Baqattoonni Afrikaa Israa'elii Ruwaandaatti ergaman akkamiin Awurooppaa galan?

Baqataa lammii Eertiraa

Madda suuraa, BBC/DEERICK EVANS

Mootummaan UK dhiyeenya kana baqattoota hedduu gara Ruwaandaa erguuf qophiirra jiraachuu ibsiteetti.

Gama kaaniin ragaan BBC'n argate baqattoonni kanaan dura gara Ruwaandaatti ergaman deebi'anii biyyoota Awurooppaa galaa akka jiran kan mul'isuudha.

Keessattuu Israa'el irraa kanneen gara Ruwaandaa ergamanii turan wayita ammaa Awurooppaa keessa jiraataa jiru.

Kun akkamiin akka ta'e seenaa lammiilee Eertiraa sadii armaan akka armaan gadiitti qixeessinerraa hubattu.

Lammiin Eertiraa umrii waggaa 36 Bahabaloom Mangashaa biyya tokkorraa buqqifamanii gara Ruwaandaa geeffamuun maal akka of keessaa qabu bareechee beeka.

Garuu jiruun baqaa biyya Ruwaandaa akkanni sodaate hin taane, yeroo dheeraas hin turre.

Namni kun bara 2007 waraana Eertiraa baqatee ba'e, jalqaba gara Israa'el baqatee koolugaltummaa gaafate.

Waggaa torba booda eeyyama jireenyaa Israa'el keessatti argatee ture mulqame.

Filannoo lamatu dhiyaateef: Gara biyyasaa Eertiraa deebi'uu yookiin ammoo gatii geejjiba xiyaaraa doolaara 3,500 fudhatee gara Ruwaandaa imaluu.

''Lamaanuu filannoo badaa turan,'' jechuun miira yeroo sana itti dhagahame BBCtti hime.

Bahabloom amma Siwiizarlaand jira, erga achi jiraachuu eegalee waggaa torba ta'eera.

''Namni kamuu filatee eeyyamasaatiin mana hidhaa hin galu,'' jechuun filannoo yeroo Israa'el ture isaaf dhiyaate balaaleffate.

''Biyya nama hidhuu aadeffate Eertiraatti deebi'uun filannoo keessa waan galuu qabu hin turre.''

Kanaafuu Ruwaandaa filate.

Haata'u malee Ruwaandaan harkashee bal'istee akka isa hin simanne hubachuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkuma Kigaalii seeneen xiqqoo osoo hin turin gara biyya ollaa Yugaandaa akka geeffamu itti himame.

Eenyu akka murtee kana dabarse Bahabloomis ta'e namoonni BBC'n dubbise kaan hin beekan.

Garuu mootumman Ruwaandaa harka keessaa qabaachuu ni shakku.

Haalota akkasii fi kanneen kana fakkaatan irraa ka'uun Ruwaandaan baqattootaaf bakka amansiisaa ta'uun gaaffii keessa gala.

Keessattuu erga mootummaan UK baqattoota akka irraa fuutuuf Ruwaandaa waliin waliigalteerra ga'uu ibsee booda dhimmi kun ijoo dubbii falmisiisaa ta'eera.

Biyyoonni lixaa, keessattuu qaamoleen mirga dhala namaaf falman qabiinsa mirga namoomaan walqabatee qaawwa Ruwaaandaan qabdu kaasuun qeequ.

Akkaataa UK fi Israa'el dhimma baqattootaa irratti Ruwaandaa waliin waliigalan garuu garaagarummaa bu'uuraa ni qabaata.

Waliigalteen Israa'el imalli gara Ruwaandaa ''fedhii baqattootaa kan bu'uureffatedha,'' jedha.

Kan UK garuu dirqamaan raawwatama jedha.

Mootummaan Israa'el bara 2013 irraa hanga 2018 baqattoota Eertiraa fi Sudaan 4000 caalan gara Ruwaandaa fi Yugaandaa ergeera.

Bahabloom gara Kigaalii kan geeffame bara 2014 ture.

''Gara Ruwaandaa nu geessuun isaanii garuu kaayyoo imala gara Awurooppaa irraa duuba nu hin deebisne,'' jedha.

BBC'n baqattoota Israa'el irraa gara Ruwaandaa ergaman hedduu dubbiseera.

Baqattoonni hedduunsaanii bara 2014 hanga 2016 gidduutti gara Ruwaandaa geeffaman amma Ruwaandaa hin jiran.

Hedduunsaaii yeroo ammaa biyyoota Awurooppaa jiru.

Kanneen keessaa UK kan jiranis jiru.

Ruwaandaatti maaltu isaan mudate?

Hedduunsaanii jalqaba wayita buufata xiyyaaraa Kigaalii ga'an nama Joon jedhamuun simatamuu fi sanadi isaaniis nama kanaan irraa guuramuu yaadatu.

Erga iddoo qubatan geeffamanii garuu akka achii hin sochoone ittifamu.

Haala kanaan erga takka turanii booda socho'uu yoo fedhan doolaara 500 akka kaffalan gaafatamu.

Erga kana raawwatanii booda gara daangaa Yugaandaatti ceesifamu, gamatti ammoo konkolaataan daangaarraa fuudhee gara magaalaa Kaampaalaa isaan geessu isaan eega.

Sanadi isaanii harka namaa waan jiruuf gara jedhamanitti deemuu qofa malee filannoo hin qaban, ta'uu baannaan burjaajii godaansaa marsaa biraatu isaan eeggata.

Kanaan boodas daandii godaansaa kan biraatu yaadama.

Dhumarrattis karaa Meediteraaniyaanii irraan gara Awurooppaatti imaluu eegalu.

Bahabloom akka jedhutti baqataan tokkoyyuu sababa Ruwaandaa tursiifamuuf hin qabu.

''Filannoo waan hin qabneef waan ajajamte goota. Kaffali jennaan kaffaluudhaan ala filannoon wayi jiraa?'' jechuun waan murtee kanarraan isa ga'e yaadata.

Maaliif gara Ruwaandaa geeffamu?

Baqataan kan biraan Mabraahitoom Tasfaamikaa'el jedhamu nama Joon jedhamuun wamamu kana waliin dubbii keessa seene.

''Dhuunfaadhaan Joon dubbisuuf yaaleen ture,'' jedha namni kun.

Mabraahitoom bara 2014 Israa'el irraa gara Kigaalii geeffame.

Idoo Holoot jedhamu keessa ji'oota sagaliif tursiifame.

''Bakka kana gadi dhiisuu qabda jedhee wayita Joon na gaafatu maaliif jedheen gaafadhe. Wayita Israa'el irraa garana ergamnu Ruwaandaatti mirga guutuu ni qabaattu jedhamneeti. Iddoo kana maaliif gadhiisuu qabdu nuun jetta?'' jechuun akka ittiin lole dubbata.

 “Tarii as turuuf guyyoota sadi qofa waan isiniif kennan fakkaata. Isa booda garuu dirqama deemuu qabdu, naan jedhe,'' jedha namni kun.

Akka nama Afrikaa tokkootti Ruwaandaatti kunuunsa gaariin argadha jedheen abdadhee ture jedha.

Boodarra aanga'oonni mootummaa wayita hudhaa itti ta'uu hubatu abdii kutate.

''Yeroo baayyee namoonni akka ati daangaa hin ceene yoo barbaadan iccitiidhaan hojjetu. Isaan kunneen garuu ifuma baasanii nu jibban. Fakkeenyaaf wayita daangaarra geenyu akka sanada keenya agarsiifnu nu dirqamsiisu. Kunimmoo hojii hooggantootaati,'' jedha.

BBCn dhimma kanarratti mootummaa Ruwaandaa kan gaafate yoo ta'u, qondaalli dubbi himaa ta'e tokko ''Wanta isin jettan kana hin beeku. Ta'us garuu ni qoranna,'' jedhe.

Mootummaan Ruwaandaa nageenyaa lammiileesaas ta'e kanneen alaa gara biyyasaa seenanii eeguuf dursa kan kennuudha, kunimmoo baqattoota kunneenis ni dabalata jechuun deebisan.

Baqattoota hiriira ba'an

Madda suuraa, Getty Images

Dr Yootaam Giidiroom dhimma baqattoota Israa'el kanarratti waliigaltee jiru itti dhiyeenyaan beeku.

Abdii sobaa qofa osoo hin taane bu'aasaarra miidhaasaatu caala jedhu.

''Baqattoota qaama seeraan alaaf dabarsee kan kennedha,'' jechuun waliigaltee kana qeequ.

Dhimma baqattoota dabarsanii kennuurratti mootummaan UK yeroo yaalii waggaa shaniif mootummaa Ruwaandaa waliin kan waliigale yoo ta'u, akkaataa waliigaltee kanaan baqattoonni gaaffii dhiyeessan sagantaa yeroo dheeraa fi gabaabaan tursiifamu.