Baqattoonni Itoophiyaa fi kaan Liibiyaa keessatti guyyaa 10ffaaf mormiirra jiru

baqattoota mormiirra jiran

Lammiilee Itoophiyaa dabalatee godaantonni biyyoota Afrikaa garagaraa Liibiyaa jiran, dararaan hamaa nurra gahaa jira jechuun torban tokko oliif mormii dhageessisaa jiru.

Godaantonni kunniin manneen hidhaa biyyattii keessa jiranitti dararaan isaanirra gahu akkasumas, sarbaminsa namoomaa nurraan gahaa jira jedhan mormuuf, waajira UNHCR magaalaa Tripoolitti argamu fuulduratti mormii dhageessisaa akka jiran BBCn hubateera.

Godaantonni kunis torbe darberraa eegalee, guyyaa kurnaffaaf fuulduruma sana oolanii bulaa jiru.

Godaantota kanneen keessaa daa’immaniifi haadholiinis keessatti akka argaman suuraalee qoodaman irraa hubanneerra.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti dhaabni baqattootaa – UNHCR dameen Liibiyaatti argamu gamasaatiin, baqattoonni hedduun gara waajira isaa CDC jedhamutti dhufuu mirkaneessuun, humnaa ol akka itti tahes himeera.

Hoogganaan Ejensii Baqattootaa UN damee Liibiyaa Rooyitarsiif odeeffannoo kennaniin yoo xiqqaate baqattootni jaha tursiisa baqattootaa Tiriippooliitti rasaasaan ajjeefamaniiru jedhan.

Baqattootni hedduun gidduugala tursiisa baqattootaa kana keessaa cabsanii miliqaniiru kaan daandiidhuma dhiyeenya sanitti argamutti walitti qabamaniiru jedhan.

Fuula facebook Dhaabbatichaan ergaa qoodameen: ‘‘CDC fuulduratti namoonni haala hin eegamneen dhufuu isaaniitiin, akkasumas hokkora babal’achaa dhufeen… hojiin idilee CDC dhaabbateera,’’ jedheera.

Dargaggoo Abdurrahmaan Abdulqaadir Liibiyaa keessaa waggaa jahaaf akka jiraate BBCtti himee ‘‘Mootummaan Liibiyaa nutti ka’e. Nama qabee mana hidhaatti guuruu eegaleera,’’ jechuun gadda guddaan rakkoo keessa akka jiran hime.

Dargaggoon kun dabaluun ‘‘hatattamaan biyya kana keessaa akka nu baasan gaafachaa jirra,’’ jedhe.

Kana malees dhalattoonni biyya Itoophiyaa fi kaan manneen hidhaa keessatti guuraman kanneen kumaatamaan lakka’aman mana hidhaa cabsanii akka bahanis gabaafamaa kan jiru yoo tahu, kanneen lubbuun darbes akka jiran himamaa jira.

Gabaasa Ergamni Deeggarsa UN Liibiyaa Keessaa – UNSMIL torban dabre keessa baaseen, yoo xiqqaate godaantota keessaa namni tokko yoo ajjeeffamu, 15 ammoo miidhaan cimaafi salphaa irra gaheera jedheera.

Akka gabaasa kanaatti humnoonni nageenyaa mootummaa Liibiyaa, bakka Gargaresh jedhamuufi bakka godaantonni fi koolu-galtoonni heddumminaan itti jiraatan seenuun duula gaggeessaniin miidhaa geessisan.

UN akka jedhutti duula mootummaa Liibiyaa gaggeessaa jiru kanaan daa’immaniifi dubartoota dabalatee yoo xiqqaate namoonni 4,000 tahan hidhaa bu’aniiru.

Baqataa miidhamee ciisu

Akka dargaggoo Abdurrahmaan jedhutti, namoonni manneen hidhaa mootummaa Giriyaanaa jedhamu cabsanii bahaniin hokkora dhalateen, lubbuun namaa darbus ni hima.

Viidiyoowwan bakka sanaa BBCf ergaman akka mul’isanitti dargaggoonni dhibbaan lakkaa’aman barreeffamoota Afaan Ingiliiziifi Afaan Arabaa qabatanii mul’atu.

Ergaawwan mul’atan keessaa: ‘‘Lubbuu baqattootaaf xiyyeeffannoo’’ ‘‘Baqattoota gara bakka nagaa qabutti godaansisaa’’ kan jedhaniifi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN), Gamtaan Awurooppaa (EU), Gamtaan Afrikaa (AU) akak isaaniif birmatan barreeffamoota gaafatan qabatanii jiru.

Kana malees dargagggoonni gariin miidhaan qaamaa irra gahee mul’ata.

Dhimma baqattoonni himatan keessaa, maneen hidhaa kanneen keessa dararaan irra gahuu dabalatee, eegdota manneen hidhaatiin maallaqa hedduu akka maatii isaaniirraa ergisiisan dirqisiifamuu himatu.

UN gamasaan ibsa torbee dabre keessa baaseen ‘‘mootummaan Liibiyaa to’annoo jala oolchuu fi hidhaa seera qabeessa hin taane akka dhaabu,’’ gaafachuun, daa’immaniifi dubartoota hidhees atattamaan akka gadhiisu gaafate.