TikTok akkamiin abjuu sooromuu dargaggoota Arabaa dhugoomsaa jira?

nama appii Tiktok banee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Mohaammad Gadoor guyyaatti sa'aatii afur mobaayilii isaarratti viidiyoo TikTok haaraa hojjechaa dabarsa. Kanaanis bu'aa gaarii argachaa jira, yoo xiqqaate ji'atti doolaara 1000 hanga 3000 argata.

Maddi galii isaa TikTok qofaa ta'uu baatullee, isa ijooti. Namootni inni beeku hedduun hanga doolaara 10,000 aappii ittiin viidiyoo waliif qoodan kanarraa akka argatan hima.

Mohaammad akka jedhutti inniifi waahillan isaa hedduun TikTok irraa maallaqa kan argatan karaa fandii aappichi namoota viidiyoo hojjetaniif qopheesseeni.

TikTok dhaabbilee michuu omishaalee isaanii beeksifachuu barbaadan waliin ta'uun fayyadamtoota viidiyoowwan beeksisaa hojjetaniif maallaqa kaffala.

Viidiyoowwan beeksisaa dhaabbilee teekinooloojii yoo hojjete dhibbeentaa 60 gatii omisha beeksise sanaa akka argatu hima.

Daawwattoonni Mohaammad hedduun kan dhufan garuu viidiyoowwan barnootaa 'digital marketing' irratti kennu irraati. Hordoftoonni isaa miliyoona walakkaa ta'an waan tokko barbaacha gara isaa dhufu: akkamiin dafanii sooromuu akka danda'a.

Mohaammad Gadoor hordoftoota miliyoona walakkaa qaba

Madda suuraa, Mohaammad Gadoor

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Gadoor hordoftoota miliyoona walakkaa qaba

Akka gabaasa UNttibiyyoota Arabaa keessa lakkoofsi namoota hojii hin qabnee bara 2021 miliyoona 14.3 ture. Kana keessaa irra hedduun dargaggeeyyiidha.

Bilbiloonni moobaayilii kaameeraa ammayyaa fi aappiiwwan akka TikTok viidiyoo tolchuu fi waliif qooduu salphisan waliin dhufuun dargaggoota kanneniif madda beekamtii fi sooromaa ta'aafii jira.

Waggoota darban marsaalee hawaasaa irratti viidiyoowwan qabiyyee gara garaa hojjechuu (content creator) fi dhiibbaa uumtota (influencers) ta'uun gita hojii baramaa ta'aa jira.

Fayyadamtoota muraasa itti milkaa'aniif madda qabeenyaas ta'aa jira.

"Yoo feete TikTok irraa ji'atti hanga doolaara 10,000 argachuu dandeessa, wanti murteessaan baay'ina hordoftootaafi qabiyyee ati hojjettudha," jedha tiktookariin beekamaan Ismaa'el Elaabraas.

Maqaa jecha Afaan Arabaa "Elkhal" jedhu kan hiikni isaa "wasiila/abbeera san" jedhuun TikTok irratti kan beekamu Ismaa'el, hordoftoota miliyoona tokko qaba.

Lammiin Lebaanoon ganna 50 kun akkuma Mohaammad TikTok irraa maallaqa kan argatu ta'us, tooftaalee biroos ni fayyadama. Namoota hojii barbaadaniif akkasumas dhimmoota akka godaansaa fi carraa barnootaa irratti viidiyoo hojjeta.

Galiin isaa dabalataa namoota erga viidiyoowwan isaa ilaalanii booda dhimmoota kanarratti qaamaan gorsa fedhanirraa dhufa.

Namoonni ogummaa isaanii yoo gurguran galii mindaa isaanii dachaan caalu argachuu akka danda'an hima Ismaa'el.

Kun garuu nama hundaaf waan hojjetu hin fakkaatu.

Rakkoo irra bu’uu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Imalli Tik-Tok biyyoota Arabaa keessatti kanneen dhiibbaa uumaniif beekamtiifi horii argamsiisuurra yeroon hidhaaf isaan saaxilutu jira.

Masrii keessatti dubartoonni TikTok lama Haniin Hosaamiifi Mawaadaa al-Adhaam "daddabarsa namootaan" himatamanii tokkoon tokkoo isaanii hidhaa waggaa sadiifi jahaan adabamaniiru. Isaan garuu himannaa irrattii dhiyaate ni wakkaatu.

Falmitoonni mirgootao namoomaa tarkaanfii mootummaan Masrii dhiibbaa uumtoota dubartootaa, mirga icciitii, of-ibsuu fi qollifamuu dhabuu sarbuun irratti fudhachaa jirudha jedhu.

Tahus galiin baay'ee guddaa tahe maddisaa kan mirkaneeffamu miti.

Shimaan shamarree ganna 19 yoo taatu viidiyoon kallattii TikTok irratti hojjettu qarshii hangas guddaa jedhamu akka hin argamsiisneef himti.

Tahus qarshii kana akkamiin akka argattus immoo hin himtu, TikTok irra YouTube’n galii akka argamsiisuufi himti.

TikTok kan fayyadamtu hordoftoota ishee gara miidiyaalee hawaasaa biroo fayyadamtutti hawwachuuf jechadha.

Miidiyaaleen hawaasaa hundi qarshii argamsiisuuf hordofaa baay'ee argachuun murteessaa dha, kan TikTok garuu akkas miti, galii argachuuf hordoftoota miiliyoonaan lakkaa’aman qabaachuun hin barbaachisu.

Fayyadamtoonni TikTok hordoftoota 50,000 hanga 150,000 qaban ‘dhiibba-uumtoota xixiqqoo’ jedhamu, TikTok irraa kallattiin qarshii argachuufis viidiyoon isaanii guyyoota 30 darban keessatti hordoftoota 100,000 ilaalamuu qaba.

TikTok fayyadamaa akkaawuntii tokko hordofu qofa osoo hin taane fayyadamtoota hundatti qabiyyee agarsiisuun fayyadamaan daawwataa baay'ee akka argatu godha.

Fayyadamttoonni dargaggoota tahuu…

Akka Ismaa’elii fi Mohaammad jedhanitti dargaggoota gidduu waan hojjechuu yaadan tokkoof deeggarsa gaafachuu mannaa haala qarshii ofiin argachuutu baratamaa dhufe.

Dhihoo kana weellistuun dhalattuu Siiriyaa Fiyaa Yuunan sirba ishee waraabdee baasuuf jecha fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa irraa arjoomaan doolaara 25,000 argatteetti.

Haa tahu malee, Landan Yunivarsiitii SOAS’ttii dhimma diinagdee dijitaalaa irratti qorannoo kan geggeessu, Raamii Asaaf lakkoofsi namoota TikTok irraa qarshii argatu jedhaman dhugaa jirurra ol-ka’aa dha, hammi qarshii argatu jedhamus yeroo hunda sirrii miti jedha.

“Dhibbeentaan tokko bu’aa guddaa argatu, fayyadamtoonni harki 99 garuu hordoftoota baayyee gatii hin qabneef maallaqa guddaa hin argatan. Dhaabonnis beeksisaaf isaaniin hin fayyadaman, arjoomas hin kennaniif. Fayyadamtoota baayyee beekamoo tahan qofatu qarshii argata,” jedha.

Shimaan hordoftoota miiliyoona 1.2 qabaattus, galiin appii TikTok irraa argattu garuu guddaa akka hin taane himti.

Biyya Arabaa keessatti fayyadamtoonni TikTok hangam akka jiran odeeffannoon addatti himu hin jiru.

Garuu dubbii himaan kaampaanii Baha Gidduugaleessaa tokkoo fayyadamtoonni biiliyoona lamaa ol appicha buufataniiru jedha.

Abbootiin qabeenyaa TikTok ByteDance fayyadamtoonni TikTok harki 41 umrii 16-24 keessa kan jirani dha jedhu. Biyyoota Arabaa keessa immoo uummanni umriinsaa 16-24 jiru dhibbeentaa 30 taha.

Akka marsariitiin Statista jedhutti Guraandhala keessa appiin TikTok baasii fayyadamtootaaf keennamurraa doolaara miiliyoona 50 buufateera.