Youtube: Yuutuubaroota Itoophiyaa ji'atti birrii kuma 30 hanga kuma 220 argatan
Yeroo itti kennanii, yaadanii, baasanii buusanii viidiyoowwan warra dalaganiif Yuutuubiin oolee osoo hin buliin gatii dadhabbii isaanii deebisa.
Namoonni Yuutuubiin miliyeenaroota godhe muraasa miti.
Bara 2020 mucaa ganna 9 Raayaan Kaajii jedhamuuf Yuutuubiin doolaara miliyoona 29.5 kafaleefii jira. Kuni yeroo ammaatti birrii Itoophiyaa biliyoona 1.3 olidha.
Mucaan kun namoota Yuutuubiin bara 2020 maallaqa hedduu kaffaleef keessaa sadarkaa duraarra jira. Isatti aanuun Jiimii Doonaaldisan doolaara miliyoona 24 (birrii Itoophiyaa biliyoona 1 ol)argateera.
Maallaqni namootni lamaan kun argatan walitti ida'amee bajata magaalota gurguddoo Itoophiyaa tokko tokkoo ni caala.
Fakkeenyaaf baajatni magaalaa Hawaasaa kan A.L.I bara 2014 ida'ama maallaqa namootni lamaan kun argataniin kan qixxaatudha.
Ofii Yuutuubaroonni Itoophiyaa hoo hagam argatu?
Miikiyaas Taakkalaa jedhama. Maqaa Miikii Maayikoo jedhuun addunyaa Yuutuubiitti kan makame ganna 3 dura.
Durumaa hojii artiirraa fedha kan qabu Miikiyaas, karaa hiriyaa isaa mana intarneetii hojjetu tokkoo Yuutuubiin wal barate.
Yuutuubaroota biyyoota alaa maqaa gurguddoo qaban daawwachuu eegalee, boodas kaka'umsa horatee chaanaalii mataa isaa banate.
Kaameeraa kireeffatee hiriyoota isaa waliin diraamaa daqiiqaa 10 hojjetee chaanaalii isaarratti fe'e. Garuu namni daawwateef hin turre.
Miikiyaas abdii hin kutanne, viidiyoo piraankii biraa hojjetee fe'e. Inni namoota muraasaan ilaalameef. "Muraasa yoon jedhu, 50-60 kan ta'udha," jechuun yaadata.

Madda suuraa, Miikii Maayikoo
Waggoota sadan darban viidiyoowwan hedduu kan hojjete Miikiyaas, walumaagalatti viidiyoowwan isaa si'a miliyoona 43 ol ilaalamaniiru.
Chaanaaliin isaa ammatti namoota maamila ta'an ykn sabiskiraayibaroota kuma 485'tti siqan horateera.
Kanaanis waliigalatti hanga birrii miliyoona shanii akka argatu isa taasiseera.
Yuutuubiirraa faayidaa guddaa argachuu kan himu dargaggeessi kun torbanitti viidiyoowwan qabiyyee gara garaa qaban shan hojjetee gadi dhiisa.
Galii argatuunis jireenya gaarii jiraachaa akka jiru hima.
"Ji'atti kafaltii beeksisarraa argatu osoo hin dabalatiin doolaara kuma afurii hanga shanii (birrii kuma 220 ol) nan argadha," jedha.
Kaameeraa kireeffatee kan eegale Miikiyaas amma kaameeraawwan ammayyaa lamaa fi meeshaalee barbaachisoo biroo guuttateera. Namoota saddeet qacarees hojjechiisaa jira.

Wiintaanaa Yilmaa ammoo barmaatilee sirrii hin taane tokko tokko hawaasa keessatti guddatte keessatti agarte sirreessuuf ture Yuutuubii kan eegalte.
Dhimmoota akka jaalalaa, hiriyummaa fi bultii irratti iftoominaan dubbatamuu qaba jettee kan amantu Wiintaanaan dhimmoota kanarratti akka dubbattu Yuutuubiin karra baneef.
"Warri koo ijoollummaan waan wal fuudhaniif natti fakkaata yeroo mara yoo wal lolanin argaa guddadhe. Wayitan sadarkaa lammataa barachaa ture abbaa fi haati koo wal hiikan."
"Sababa isaan wal hiikaniif jireenyi fokkisaa jiraanne. Yeroosiin waa'ee jaalalaa fi bultii irratti hojjechuu yaaduu eegale," jetti Wintaanaan.

Madda suuraa, Wintana Yilma
Chaanaalii Yuutuubii tokkorratti ji'aan birriin kuma 10 kafalamaafii viidiyoowwan qabiyyee jaalalaa fi saal-qunnamtii akkasumas bultii qaban qopheessuu eegalte.
Viidiyoowwan hojjettu namoota hedduun ilaalamuufillee yaadoti isheef kennaman, rifaasisoo fi kan hamilee ishee tuqan turan.
Haata'u malee yaadota kanaan osoo hin mo'amiin, ittuma fufte.
Viidiyoowwan isheen hojjettuu miliyoonaan ilaalamannillee mindaan ishii waan hin daballeef baatilee lama dura chaanaalii mataa ishee banatee hojjechuu eegalte.
Chaanaaliin ishiin banatte baatii lama jidduutti sabiskiraayibaroota kuma 19 ol kan horate yoo ta'u viidiyoowwan ishii al kuma 750 ol daawwatamaniiru.
Ammatti galiin ishiin ji'atti argattu kuma 10 irraa gara kuma 30 ol guddatee jira.
Dabalataan qabiyyeen viidiyoowwan ishii jireenya namootaa jijjiiraa jiraachuutti gammachuu akka qabdu himti.
Sababa viidiyoowwan ishiitiin namoonni bultii isaanii diiguuf fiixeerra turan, wayita bultiin isaanii baraaramu arguu caalaa milkaa'inni eessa jira jechuun gaafatti.
Yuutuubiin akkamiin milkaa'uun danda'ama?
"Ani kanan mikaa'e cichoominaan waanan hojjedheef natti fakkaata ...jalqabarra walitti fufiinsaan 'viiwu'(daawwatamuu) maleen hojjedhe. Yeroo dheeraaf Yuutuubiin naaf hin kaffalu ture, eeguun narra ture," jedha Miikiyaas.
Yuutuubii irratti milkaa'uuf furtuun ijoon cichoomina ta'uu dubbata.
"Hojii Yuutuubii eegaluun dura fedhii ofii baruun barbaachisaadha kan jettu Wiintaanaan, waan hojjechuu feenuu fi maal irratti hojjechuu akka feenu adda baasnee beekuu qabna," jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Akka Miikiyaas jedhutti naannawa keenya yoo ilaalle, wantoonni Yuutuubiif Viidiyoo irratti hojjechuu dandeenyu danuudha.
"Haati tokko hojii booda akkamiin daa'ima ishee akka kunuunsitu, hojii yoo deemtu daa'ima ishiif maal maal qopheessiteefi akka deemtu, kanuma ilaaluu namni barbaadu jira."
"Dargaggoonni gamoo ijaaran Yuutuubii galii dabalataa ittiin argachuuf oolfachuu danda'u, gamoo ykn manni yoo ijaaramu dadhabbii jalqabaa hanga xumuraa jiru hundi keenyayyuu ilaaluu ni feena."
Jiruu fi jireenya keenya mara Yuutuubiin walitti hidhuun ni danda'ama jedha Miikiyaas.
Yuutuubiin namoota namoota dadhabe osoo hin jedhan hojjetan ni jajjabeessa kan jettu Wiintaanaan, haguma namni hedduun ilaale maallaqni argamu waan guddataa adeemuuf, yaadota haaraa fidanii dorgomaa ta'uun barbaachisaa ta'uu dubbatti.
Viidiyoowwan Yuutuubiirratti fe'aman bu'a qabeessa gochuuf...
Waggoota muraasa dura ogeessi miidiyaa Piit Wiiltar BBC'tti akka himetti viidiyoowwan Yuutuubii irratti fe'aman bu'a qabeessa akka ta'an qabxiilee gargaaran jiru.
Kan jalqabaa sa'aatii daawwatamu ykn 'Watch time'dha. Kuni daawwattoonni jiddugaleessaan viidiyoo tokko yeroo hagamiif akka daawwatan kan agarsiisudha.
Kanaaf fakkeenya yoo kaa'u, viidiyoo sakandiiwwan muraasaaf namootni kumni tokko ilaalan caalaa, viidiyoo namootni 100 daqiiqaa tokkoo oliif ilaalantu caala jedha.
Kanaaf viidiyoowwan qalbii namaa hawwatan daqiiqaa tokkoo hanga sadii hojjechuun bu'a qabeessa ta'uu danda'a jedha.
Qabxiin ijoon biraa mata dureedha. Daawwattoota hawwachuu kan danda'uu fi viidiyicha sirriitti kan ibsu ta'uu qaba. Gaalee yaada viidiyicha keessa jirurraa fudhatame yoo ta'e daawwattoonni ergaa viidiyichaa akka hubatan gargaara.
Gama biraan viidiyicha kan ibsuu fi achumarraa kan fudhatame suuraa [Thumbnail] daawwattoonni akka viidiyicha bananii ilaalan taasisu qabaachuun barbaachisaadha.
Xumura irratti viidiyoo dalagame marsaalee hawaasaa gara garaa irratti qooduun barbaachisaa ta'uu hima Piit Wiiltar.
Gara Miikiyaas fi Wiintaanaa yoo deebinu, Wiintaanaan gara fuulduraaf mucaa ishii waliin waa'ee kitaabotaa, muuziqaa fi sagantaawwan daa'imman irratti xiyyeeffatan hojjechuuf yaada qabdi.
Miikiyaas ammoo sagantaalee gargaarsaa ykn tola ooltummaa eegale jabeessee itti fufuu fedha.Sagantaalee hojjetu keessaa daqiiqaa 30 kan jedhu namoota rakkatan gara garaa ittiin gargaara.
Yaadicha guddisuun jiddugala tola-ooltummaa ykn gargaarsaa 'Yanee Sawu' jedhamu baneera.Hojiiwwan bakkoota gara garaa deemuun amma booda hojjetu hojii tola ooltummaa waliin wal qabsiisuu fedha.
















