Weellisaa sirba beekamaa Desipaasiitoo nama isa fakkaatutti hate

Daaddi Yankee

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Daaddi Yankee, ka maqaan dhugaa Ramon Luis Ayala, weellisa Puerto Rico

Hattuun weellisaa sirba beekamaa Desipasiitoo, Daaddi Yankee of fakkeessuun, kutaa isa hoteelaa Ispeen seenee faaya doolaarii miliyoona 2.3 baasu hate.

Akka himaniiti, hattuun sun Daaddii Yankee of fakkeessee, hojjattoota hooteelaa Valensiyaati bilbile, kutaa naa banaa jedh.

Daaddi Yankee ka sirbi isa Desipasiito addunyaa dhaqqabe, daawwana Awuroppaa jira.

Poolisiin qorannaa hanna suni irra jira jedh. Har'iti maro qaratimiti ka weellisa hatan.

Desipasiitoon sirba ilaalcha baayyee argate, Youtube irratti ilaalcha biliyoona 5 olii qaba.