The Gravedigger's Wife: Seenaa jaalalaa Somaaliyaa badhaasa fiilmii Afriikaa isa ol-aanaa mo'ate

Madda suuraa, Bufo Fims
Fiilmiin Somaalii kan waa'ee namoonni jaalalaaf jecha raawwatan himu badhaasa kabajamaa ta'e feestivaala Paan-Afriikaa Burkinaa Fassootti qophaa'eerratti badhaafame.
Fiilmiin mata-dureen isaa ''The Gravedigger's Wife'' jedhu kun barreeffamuun hojjatamee lammii Finish- Somaalii kan ta'e Khaadaar Ahimadiin yoo ta'u, fiilmiiwwan gara biraa 16 mo'achuun badhaasicha injifate.
Fiilmiin kun kan xiyyeefatu Guleed kan hojiinsaa namoota du'an awwaaluuf hosipitaalaan ala taa'uun eeggatu, waan inni haadha warraasaa dhukkubsattu fayyisuuf raawwate irratti.
Hogganaan gumii badhaasichaatiis fiilmii gootaati jechuun leellisuusaa Rooyitars gabaaseera.
''Fiilmii bareedduu seenaa namaa kan hiimudha,'' jedhan Daarektarri Filmii Maaritaaniyaa Abderahmaan Sisiaakoo.
"Ani kabaja sodaa keessan jira. Dubbachuuf jecha hin qabu. Jaalala akkassii ardii keenya irraa kabajaafi ulfinan qabu ibsachuuf jechi naaf ibsuu hin danda'u,'' jechuun toora instaagiram isaarratti barreesse Ahimad.
Filmiin kun Somaaliyaaf jalqabaa ramaddii fiilmiiwwan gaarii Idil-adduunyaa kan seeneedha.
Teessoo isaa Jabutii godhachuudhaan rakkoolee Guleed wallaansa haadha warraa isaatiif maallaqa walitti qabachuuf mudatan balliinaan ibsa. Taatoon kun Omaar Abdiitiin kan taphatamedha.
Guleed maallaqa argatee haati warraa isaa akka lubbuun haftuuf, hanga namoonni kaan du'aniitti eeggachuu qaba, sababii hojiinsaa namoota du'an awwaaluu ta'eef.
''Seenaa karaa kabaja, gaddaafi jaalalaatiin ibsuu barbaade. Kunneen hundinu waanan ani keessatti guddadhedha,'' jechuun ture Ahmad gaazexaa the Guardian jedhamuutti kan himan.
Innis Somaaliyaa keessatti dhalate garuu wayita ijoollee turetti gara Fiinlaand eeme.
Fiilmiinsaa hojjachuuf waggaa 10 isa fudhate. Ahmad kan barreessee waggoota 10 ardura ture garuu ofumasaatiin hoggannuu barbaade. Kanaaf, akkamiin daarektara ta'uu akka danda'amu bate.
Ahmad badhaasa kabajamaa 'the Golden Stallion of Yennenga'' jedham umo'achuun alattis, kennaa callaanis doolaara 36,000 argateera.
Badhaasni Meetiin ammoo daareektara lammii Haatii kan taatee Gessikaa Geene'us fiilmiishee 'Freda jedhuuf ture kan kenname. Sadarkaa sadaffaan ykn Naasa ammoo Daareektara lammii Tuniziyaa Leeylaa Bouzid fiilmii ''Tale of Love and Desire'' jedhuuf badhaafamaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa YouTube













