Lammiin Senegaal Kaabii Laamee mootii TiikTook addunyaa ta'e

Kaabee Laamee

Madda suuraa, KHABY.LAME/TIKTOK

Wayita ammaatti Tiik Took irratti baayyina hordoftootatin dursaa kan jiru lammii Seneegal kan ta'e Kaabee Laamedha.

Dargaggeessi ganna 22 kun jecha osoo hin dubbatin mallattoo qofaa agarsiisee yaada isaa ibsachuun Tiik Taakaroota Ameerikaa caaluun sadarkaa duraa irratti aragama.

Kanaan duras sadarkaa tokkoffaa qabatee kan ture Chaarlii Di Amiliyoo ture. Yeroo ammaa kana Laamen hordoftoota miliyeena 142.8 yoo qabaatu Di Amiliyoon ammoo hordoftoota miliyeena 142.3 qaba.

Bara 2020 ji'a Sadaasaa keessa Di Amiliyoon hordoftoota miliyeena 100 qabaachun dursaa ta'ee ture.

Laameen gara Tiik Took kan dhufe biyyi inni jiraatu Xaliyaanin weerara koronaa vaayirasiitin yeroo lammiilen ishee dhumaa turanitti.

Yeroo sana kaabeen hojii irra ari'amee manatti gale. Bilbila isaa fuudhee waanuma namoonni itti dhiphatan tokko fuudhee bifa salphaadhan akkamitti furuun akka danda'amu sgaalee osoo hin baasin mallattoo qofaan agarsiisuu jalqabe.

Har'a maqaan Tiik Took gaafa ka'u namni maqaa isaa dhahee kan hin quufne, waanti inni hojjate miliyeenan kan ilaalamuu fi sagantaa gurguddaa irratti affeeramuu Laameen dargeessa dureessa kiisha furdaa ta'eera.

Dargaggeessi Tiik Took dhaan duroome akka warra kaanii osoo shubbisuu hin mul'atu. Inumaayyuu qaamni isaa waan eeyyamamuuf hin fakkaatu.

Yeedaloo barrreessee agarsiisee qalbii namaa hawwachuuf hin dhama'u. Sirba ykn hojii nama biraa fakkeessee hojjachuuf hin dhama'u. Callisumaan waan namni hojjatu qeeqa.

Amma Tiik Tookaroota addunyaa irra jiran hunda dursaa jira.

Viidiyoowwan inni Tiik Tookii irratti maxxansu gabaaba fi baay'ee salphaadha. Qeeqni inni hojii namaa irratti dhiyeessu jechaan osoo hin taane gochaani.

Namoota waan wal-xaxaa karaa salphaa ta'een hojjatan deebisee argisiisa. Achiin booda harka isaa diriirsee mataa isaa sochoosee xumura. Kanuma kan inni argisiisu.

Kaabii Laamee

Madda suuraa, PA Media

Tiik Tookariin addunyaarratti maqaa horate eenyudha? Maaliin beekamaa ta'e?

Kaaben Seneegalitti dhalate, amma Xaaliyaan jiraata.

Kaaben bara 2020 tti gara Tiik Took dhufe. Sababni inni Tiik Took jalqabe ammoo yeroo koronaa vaayirasiin hammaatu sana warshaa keessa hojjatu keessaa hari'ame.

Gara mana maatii isaatti deebi'e. Hojii biraa barbaada jedhame osoo eegamuu guyyaa guyyaan viidiyoowwan maxxansuu eegale.

Viidiyoon inni maxxansu namoonni sababa qabatama malee waan tokko wal xaxaa akka godhan kan agarsiisudha.

Akka inni jedhutti, namoonni addunyaa mara irraa viidiyoo isaa jaalatanis fuulasaa baayyee nama kofalchiisu akka isaan koflchisu himu.

Gama biraatiin ammoo yaada isaa hubachuudhaaf dirqama afaan beekuun ykn dubbachuun akka hin barbaachifne hima.

Kaabiin kubbaa miilaa kan jaalatu yoo ta'u, viidiyoowwan irratti tiishartii kilaboota uffachuun mul'ata.

Deegaraa garee Deevantas kan ta'e Kaabiin, gareewwan Edii Marfii fi Wiil Ismiizi kanneen inni dinqisiifatu keessaayi.