Bidiruu lammiilee Itoophiyaafi Somaaliyaa feetee turte keessaa kan du'an 49 gahan

Bidiruun Yaman qarqara magaalaa Adenitti dhidhimte (suuraa kuusaa bara 2019 keessaa)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bidiruun Yaman qarqara magaalaa Adenitti dhidhimte (suuraa kuusaa bara 2019 keessaa)

Bidiruun baay’inaan godaantota Itoophiyaa feete qarqara Yamanitti dhidhimtee yoo xiqqaate namoonni 49 galaafachuu Dhaabbatni godaantotaa Idila addunyaa(IOM) beeksise.

Kanneen balaa kanarraa hafan lubbuu baraartotatti akka dubbatanitti bidiruun kuni godaaantota 250 ta’an feetee turte. Kan garagaltees bubbee hamaarraa kan ka’edha.

Akka ibsa IOM'tti bidiruun dhidhimte godaantota 260 feetee turte. Kanneen keessaa 145 lammiilee Itoophiyaati. Kan hafan 115 ammoo lammiilee Somaaliyati.

Warra du'uuniifi baraaramaniin alatti namootni 140 ammallee achi buuteen isaanii hin beekmane.

Akka godaantotni balaa kanarraa lubbuun oolan jedhanitti dooniin kun Dilbata darbe Somaaliyaa Bosaasoo bakka jedhamurraa ka'uun gara Yaman qajeelan.

Dubbii himaan IOM Mohammedali Abunajela Mohaammedalii Abunaajelaa balaan ammas qaqqabe kun nageenya godaantotaarratti hojiin atattamaan hojjetamuu akka qabu agarsiiftuudha jedhan.

Gareen lubbuu baraaru bakka balaan kun qaqqabe naannoo Algareef jedhamutti bobba'uu himan.

Hanga ammaa kanneen du'uun isaanii mirkanaa'e keessaa 31 dubartoota, jaha ammoo daa'imman ta'uu dhaabbatichi ibseera..

Kanneen lubbuun baraaraman ammoo 71 ta'u. Lakkoofsi namoota du'aniis baraaramaniis yeroo yerootti dabalaa akka deemu eegama.

Aangawoonni magaalaa Rudum kan baha magaalaa guddoo Yamanitti argamtu akka jedhanitti bidiruu kana kanneen yaabbatan keessaa garri caalu lammiilee Itoophiyaadha.

Godaantonni kuni Yaman keessa bahuun Sa’udi Arabiyaa seenuuf itti dhimma bahu.

Aangawaan bulchiinsa Rudum, Hadii al-Hurmaam, bidiruun kuni kan dhidhimte qarqara galaanaa osoo hin gahiin duradha jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

Namoonni bakkicha turan lubbuu namoota hedduu baraaruun ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Kanneen qurxummii kiyyeessaniifi jiraattonni lubbuu namoota 78 bidiruurra turaniifi 100 ol kan ta’an achi buuteen isaanii dhabamuu dubbatan baraaraniiru,'' jechuun aangawaan dubbataniiru.

''Barbaachi itti fufeera, waa’ee taatee mudate Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti gabaafameera,'' jedhan.

Akka ragaan UN agarsiisutti, bara 2023 qofa godaantonni 97,000 biyya Yaman ofiifuu waraana keessa jirtu seenaniiru.

Hidhattooti Huutii Yaman keessa jiran dooniiwwan Galaana Diimaarra imalanirratti haleellaa raawwachuu itti fufanis godaantonni kuni imala balaarra buusu hordofuun gara Yaman seenuu hin dhiifne.

Godaantota Jibuutiirraa ka'uun karaa seeraan alaa Galaana Diimaa qaxxaamuruun gara Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoota Galoo Galaanaa kaan imalan yeroo garaagaraatti balaa suukanneessaan mudateera.

Imala balaafamaa kana keessatti lammiileen Itoophiyaa baayyinaan hirmaatu.

Namoota karaa seeraan alaa godaantota deddeebisaniif maallaqa guddaa kaffaluun alatti rakkoo fi dararaan akka isaan mudatu yeroo hedduu dubbatu.

Ebla darbe keessa qofa balaa doonii walitti aansee mudateen lammiileen Itoophiyaa 60 ta'an lubbuunsaanii darbeera.

Lammiileen Itoophiyaa jiruu fooyyee barbaacha gara Sa'udii imalan irra deddeebiin du'aaf saaxilamaa turuun isaanii ni yaadatama.