Tiktokariin Masrii hordoftootashee viidiyoo ‘live’ akka hojjetan gaafatte hidhaa waggaa sadiin adabamte

Screengrab from video posted by Haneen Hossam on 21 June 2021

Madda suuraa, hanenhossamofficial1___

Ibsa waa'ee suuraa, Haneen Hossam to'annoo jala ooluusheen viidiyoo baasteen dhiifamni akka godhamuuf gaafatte

Tiktokariin lammii Masrii dhaddachatti al lammataaf erga dhiyaatteen booda, yakka daddabarsa namootaan balleessaadha jedhamuun hidhaa waggaa sadiin itti murameera.

Haniin Hosaam shammarree ganna 20’moota keessa jirtu yoo tahu, dubartoota hordoftoota ishee tahan qarshii argachuuf jecha fayyadamuun himatamteetti.

Shamarreen kuni hordoftootashee viidiyoo kallattii (live) yoo hojjettann isinii kaffalama jechuun affeeruushee haalteetti.

Rogeeyyiin mirga namoomaa hidhamuun shamarree kanaa qaama tarkaanfii dubartoota beekamoo miidyaa hawaasaa irrattii taasifamuuti jedhan.

Hosaam dabalatee dubartoonni 11 kan hordoftoota miiliyoonaan lakkaa’aman qaban himannaan bara 2020 irraa qabee irratti baname mirga dhuunfaa/icciitii, bilisummaa of ibsuuufi qoodamuu dhabuu fa’i ni sarbaa jedhu.

Hosaam barattuu Yunivarsiitii Kaayiroo yoo taatu Tiktookii irratti viidiyoo shubbisaafi sirba namootaa fakkeesanii sirbuun hordoftoota 900,000 horatteetti.

Yeroo jalqabaaf kan to’annoo jala oolte bara 2020 yoo tahu, hordoftoota dubartootaa miidiyaa hawaasaa ‘Likee’ jedhamu fayyadamuun viidiyoo ‘live’ yoo hojjetan qarshii argachuu akka danda’an himuudhaan himatamteeti.

Yeroos manni murtii Hosaamiifi fayyadamtuu TikTok biroo hordoftoota baayyee qabdu Mawaadaa al-Adhaam ‘’safuu maatii cabsuun,’’ himatee, hidhaa waggaa lamaa fi doolaara 16,100 adabe.

Mawada al-Adham on a mobile phone screen

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin biraa Mawada al-Adham jedhamtus balleessaan irratti argameera

Bara 2012tti ol iyyannoodhaan Hosaam bilisaan yeroo gadhiifamtu, al-Adhaam immoo himanni ishee addaan cite. Kanumaan ji’a itti aanutti bilisaan gadhiifaman.

Haa tahu malee abbootiin alangee ergasii himannaa jabaa daddabarsa namaa waliin wal-qabatu banan.

Dubartoonni TikTok kunneen ‘’sona hawaasa Masrii cabsuun bu’aa qarshiif jecha dubartootatti fayyadamaniiru.''

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, himanichi garee Hosaam Linkee irratti beeksifteefi, viidiyoo Adhaam Instaagiraamii fi TikTok irratti maxxansite waliin wal-qabata.

Baatii Waxabajjii keessa Manni Murtii Kaayiroo lamman isaaniyyuu balleessaadha jechuun itti murteesse. Hosaam bakka hin jirretti waggaa 10 yoo adabamtu, Adhaam immoo mana murtiitti argamuuun adabbiin waggaa jahaa kennameeraafi.

Hosaam qabamuusheen dura viidiyoo,’’waan naamusaan ala taheefi akkasittin akkan adabamu kan godhu homaa tokko hin dalagane, namni ani miidhes hin jiru,’’ jechuun viidiyoo maaxxansitee turte.

Yeroo lammataaf dhaddachatti dhiyaachuuf eeyyama erga argatteen booda, manni murtii hidhaa waggaa sadiin adabuun dabalataan, doolaara 10,800 akka kaffaltu irratti mureera.

Ogeettiin seeraa mirga namoomaa, Maayi El-Sadaanii, murtoon mana murtii Masrii kuni fayyadamtoonnni miidiyaa hawaasaa hordoftoota baayyee qaban kaan affeeruun qarshii argachuuf yaaluu isaanii yakka gochaa jira jechuun Tiwiitarii irratti barreessite.