Bidiruu tibbana Jibutiitti dhidhmtee lammilee Itoophiyaa du'an keessaa namni lubbuun hafe waan jedhu

Lammiileen Itoophiyaa 77 ta’an jireenyi godaansaa Saawudiifi Yamaniitti dabarsaniin nuffan gara Itoophiyaa maatiisaaniitti deebi’uuf murteessan.
Murteesaanii kanas dallaalaatti himanii Ebla 22, 2024 galgala bidiruu gara Jibuutiitti ceesiiftuu qophii ta’u itti himan.
Jabuutii seenuudhaaf Galaana Diimaa qaxxaamuruun dirqama. Imala kanas duraan yeroo Yeman dhaqan keessa darbanii beeku.
Kanaafu maallaqa gaafataman dalaallaadhaaf kanfaluun magaalaa buufata Yeman Aaraa jedhamtu galagala keessa dhaqaban. Mahaammad (maqaan kan jijjirame) kan BBCn dubbisee gondaantoota 77 keessaa tokko fi bidiruun imalaaf yaabbatan erga dhidhimeen boodas kanneen lubbuun bahan keessaa tokko.
Bidiruun yaabbatanii turan garagaluun 77 keessaa yoo xiqqaate 33 du’uusaanii mootummaan Jibuutii Wiixata Ebla 22, 2024 BBCtti hime. Kanneen du’an keessaa dhalattuu baatii shaniifi dubartoota shanitu argama. Mucaan waggaa saddeetiis kanneen du'an keessaatti argama.
Nammoonni 20 hanga ammaatti waan hin argamneef lakkoofsi namoota du’anii kana caaluu akka danda’u tilmaamama.
Lammiileem Itoophiyaa 33 lubbuuun hafanis ammaatti Jabuutii Obook buufata dahannaa IOM keessatti deeggarsi taasifamaa jira.
Mahaammadiifi kaan yeroo buufata Yamanii ka’an nammoonni Bidiruurratti fe’aman baayyachu dallaalotatti himu yaadata.
‘‘Jalqaba 50 taana turre. 27 fidanii nutti daballaan komii dhiyeessinee turre.’’
Mahaammad eenyyudha?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mahaammad maatiisaatiif ilma jalqabaati. Dargaggoon kun umrii waggaa 22 wayita guututti maatiisaa deeggaruuf abdachuun biyyaa bahu murteesse.
Qonnaa fi qe’ee warraasaa dhiisee Yeman, Saawudi Arabiyaa dhaqee hojjachu barbaade. Kanaaf kan jajjabeessan ammo dallaaloota turan.
Mahaammad gara Yeman erga imalee waggaa lamaafi baatii tokko ta’u kaasa. Gara sana imaluufis birria kuma 17 dallaalaaf kanfale.
Mahaammad Saawudii galuuf abdatulleen sababii waraana Yamaniitiin kun hin milkoofneef. ‘‘Eegdoonni daangaa Saawudii namatti dhukaasun nama ajjeesu. Duutii waan baayyateef ce’u hin dandeenye’’ jedhe.
Hawwiinsaa Saawudii mikaa’u dhabuun alattis, turtiinsaa Yaman wagga lamaafi baatii tokko Mahaammad waan baayyee barsiiseen.
Biyya ormaatti hojii malee kadhachuun jiraachuun itti hin tolle. Haala kana keessatti ture dallaaloonni namoota gara Jibuutii deebii’u barbaadan kanfalchiisuun akka ceesiisan kan dhagahe.
Nama Saawudiirraa gara Itoophiyaa deebii’u Riiyaadii 1,500 kanfalchiisu jedha Mahaammad. Yeman irraa ammo Riiyaad 600 kanfalchiisu jedha.
Godaantoonni Yamaniitti argaman baayyee ta’ufi irra caalaan biyyattii deebii’u akka barbaadan Mahaammad ni dubbata. Haata’u malee maallaqa dallaalaaf kanfalamu hin qaban jedha.
Kanaaf, waan boru fidee dhufu eeguun Yaman keessatti rakkataa jiru. Tibba sooma Ramadaanaatti dhaabbanni baqattoota Biyyoota Gamtomanii namoota muraasa buufata galchee ture jedha Mahaammad.
Kan hafan ammo daandiiwwan Yaman irratti beelaan adabamaa jiru jedha. Irra caalaan godaantoota Itoophiyaa Yaman dhaqan Magaala Edan akka dhaqan kan himu Mohaammad, achiiti jireenyi baayyee cimaa ta’u yaadata.
Mahaammad imalarraa kaasee, Yeman wayita tureetti, waliitti bu’insa keessatti akkasums eegdoota daangaa Sawudiitiin du’a dhiheenyatti argee akka ture yaadata.
Mohaammad erga wagga lamaaf daandii Yaman irratti hojii malee dabarseen booda maatiitti bilbiluudhaan maallaqa dallaalaadhaaf kanfalamu akka ergiisiifate BBCtti hime.

Bidiiruu isaanii maaltu mudate?
‘‘Biyyatti deebii’ee jiraachu qaba jedhee waanan murteesseefan Yamanii bahuuf murteesse’’ jedha. Akkuma isaa kanneen gara biyyaatti deebii’u murteessan lammiileen Itoophiyaa 77 waliin gara Jibuutiitti imala eegalanii ture.
Namoota bidiruu sana keessa turan keessaa haatii mucaa baatii torbaa harkatti baattuu akka turte dubbata Mahaammad.
Garuu bidiruun ittiin imalaa turan akkuma qarqara galaanaa qaqabaniin jalaan dhakkaan rukutuu dubbata Mahaammad.
Bidiruun sunis namoota buusuudhaaf eddo gaarii wanna hin arganneef bishaan keessa dhaabbachuuf dirqamu yaadata. Godaantoota karaa ittiin bu’an dhabaniittis akka tasaa hidhattoonni itti dhufan.
Bidiruun sunis dhakaadhaan rukutamtee gara bishaaniitti deebii’u akka rakkattee yoo argan hidhattoonni dhiyaatanii funyoo (haada) irraa muranii gara galaanaatti dhiiban. Yoos hunduu haaluma amantaa isaanittiin Waaqa kadhachuu akka eegalan yaadata.
Nu qaqaba jechuunis iyyuu eegalan. ‘‘Nuti Allaah jenna, Kiristaanooti ammo Waaqa sodaadhaa jechuun hidhattoota kadhatan’’ jedha Mahaammad. Hidhattoonni garuu bidiruun sun gara daangaa galaanaatti akka siqtu hin barbaadne. Jidduu kanatti burjaajiin umamee bidiruttiin garagalte.
Imaltoonni bishaan keessatti kufanis namni qaqabuuf waan hin turrreef miira gaddaatiin, ‘‘obboolaa keenya meeqatuu du’e seete. Nama 40 ol kan ta’utu du’e’’ jedha.
Haatii mucaa baatii torbaa qabattee turte ‘mucaakoo naaf oolchaa’ jechaa akka kadhataa turte hojjattoonni Biyyoota Gamtoomanii namoota lubbuun hafan irraa dhagahu BBCtti himan.
Jalqaba harkaa fudhanii booda deebiisanii itti kennuun haatiis mucaanis Galaana Diimaa keessatti kufuudhaan du’an jedhu.
Mohaammad garuu ‘‘daakuu hin beekuun ture garuu jarkaanii boba’aa argannaanan dugdakoo irratti hidhee isa qabadhee bishaan dhiibuu jalqabe. Namoonni ana bira turan shan kaanis ana qabatanii gara qarqara galaanaatti imalle’’ jechuun attamiin akka lubbuun hafe hima.
Isaan booda hojjattoonni dhaabbata godaantoota UN magaala Abookiitti argaman qaqabanii lubbuun baraaruu dubbata Mahaammad. Ammattis buufata baqattootaa IOM Jibuutii-Abook keessatti argama Mahaammad.
‘‘Amma Waaqni lubbuukoo oolcheera. Kanaan booda gara biyya ormaa nan deema jedhee hin yaadu. Gara itoophiyaatti deebii’ee biyyakoofi mataakoo tajaajiluun barbaada,’’ jedha.
Torban lamaan duras akkasuma bidiruun godaantoonni Yamanii gara Jibuutiitti deebii’aa turan feetee turte garagaluun lammiileen Itoophiyaa 38 du’unsaanii ni yaadatama.












