Galaana Diimaatti bidiruun dhidhimuun yoo xiqqaate lammiileen Itoophiyaa 33 du'an, kaan hin argamin jiru

Madda suuraa, Mohamud Bulhan/BBC
Mucaan umrii waggaa saddeetii baqattoota Itoophiyaa Galaana Diimaatti dhuman 33 keessaa tokko ta'uu qondaaltonni dhimmi ilaallatu BBCtti himaniiu.
Bidiruun Yaman irraa gara Itoophiyaa osoo imaltuu qarqara Galaanaa Diimaa Jibuutiitti dhiyaatutti dhidhimte kun namoota 77 feetee akka turte Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaa dhimma baqattootaa (IOM) ibseera.
Bidiruun baqattoota Itoophiyaa kunneen qabattee dhidhimuu jalqaba kan argan warra qurxummii kiyyeessan, isa booda waan ijaan argan eegdota handaara galaanaatti himan.
Kana hordofuun lubbu-baraartonni kanneen dhidhiman keessaa 20 baraaran, kaan ammallee hin argamne.
Kanneen lubbuun baraaraman wayita gara handaara galaanaa Jibuutiitti baafaman rifaatuu fi sururama hamaatu irraa mul'ata.
Handaara galaanaa Jibuutii magaalaa xiqqoo Godoriyaa jedhamutti erga walitti qabamanii booda wal'aansaaf gara hospitaalaa geeffaman.
Ergasii karaa jaarmiyaa dhimma godaantotaa UN, IOM gara Itoophiyaatti deebifaman.
Qondaalli olaanaan eegdota galaanaa Jibuutii Isse Iyah, godaantonni kunneen Yaman gadhiisanii kan ba'aniif jireenyi achii kan biyyasaaniitti baqatan caalaa waan hammaateef jedhan.
Jibuutiitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee taatee mudate kanaaf gaddasaanii ergaa toora X (tiwiitarii duraanii) irratti barreessaniin ibsaniiru.
''Imalli seeraan alaa Jibuutii irraa gara biyyoota Baha Giddugaleessaatti taasifamu balaafamaadha. Sababa kanaan lubbuu namaa dhabuun baratamaa ta'eera. Kun irra deddeebiin mudata,'' jedhan Ambaasaaddar Birhaanuun.
Biyya handaara galaanaa hin qabne Itoophiyaarraa daafoo waraanaa baqachuun lammiileen karaa Jibuutii gara Yaman ce'uun, achirraan ammoo gara Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoota Arabaa kaanii imalan lakkoofsi isaanii yeroo gara yerootti dabalaa jira.
Lammiileen kunneen carraa hojii argatanii jireenyasaanii fooyyessuuf imala balaafamaatti seenu.
Garuu erga Yaman seenanii achitti ugguramanii rakkoo garaagaraaf saaxilamu, biyya ofiifuu waraanatti jirtu keessatti dararamu.
Bidiruun godaantotaa Galaana Diimaatti dhidhimuun lubbuun namoota galaafatamuun kun irra deddeebiin mudataa jira.
Torban lama duras galaanuma kanatti bidiruun godaantota feete dhidhimuun yoo xiqqaate lammiileen Itoophiyaa 38 ta'an dhumaniiru.
Qondaaltonni akka jedhanitti waggaa kudhan keessatti Galaana Diimaarratti namoonni 1,000 ta'an lubbuu dhabaniiru.












