naannawu ture. Ijoollee walbareen keessaa tokko Mahaammad jetti.

Filmichis xalayaa jaalalaa ijoollee Harariif barraa'ee jechuun ni danda'ama.

''Filmichaan jechuun kan barbaade, dargaggoota isin argeera. Isinan jaaladha. Isin goota. Miira keessan nan hubadha. Umama dinqiidha isin. Haala rakkisaa keessa darbaa jiraachuun keessan gaddisiisaadha. Garuu jabaadhaa, jabaadhuu obbooleessa kiyya! Jabaadhu ilma koo!'' jechuu barbaadeen jetti.

''Imaamoonni vaayibariin bilbiluun filmichi eebbifameeraa? naan jedhu''

Filmichi Ameerikaafi feestivaaloota garaa garaa irratti agarsiifamaa jiraatulleen ganaa Itoophiyaatti dowwattootaaf hin dhiyaanne.

Haala qabatamaa biyya keessa jiruutiin filmicha biyya keessatti agarsiisuun cimaa ta'ulleen, hawwiin Jeesikaa filmicha duraan dursitee mana siniimaa Harar keessatti agarsiisuu akka ta'e dubbatti.

Manni siniimaa kun filmii ishee irrattis mul'ateera. Wayita isheen daa'ima turte filmiiwwan booliiwuud keessatti ilaalamu ture.

Wayita filmicha waraabdeettis Harariitti kan wal hinbariin hinjiru. Daa'imaa hanga beekaatti, Imaamiidhaa hanga daldalaatti walbartee jirti.

Kanaafu namoonni sun Harari irraa vaayibariidhaan bilbilanii Niiw Yoorkitti nagaa gaafatu.

''Filmichi eebbifameera? Baqqaa du'aayi goona abshiri!

''Dhagahaa feestivaala deema jettee jirti.''

Imaamoonni kunneen tasgabbii fi dambomummaa na barsiisaniiru jetti.

''Achi Niiw Yoorkiitti yeroo hinqabu, nan deema kan jettu dhiisi. Tasgabbaa'i, kan ammaa irratti xiyyeeffadhu naan jedhu. Dhugaasaaniti,'' jetti.

Tasgabbiin Imaamootaa isheetti darbuun filmicha irrattilleen calaqqiseera. Tasgabbiin filmichi ittiin dhiyaatu mataansaa kanneen dowwatanittis ni darba.

"Mahaammad furtuu kiyya''

Wanta filmicha keessaa argattee hunda irra Mohaammad furtuu kiyya jette. Wayita gara waggaa 12 jiru ture kan wal baran. Filmichis jireenyasaa mul'isa.

Ganama waraabbii filmichaatiif dursee kan argamuufi galgala hunda booda kan galu isa ture.

Harariitti deddeebiitee filmicha yoo waraabdu mucaashee Niiw Yoorkiitti dhiifte ture. Mohaammad ammoo haatiisaa Saawudii deemte jirti.

''Akkan haadhasaa ta'eetti natti dhagahama ture. Innis ana keessaa haadha barbaada ture. Namoonni hojii filmichaattin wal bare hunduu waan na barsiisan qabu. Barnooticha nan kabaja. Isa keessaan ammoo akkayyoo fi akaakiilee nan kabaja.''

Fayaa Dayi...

Fayaa Dayi jechuun 'fayyaa dhaa' jechuudha. 'Waan gaariin isiniif haa bahu akka jechuuti.

Jeesikaan yeroo jalqabaatiif jecha kana kan dhageesse oyiruu keessa teesseeti.

Qonnaan bulaan hojjii cimaa wayita hojjatuutti, isaan keessaa tokkoo weedduu yoo buusuuf 'Fayaa Dayi'' jechuun jalaa qabu.

''Fayaa Dayi yoo jedhan yoo dhagahu miirri kiyya xuqame. Afaan Oromoo hin danda'un ture. Afaanicha beekuu baadhus jechiichi adda akka ta'e natti dhagahame. Ayizoon, jabaadhu! jechuu ta'u yoo natti himan nan boo'e.''

Jeesikaan filmii waggoota 10f kan waraabdee maallaqa mataasheetiin. Hojjattoonni filmii ishee garagaaran Ameerikaas ta'e Itoophiyaarra hinturre.

''Waggaa 10f tasgabbooftee hojjachuuf kan sitti amanu jiraachuu baatus ofitti amanuu qabda. Jireenya kiyyaan waan hunda dhiisee filmicha irratti xiyyeeffachun qaba ture.

Yeroo hunda nama cimaa ta'uun hin danda'amu. Dadhabuufi kufuun ni jiraata. Yoon kufuu daandiin ittiin ka'u tokko Fayaa Dayi dhagahuun ture.''

Kanaafu jechi 'Fayaa Dayi' jedhuu qonnaan bultootaaf qofaa osoo hintaane, Jeesikaafis humna kenneefiira. Kanaaf filmii waraabbiinsaa waggaa 10 fudhate kanaaf mata dure godhatte.

Fiilmichas akkasiin ibsiti: ''Jireenya kiyya keessatti wanti baayyee bareeda ta'e filmii kana. Biyyan jaaladhuufi lafan baqadhee keessaa baheetti deebiseen kanan hidhame 'Fayaa Dayi'dhaan...''