Fiilmiin Iraan waa'ee adabbii du'aa mul'isu badhaafame

Madda suuraa, Getty Images
Feestivaala Fiilmii Idil Addunyaa Barliin irratti fiilmiin Iraan waa'ee adabbii du'aa mul'isu badhaasa guddaa argate.
Mohaammad Raazuulof 2017'tti fiilmii akka hin hojjanneef dhorkamee kan ture yoo ta'u, fiilmiisaa ja'affaa 'There Is No Evil' kana dhoksaadhaan hojjate.
Fiilmiiwwan kana dura hojjateen himatamuun Iraan keessaa akka hin baaneef adabameera.
Mucaan isaa fiilmii kanarratti taatummaan hirmaatte Baaraan, badhaasa kana bakka isaa bu'uun fudhattee jirti.
Pirezidaantii Murteessitootaa kan ta'an Jeereemii Ayiransi, fiilmichi seenaa afur waa'ee adabbii du'aa kan himu yoo ta'u, ''bulchiinsi abbaa irree namoota irratti salphina fidu agarsiisa'' jedhaniiru.
Badhaasni lammaffaan fiilmii Ameerikaa, Eliizaa Hiitmaaniin hojjatame waa'ee ulfa baasuu irratti xiyyeeffatuuf kenname.

Madda suuraa, Reuters
Haasaa viidiyoo bilbilaan taasiseen, ''fiilmichi waa'ee itti gaafatamummaa fudhachuuti'' jedhee jira.
"Tokkoo tokkoon kutaa fillmii kanaas jiruu mataa kiyya," kam jedhu Mohaammad, kutaan fiilmichaa keessaa tokko mana hidhaa yeroo turetti nama isa hiraarsaa ture tokko yeroo mana baankiitii bahutti argee miira itti dhaga'ame kan ittiin ibsedha.
''Waa'ee namoota itti gaafatamummaa fudhachuu sodaatanii qaama olaanaarraa dhufe jedhan dubbachuu barbaadeen hojjadhes'' jedheera.













