'Youtube' viidiyoowwan qabiyyee barnootaa qabaniif doolaara mil. 20 ramade

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni 'Youtube' namoota viidiyoowwan nama barsiisaniifi akka itti waa hojjetamu agarsiisan qopheessan jajjabeessuuf jecha doolaara miliyoona 20 ramaduu isaa beeksise.
Namoonni armaan dura viidiyoowwan gaggabaaboofi haalaan qoratamanii qophaa'an qopheessuun 'Youtube' irratti gadhiisan, maallaqa itti argataa hin jirru jechuun komataa turan.
Akka komii namoota kanaatti 'Youtube'n viidiyoowwan dhedheeraa fi dubbii dafee gurra namaa seenu qaban qofa namoota hedduu biraan gaha.
Maallaqani haaraa ramade kun namoota 'waa barsiisuufi baruu fedhaniif' dirree 'Youtube' mijataa taasisa jedheera dhaabbaatichi.
Kaka'uumsa kanaan 'Youtube'n chaanaalii haaraa 'Learning channel' jedhu kan viidiyoowwan qabiyyee barnoota qaban bakka tokkotti argachuu nama dandeesisan akka eegalus himeera.
Namootni viidiyoolee barnoota hojjetaniifi akka itti waa hojjetamu agarsiisan odeeffannoon isaan kennan sirrii ta'uu mirkaneessuuf akka hojjetanis hogganaa muummee barnootaa 'Youtube' Maliik Duukaard waliin turtii taasisee ture.
Viidiyoowwan chaanaalii haaraa 'Learning channel' jalatti fe'aman kanneen odeeffannoon isaanii sirrii ta'uun mirkanaa'e akka ta'es himaniiru.
Namoonni akkamiin viidiyoo nama barsiisuufi akka itti waa hojjetan agarsiisu akka qopheessuu danda'an kan nama barsiisaan viidiyoowwan 'Youtube' qopheessuu jiraachuus himaniiru.
Dhaabbileen gurguddoon tajaajilaafi omisha isaanii 'Youtube' irratti beeksifatan akka dabalaniif ni hojjennas jedhaniiru.












