'Egereen siniimaa, Afrikaadha jedheen yaada' - Kadaar Ahimad

Madda suuraa, Bufo
Fiilmiin badhaasa injifateeru “The Gravediggers’s Wife” jedhamu, kan gulaalaa muuxannoo qabuun gulaalame fakkata, ta’us garuu kun hojii fiilmii Kadaar Ahimad isa jalqabaadha.
Bareedinni, yeroofi tasgabbiin fiilmicha keessatti mul’atu hanqina muuxannoo gulaalaa umuriin isaa ganna 40 kanaa haguuguun dandeettii isaa agarsiisa.
Kadaar maatii isaa waliin waraana waliinii Somaaliyaa baqachuun, umurii ganna 16’ti Finlaand seene- garuu mana barumsaa fiilmii seenuu hin dandeenye.
“Yeroo meeqa mana barnoota fiilmii seenuu yaalee akkan hin milkaa’in hafe Waaqayyootu beeka,” jechuun BBCtti himeera.
Ta’us fiilmii Afaan Somaaliin hojjatee – aadaa madda isaa agarsiisuun galma isaa ture.
Ji’a darbe Feestivaala Fiilmii Afrikaa Fespaakoo irratti tokkoffaa ta'uun badhaasa injifachuun isaa Kadaariif, do’iiwwan afaan haadha isaatis qopheessuun daangaa ce’uu akka danda’u mirkaneesseef.
Faallaa Booliwuud (Bollywood)
Fiilmiin The Gravedigger's Wife kun seenaa jalalaa, baacoo kan of keessaa qabuufi namni tokko nama jaallatu tokko olchuuf hagam akka deemu kan agarsiisudha.
Fiilmiin seenaa salphaa, bakkeewwan babal’aa keessatti waraabame kun, seenaa Kadaar dhaga’aa guddate waliin tokko miti. Fiilmii Booliwoodii musiqaafi sirba, akkasumas seenaa gamachuun dhumu yaadata.
“Fiilmii kanaaf waan wabii naaf ta’u hin qabu, fiilmii kanaa waliin fiilmiin wal bira qabee madaaluu hin qabun ture,” jedha Kadaar.

Madda suuraa, Bufo
“Kanaaf, galma ittiin ilaalu ofiikoo uummachuun narra jira ture.”
Darbeeyyu, fiilmii Somaalii oggeesaan hojjatame siniimaa keessatti argee akka hin beekne hima.
Adoolessa keessa yemmuu fiilmiin The Gravedigger's Wife, Feestivaala Fiilmii Kannes irratti agarsiifamaa turetti, harmeen isaa boo’aa turte.
“Baayyee gammadde,” jedha. “Dhalootni carraa ofii isaanii iskiriinii irratti of arguu qabaatan hedduu miti. Isa uumuun barbaade.”
“Miira Sabboonummaa”
Fiilmiin The Gravedigger's Wife, biyya ollaa Somaliyaa taate Jibuutii keessatti waraabame, garuu nannicha keessatti hin agarsiifamne.
Lammileen Somaliifi namootni hidda Somalii qaban hedduun Fulbaana keessa Feestivaala Fiilmii Idil-addunyaa Toroontoo irratti fiilmicha ilaaluu danda’aniiru.
“Hundi isaanii sabbboonummaatu itti dhaga’ame. Fiilmicha ilaalanii boodarra dhufanii na haasofsiisuu isaaniin baayyeen gammade,” jedha Kadaar.
Gulaalaan kun hojii inni fiilmii kana uumuuf hojjate, namoota kaaniifis kaka’umsa ni kenna jedha abdata.

Madda suuraa, Bufo
Mana barumsaa fiilmiitti hin baranne, leenjii fiilmii gulaaluu sirrii hin arganne, akkasumas fiilmii nama biraa irrattillee hojjatee hin beeku.
Imalli isaa kun wagga 10 dura yeroo seenaa fiilmichaa jalqaba barresse eegale. Ofiisaa Afaan Somaaliin hogganuuf muratee waan ka’eef, oggummaa isaa fiilmoota jaallatu irraa hanga barutti tursiise.
Erga fiilmoota Booliiwuud daawwatee booda, fiilmoota Kooriyaa Kibbaafi Iraan dabalatee fiilmootaa addunyaa ilaaluu eegale.
Ta’us garuu fiilmiin isa jajjabeessan harka caalaatti fiilmii Afrikaa keessatti hojjataman ta'uu hima. Keessumaa fiilmoota lammi Moorishees, kan hoogganaa badhaasa Fespakoo ta’e Abderraahmane Sissakoo baayyee dinqisiifata.
Fiilmoota kana erga qoratee akkataa hojii isaanii hubatee booda, utuu fiilmii The Gravedigger's Wife hin qopheessiin dura, fiilmii gabaabaa lama qobeesse, afaan Finishiinis fiilmii tokko barreessee ture.
Amma utuu mana barumsaa fiilmii seeneera ta’e muxannoon sun karaa gaariimoo hamaa na geeddara ture laata jedhee yaada.
"Dargaggoota fiilmii qopheessan Afrikaa, warra fiilmii carraa addaa osoo hin argatiin hojjatan, ofii isaanii kaameeraa qabatanii waan barbadan akka hojjataniif jajjabeessuun barbaada. Seenaa ofii isaanii akka barreessan, jireenyaa ofii isaani akka waraabaniifi ofii isaaniin akka hojjataniifan jajjabeessa, sababiin isaa nama hundatu carra qabeessa ta’a miti."

Madda suuraa, Bufo Fims
Ofii isaa Afrikaa keessatti fiilmii hojjachuu itti fufuu barbaada: “Ardii kanarraan madde, eegereen sinimaas Afrikaadha jedheen yaada. Seenaan hedduu biyyootii lixaa keessatti hojjatamuu hin dandeenye jiru.”
“Fiilmichi badhaasa isa guddaadha”
Seenaan inni fiilmicha keessatti hime do’ii gaarii akka uuman hima.
Ta’us garuu fiilmoota gosa adda addaa yaaluu barbaada.
“Fiilmii baacoo, saayinsii-fi, fiilmiilwwan sodaachisoo (horror) fi biroo hojjachuun barbaada,” jedha.
Badhaasi Fespakoo argates akka isa kakkasuufi gara fuula duraatti maal akka hojjetu kallattii akka isa qabsiisu dubbata ogeessi fillmii kun.














